Duulli Ameerikaan garee ISIS irratti eegalte maali?

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp Ameerikaan Naayijeeriyaa keessatti garee IS irratti ''haleellaa cimaa'' raawwachuu himan.
Tiraamp Ameerikaan, kaaba dhiha Naayijeeriyaa keessa garee Islaamummaa socho'aa jira irratti ''haleellaa cimaa lubbuu isaani gaaga'e heddu'' raawwachuu dubbatan
IS ''shororkeessitoota waliindhooftudha'' kan jedhan Tiraamp, gareen kun ''kiristaanota qulqulluu, irratti xiyyeeffachuun galaafataa jiru'' jechuun himataniiru.
Pirezidaantichi humnoonni Ameerikaa ''haleellaa milkaa'aa hedduu'' raawwataniirus jedhan.
Ajajni Afriikaa Ameerikaa (AFRICOM) Kamisa darbe kana qindoomina Naayijeeriyaa waliin ta'uun naannoo Sokotootti haleellaa raawwachuu ibsan.
Ministirri Dhimma Alaa Naayijeeriyaa Yuusuf Maayitaamaa Tugar BBC'tti akka himanitti, haleellaan ''shororkeessitoota'' irratti raawwatame ''hojii waloo'' ta'uu ibsaniiru.
Garuu halellicha amantii kamuu waliin kan wal qabatu akka hin taane cimsaanii eeran.
Tugar haleellaan dabalataa jiraachuu akka danda'u ibsuun, garuu ''murteen kun hoggantoota biyyoota lamaaniitiin kan murtaa'udha jedhan''.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Hoggansa koo jalatti biyyi keenya shororkeessitoonni Islaamummaa akka ciman hin hayyamnu" jechuun Doonaald Tiraamp Kamisa galgala toora miidiyaa hasaawaa isaanii Truth irratti barressan.
Tiraamp baatii Sadaasaa keessa hidhattoota Islaamaa Naayijeeriyaa keessatti tarkaanfii akka fudhatan akeekkachiisani ture.
Dhiheenya kana lammiilee Ameerikaa hedduun Kiristaanota Naayijeeriyaa irratti duguuggaan sanyii raawwatamaa jiru jechuun himannaa hedduun irratti dhiyaataa jira.
Gama biraatiin ammoo Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Piit Heeges Kamisa darbe tiwiitara isaanii irratti, "Mootummaan Naayijeeriyaa deeggarsaafi tumsa nuuf godheef galata guddaa qaba" jechuun barreessaniiru.
Naayijeeriyaa bakka Kiristaanonnis ta'e Muslimoonni jiraatan keessatti ragaan Kiristaanonni lakkoofsa guddaan ajjeefaman agarisu hin jiru.
Gorsaan Pirezidaantii Bola Tinubuu BBC'tti akka himanitti, tarkaanfiin Ameerikaan gareewwan jihaadistootaa irratti fudhatu kamiyyuu qindoominaan kan raawwatamu ta'a.
Daani'eel Buwaalaan biyyi isaanii hidhattoota Islaamaa loluuf deeggarsa Ameerikaa akka argattu ibsuun, garuu biyya "abbaa abbaa biyyummaa qabdu" ta'uu cimsanii dubbataniiru.
Gorsaan kun akka jedhanitti, jihaadistoonni hordoftoota amantaa tokkoo irratti xiyyeeffatanii osoo hin taane hordoftoota amantaa hunda ajjeesanis jedhan.
Preezdaanti Tinubuu biyyi isaanii aadaa wal danda'uu amantii qabdi kan jedhan yoo ta'u, rakkoon nageenyaa kun "namoota amantii hunda keessa jiran qoraa" jira jedhan.
Traamp kanaan dura Naayijeeriyaa "biyya yaaddoo addaa qabdu" jechuun jechuun kana dura labsanii ture.
Sababiin isaas baay'inni ummata ishee Kiristaanaa "balaa jala jiruu" jechuun ibsan.
Pirezidaantiin Ameerikaa Kiristaanonnii "kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru" jedhan, garuu ragaa tokkollee hin dhiheessine.
Labsiin Tiraamp sun seera Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets biyyoota "bilisummaa amantii sarban" irratti qoqqobbii kaa'uuf itti fayyadamudha.
Gareen Jihaadistotaa kanneen akka Boko Haram fi Islamic State waggootaaf kaaba baha Naayijeeriyaa keessatti fincila dhiigaan dhangalaasuu taasisaa kan jiru yoo ta'u, namoota kumaatamaan lakkaa'aman ajjeesaa turan.
Akka gareen hordoffii addunyaa Acled jedhutti namoota miidhaman keessaa harki caalaan Muslimoota.
Giddugaleessa Naayijeeriyaa keessattis waldhabdeen tiksitoota Musliimaa fi qonnaan bultoota Kiristaanota gidduutti bishaanii fi nyaata horii ilaalchisee uumamaa ture
Torban darbe Ameerikaan hidhattoota IS Siiriyaa keessa jiran irratti "haleellaa xiyyaaraa guddaa" raawwachuu ishees beeksiste ture.















