Waliigaltee Ameerikaan Itoophiyaa dabalatee kaan waliin mallatteessisaa jirtu maaliif falmii kaase?

Waliigaltee fayyaa Itoophiyaa fi US

Madda suuraa, MOH/FB

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa damee fayyaa biyyattii jabeessuuf mootummaa Ameerika waliin waliigaltee deeggarsaa doolaara biliyoona 1.6 ta'u mallatteessuu beeksise.

Waliigalteen Ambaasaaddar Erviin Masingaa fi aanga'oota ministeerichaa gidduutti mallatteeffame hojiile ittisaa fi to'annoo HIV/ AIDS, Daranyoo Sombaa, busaa, fayyaa haadholiifi daa'immanii akkasumas to'annoo dhiibeewwan weeraraan ka'an irratti xiyyeefata.

US amma dura deeggarsa gochaa turte itti fufuu maallaqa waliigaltee kanaa keessaa doolaara biliyoona 1.16 ni gumaachiti.

Waliigalteen raawwatame kan doolaara biliyoona 1.6 yoo ta'u kan hafe mootummaa Itoophiyaan haguugama.

Sagantaan deeggarsaa kun waggoota dhufan shaniif hojiirra oola.

Akkuma kana waliigalteen damee fayyaa irratti tumsa gochuurratti xiyyeeffate mootummaa Keeniyaa fi mootummaa Ameerikaa gidduutti mallateeffamee ture.

Biyyi yeroo jalqabaaf waliigaltee kana mallatteessite Keeniyaan, waggoota shan keessatti deeggarsa Doolaara biiliyoona 2.5 ni argatti. Waliigaltee kana mallatteessuun Ameerikaan ragaa fayyaa dhuunfaa miira namaa kakaasu salphaatti akka argattu yaaddoo uumeera.

Lammiileen Keeniyaa tokko tokko Ameerikaan odeeffannoo fayyaa dhuunfaa, kan akka seenaa wal'aansa HIV fi TB fi galmee talaallii lammiilee Keeniyaa akka argattu taasisuu danda'a jedhanii sodaachuun, barreeffamni waliigaltee kanaa guutuun akka ifa ta'u gaafachaa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manni murtii Keeniyaa dhimma kana qabatee raawwiinsaa akka ilaalamu murteessee jira. Wanti manni murtichaa uggure waliigaltee biyyoota lamaaniirratti hundaa'uun odeeffannoon dhuunfaa dhukkubsattootaa akka hin qoodamne jechuuni.

"Odeeffannoon gosoota addaa akkamii US waliin qoodamaa jira? Odeeffannoon jeneetikii, haala dhukkubaa, odeeffannoo fayyaa sammuu, gaaffii inshuraansii, galmee hospitaalaa ykn baayoomeetirii? Yoo kanneen hin hammanne ta'e maaliif ifatti hin ibsamne?" abbaan seeraa Willis Otieno fuula X isaa irratti barreesse.

Murteen kun kan ba'e lammiileen Keeniyaa dhimmi ilaallatu hedduun mootummaan qabiyyee waliigaltee Ameerikaa waliin mallatteesse guutuu akka ummataaf ifa godhu gaaffii dhiyeessan hordofeeti.

Waliigaltichi erga mallattaa'ee torban tokko booda manni murtii Keeniyaa himannaa gareewwan mirga siiviilii eegumsa daataa dhuunfaa ilaalchisee dhiyeessan irraa kan ka'e waliigaltee kana hojiirra akka hin oolle dhorkeera.

Manni murtichaa murtii kenneen odeeffannoo fayyaa eegumsa barbaadu walii galtee biyyoota lameeniin irra gahaniin yeroof akka hin dabarre uggureera.

Mootummaan Keeniyaa murtee mana murtichaa akka kabajuu fi ol'iyyannoo akka dhiheessuu ibsuun, uggurri kun waliigaltee guutuu kan ilaallatu osoo hin taane, kutaa odeeffannoo waliif qooduu ilaallatu qofa akka ta'e ibseera.

Gareewwan dhimmicha gara mana murtiitti dhiyeessan keessaa tokko kan ta'e Federeeshiniin Fayyadamtoota Keeniyaa, biyyattiin odeeffannoo sirna fayyaa murteessaa ta'e dabarsitee kennuudhaan dantaa biyyaalessaa ishee balaaf saaxilaa jirti jedheera.

Manni murtii olaanaa Keeniyaa hanga torbee jalqabaa ji'a Fulbaanaatti waliigalticha irratti akka turu kan murteesse yoo ta'u, dhimmichi guutummaan guutuutti akka ilaalamuu fi murtiin xumuraa hanga kennamutti.

Gama biraatiin mootummaan Keeniyaa yaaddoo ummataatiif deebii kenneera. Ministeerri Fayyaa biyyattii ibsa kenneen, waliigalteen kun adeemsa sirrii ta'een, abbaa biyyummaa biyyattii, abbummaa daataa, fi mirga qabeenya kalaqa sammuu guutummaatti kabajuun kan irra ga'ame ta'uu ibseera.

Ameerikaan Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduu waliin waliigaltee kana mallatteessaa jirti. Hanga ammaatti Keeniyaa, Ruwaandaa, Laayibeeriyaa, Yugaandaa, Lesotho, Eswatini, Moozaambiik, Kaameeruun, fi Naayijeeriyaa Ameerikaa waliin waliigaltee waliigaltee mallatteessanii deeggarsa hamma adda addaa argachuuf waliigalaniiru.

Asoosheetid Prees (AP) akka gabaasetti biyyoonni waliigaltee kana mallatteessan tokko tokko deeggarsa U.S. hir'achuu ykn baqattoota biyyoota sadaffaa bulchiinsa Tiraampiin biyyaa ari'amaa jiran fudhachuuf waliigalaniiru.

Akka fakkeenyaatti, Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa Naayijeeriyaa waggoota shan keessatti gara doolaara biiliyoona 2 argachuuf waliigaltee ishee kaasuun, ''kiristaanota jeequmsa irraa eeguu fi dhaabbilee fayyaa Kiristaanotaaf deeggarsa guddaa kennuu irratti xiyyeeffachuu isheef beekamtii kennuuf''.

Waliigaltichi dantaa biyyoolessaa Ameerikaa gidduugaleessa kan godhate waan ta'eef, biyyoonni sagantaa dantaa Ameerikaa waliin wal hin simne yoo hordofan, Pirezidaanti Tiraamp ykn Ministirri Dhimma Alaa Ruubiyoon yeroo barbaadanitti waliigaltee kana addaan kutuuf mirga qabu.

Sagantaan haaraan US kun maali?

Waliigaltee Keeniyaa fi US

Madda suuraa, @WiiliyamsRuutoo/X

Karoorri haaraan kun 'America First Global Health Strategy' jedhamuun kan waamamu yoo ta'u, imaammata fayyaa addunyaa fi gargaarsa biyya alaa walitti fida. Ji'oota muraasa darbanitti tarsiimoo kana hojiirra oolchuuf biyyoota waliin waliigalteewwan mallattaa'aniiru.

Tarsiimoon kun waliigaltee biyyoota waliin taasifamu akka gargaarsa namoomaatti hin ilaalu. Kanaa mannaa, dhukkuboota biyyoota addunyaa adda addaa keessatti mul'atan dafanii adda baasuu, ittisuu fi to'achuudhaan nageenya lammiilee Ameerikaa eeguu irratti xiyyeeffata.

Karoorri kun Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi dhaabbilee fayyaa idil-addunyaa biroo Tiraamp qeeqe, akkasumas USAID fi PEPFAR mootummaa Ameerikaa hojii isaanii akka raawwatan maallaqaan gargaaruu irra, waliigaltee waloo Ameerikaa fi mootummoota gidduutti taasifamuun hojiirra oola.

Adeemsi kun kallattiin fayyadamtoota bira gahuu irra mootummoota waliin tumsa gochuu irratti kan xiyyeeffatudha.

Kaayyoowwan walta'iinsa kanaa keessaa tokko dandeettii biyyoonni dhibeewwan dafanii adda baasuu fi Ameerikaa akka hin geenye cimsuu dha. Sirna fayyaa biyyoota biroo cimsuu fi caalaatti of danda'ee akka jiraatu gochuufis kaayyeffateera.

Tarsiimoon kun garuu qeeqamaa jira. Jijjiiramni kun sirna fayyaa addunyaa amma jiru kan laaffisu, tajaajiloota barbaachisoo ta'an kan jeequ, akkasumas bu'uura tumsa dameelee hedduu kan weerara kanaan dura mudate to'achuuf gargaare kan miidhu ta'a jedhu ogeeyyiin.

Dhaabbileen hawaasa siivikii Afriikaa fi bakkeewwan biroo waliigaltee biyyoota lamaanii biyyoonni Ameerikaa waliin mallatteessaa jiran irratti gaaffii kaasaa jiru.

Haal-duree faayidaa haqa qabeessa qooduun mirkaneessu malee waliigaltee fayyaa biyyaalessaa fi saamuda qooduun yeroo dheeraa irra gahuun biyyoota faayidaa isaaniif malu dhabsiisa jechuun falmu.

Waliigateen Itoophiyaa waliin raawwatame maal of keessaa qaba?

Waliigaltee Itoophiyaa fi Ameerikaa gidduutti taasifameen waggoota shan keessatti doolaarri biiliyoona 1.6 damee fayyaaf akka oolu ibsameera.

Bal'inni waliigaltee kanaa hanga ammaatti beekamuu baatus qabiyyeen bu'uuraa isaa waliigalteewwan Ameerikaan biyyoota Afrikaa biroo waliin mallatteessite irraa adda akka hin taane ni amanama. Kanaaf dhimmi falmisiisaa odeeffannoo fayyaa waliif qooduun ka'uu mala.

Kanumaan walqabatee dhimmi ka'uu malu seera eegumsa odeeffannoo dhuunfaa Itoophiyaati. Dhugumatti waliigaltee Itoophiyaan mallatteessite keessatti dhimmi daataa waliif qooduun yoo jiraate "Labsii Eegumsa Daataa Dhuunfaa" bara 2016 bahe ni ka'a.

Kanumaan walqabatee, keewwata 20 jalatti, kutaa haalawwan daataa biyya keessaa gara biyya alaatti dabarfamuu danda'an tarreessu keessatti, haal-duree nageenyaa fi eegumsa daataa dhuunfaa (odeeffannoo) mirkaneessuuf tarreeffaman guutamuu fi qaama dhimmi ilaallatuun kan murtaa'u ta'uun isaa ni hubatama.

Waliigalteen Ameerikaan biyyoota biroo waliin taasifte, kan odeeffannoo waliif qooduun dhukkuboota to'achuu fi ittisuuf gargaaru kan hammate yoo ta'u, keessumaa Keeniyaatti yaaddoo odeeffannoon dhuunfaa eegumsa qabu ni hammatama jedhu irratti gaaffiiwwan ciccimoo kaaseera, kunis dhimmichi gara mana murtiitti akka deemu taasiseera.

Labsiin Eegumsa Daataa Dhuunfaa Itoophiyaas odeeffannoo dhuunfaa kana "daataa dhuunfaa miira namaa kakaasu" jechuun ibsa, kunis odeeffannoo dhuunfaa kam akka hammate ifatti ibsa.

Waliigalteewwan biyyoonni irra ga'aa jiran ilaalchisee, daataa dhuunfaa miira namaa kakaasu sanyii ykn gosa nama uumamaa, daataa jeneetikii ykn baayoloojii, fayyaa ykn haala qaamaa ykn sammuu fi kanneen biroo of keessatti qabata.

Odeeffannoo waliif qooduun kun qaama waliigaltee Itiyoophiyaan Ameerikaa waliin goote ta'uu fi dhiisuu isaa ilaalchisee ammatti wanti dubbatame hin jiru. Yoo jiraate gara fuulduraatti maaliif akka itti fayyadamu fi eegumsi akkamii akka godhamu ni beekama.