Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yuukireen waraana kana Raashiyaa waliin jalqabuu hin qabdu ture- Tiraampi
Doonaald Tiraamp erga pireeezdaantiin Yukireen Volodymiir Zelenskiin waraana Yukireen xumuruuf biyyi isaanii marii nagaa Sa'udii Arabiyaa keessatti gaggeeffamee irratti afeeramuu dhabuun ''waan nama ajaa'ibu'' booda Tiraampi Yukireen komachuu irratti xiyyeeffatan.
Tiraamp deebii Yukireen kenniteen ''mufannaa'' kan qaban yoo ta'u, waraana kana jalqabuusheetiif Yukireen komachuudhaan biyyattiin ''waliigaltee gochuu dandeessi turte'' jedhan.
Waraanni Yukireen keessatti geggeeffamus waggaa sadiin dura weerara guutuu Raashiyaatiin kan eegalame ture.
Yaadni Tiraamp kunis kan dhufe erga Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov marii ministeera dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin Sa'uudii Arabiyaa keessatti taasisaniin booda, biyyisaanii waliigaltee nagaa kamiinuu humnoota nagaa eegsisan kan biyyoota NATO Yukireen keessa jiran irraa akka hin fudhanne erga dubbataniin boodadha.
Raashiyaa fi US gareewwan waraanicha xumuruudhaaf marii jalqaban filachuudhaaf waliigaluu isaanii himaniiru.
Tiraamp Mar-a-Lagotti turtii gaazexeessitoota waliin taasisaniin irratti, lammiilee Yukireen akka ganamanitti itti hin dhaga'amuu? jechuun BBCn gaafateenii ture.
"Eeyyeen maricha irratti teessoo dhabuu isaaniitiin akka isaan mufachiisee nan dhaga'a, garuu sana dura waggoota sadii fi yeroo dheeraaf bakka bu'aa qabatanii mari'achaa turan. Dhimmisaa baayyee salphaatti furamuu danda'a ture," jedha.
"Gonkumaa jalqabuu hin qabdu ture. Waliigaltee gochuu dandeessi turte," jechuun dabaluun dubbateera. ''Yukireeniif waliigaltee gochuu nan danda'a ture,'' jedheera.
"Sun osoo ta'ee ture lafa hunda jechuun haala danda'amuun ni kennaaf ture, akkasumas namoonni hin ajjeeffaman ture, magaalaan tokkollee hin diigamu ture."
Walgahiin qondaaltota Ameerikaa fi Raashiyaa jidduutti erga Sa'uudii Arabiyaatti geggeeffameen booda Tiraamp ''baay'ee ofitti amanamummaa guddaan qaba'' jedhan.
"Baay'ee gaarii turan. Raashiyaan waan tokko gochuu barbaaddi. Ajjeechaa sukkanneessaa gara jabeenyaa kana dhaabuu barbaadu."
Itti dabaluunis, "Lola kana xumuruuf humna qaba jedheen yaada" jedhe.
Biyyoonni Awurooppaa loltoota gara Yukireenitti erguuf abdii qaban gaafatamanii, "yoo akkas gochuu barbaadan, sun waan guddaadha anis hunda isaaf jira" jedhan.
Faransaayii fi UK'n akka loltoota gara Yuukireenitti bobbaasuu barbaadan ibsaniiru kan jedhe Tiraampi ''nuyi achirraa fagoo waan jirruuf akkas hin goonu'' jedhan.
Walgahiin Riyaaditti taa'ame kunis erga Raashiyaan Yukireen guutummaatti weerartee booda yeroo jalqabaaf jilli Raashiyaa fi Ameerikaa fuulaa fuulatti kan ittiin wal arganiidha.
Marii kanarrattis ergamaan Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa Istiiv Wiitkoof fi gorsaan nageenya biyyoolessaa Ameerikaa Maayik Waaltz, akkasumas gargaaraan pirezidaantii Raashiyaa Yuurii Ushaakov fi itti gaafatamaan fandii qabeenya abbaa biyyummaa Raashiyaa Kirill Dimitriev hirmaatanii turan.
Isaan booda ammoo, Laavroov waliigaltee nagaa kamiinuu Moskoon biyyoota NATO Yukireen keessa jiran irraa humnoota nagaa eegsisan akka hin fudhanne dubbatan.
"Humni hidhatanii alaabaa biyya biraa jalatti mul'achuun kamiyyuu homaa hin jijjiiru. Guutummaatti fudhatama akka hin qabne beekamaadha," jedhan.
Ameerikaa fi Raashiyaan biyyoota waliitiif ambaasaaddaroota saffiisaan muuduudhaan ''tumsa guutummaatti deebisuuf'' haala akka uumuu dubbataniiru.
"Marii baayyee faayidaa qabu ture. Wal dhaggeeffanne, wal dhageenyes," jedha.
Gamtaan ittisa NATO babal'isuun kamiyyuu akkasumas Yukireen NAROtti makamuun ishee, Raashiyaadhaaf ''balaa kallattiin'' akka ta'u ejjennoo kanaan dura qabdu irra deebi'anii dubbataniiru.
Ruubiyoon gama biraatiin Raashiyaan waldhabdee kana xumuruuf ''adeemsa kutannoo qabu irratti bobba'uu jalqabuuf fedhii akka qabdan ''mirkaneesse'' jedheera.
"Laafinni gama hundaan kennamu jiraachuu qaba. Isaan sun maal akka ta'an dursinee murteessuuf hin deemnu."
"Har'a tarkaanfii jalqabaa imala dheeraa fi ulfaataa ta'us, garuu barbaachisaadha", jechuun dabaluun dubbatan.