Abbaan qabeenyaa Telegiraamii ijoollee 100 qabu qabeenyasaa akka dhaalchisu hime

Paaveel Duuroov jedhama; abbaa qabeenyafi hundeessaa aappii Telegiraamii yoo ta'u ijoollee 100 qabaachuu beeksise. Abbaan aappii Telegiraamii kun qabeenyaa dolaara biliyeena 13.9 qaba.

Qabeenyasaa kanammoo ijoolllen inni horate 100 ta'an isa dhaalun akka qooddatan ifa godhe.

"Hundi isaanii ijoollee kiyya, hundi isaanii mirga wal-qixa ni qabaatu," jechuun hundaafuu qabeenya wal-qixa akka qoodu beeksise.

"Ergan du'ee booda akka isaan qabeenyarratti wal-nyaatan hin barbaadu," jedhe Paaveel Duuroov turtuu barruu Faransaayi Le Point jedhamu wajjin turtii taasiseen.

Abbaan qabeenyaa Telegiraam kun ijoollee haadha manaa sadi irraa horate jaha qaba. Kaan garuu "waggaa 15 dura hiriyaa kiyya gargaaruu jedheen sanyii kormaa [sperm] arjoomuu eegale. Garuu kilinikni ani sanyii kormaa itti arjoomaa ture, bifa kanaan ijoolleen 100 biyyoota 12 keessatti dhalachuu natti himan."

Faransaayi keessatti garuu yakka hojjate jedhamee himanni irratti banamus, inni yakka homaatuu akka hin qabne waakkate.

Abbaan qabeenyaa lammii Raashiyaa ta'e kun turtii baruu Le Point wajjin taasise kanaan, ijoollensaa waggaa 30 booda dhaala akka argatan hime.

"Akkuma nama kaanii akka isaan jiraatanin, of danda'anii akka of guddisan, ofitti amanuu akka baratan, akka waa uumaniifi akkaawuntii baankii [maallaqa kennamuuf] irratti akka isaan hin hirkannen barbaada," jedhe abbaan ijoollee 100 kuni.

Aappin Telegiraamii inni hundeesse ergaa bifa icciitinsaa eegameen namoonni akka walii dabarsan gochuun kan beekamu yoo ta'u, namoonni biliyeenan lakkaa'aman itti fayyadamu.

Paaveel Duuroov aappin isaa Faransaayi keessatti yakki akka hir'atu hin goone jedhamuun himanni irratti banamee bara darbe hidhamee ture.

Qabiyyeewwan Telegiraamii irratti maxxanan kan yakkawaan akka daddarbara namaa, qorichoota sammuu namaa adoochanii, haleellaa saalaa daa'imman irratti gaggeeffamu fa'aa of keessaa kan qabuufi qabiyyeen kun akka hin keessummeeffamne gochii hin dandeenye jechuun himanni irratti dhiyaatee ture.

Inni garuu himannaa irratti dhiyaate kana "bu'uura kan hin qabne" jechuun haale.

Abbaan Telegiraamii amma Raashiyaan ala bakka biiron Telegiraamii jiru Dubaayi jiraata.

Raashidhaa kan baqate Paaveel Duuroov lammummaa Faransaayifi UAE qaba. Qabiyyeen Telegiraamii Raashiyaa keessatti akka gulaalamu gaafatamee dinnaan bara 2014 Raashiyaadhaa hari'ame.

Paaveel aappii Telegiraamii bara 2013tti kan hundeesse yoo ta'u, Telegiraamiin ammayyuu Raashiyaa keessatti appii filatamaafi namoonni heddu itti fayyadamaniidha.