Seeskoo, Roodiriigoo, Gaarnaachoo, Wisaa, Kudus...jijjiirraa taphattotaa har'a odeeffamu

Oduu jijjiirraa taphattootaa yeroo ammaa fuula BBC Sport irratti argaman keessaa warri har'a ijoo ta'an kunooti:

Tootenhaam Ispeers taphataa West Haam Mohaammad Kudus fudhachuuf kaffaltii £m55 (Paawodnii miliyoona 55) irratti waliigalaniiru.

Tootenhaam taphataa Bireenfoord Wiisaa fudhachuufis qorachaa jira.

Arsenaal taphataa sarara fuulduraa Cheelsii Maduweekee fudhachuuf ifatti kilabicha waliin dubbachuu jalqabeera.

Evertan taphataa sarara fuulduraa Viilaariyaal, Baarii baasii £m27n mallatteessifateera.

Boornemaawuz ammoo goolii eegaa Cheelsii Peetroviich argachuuf dorgomaa jira. Naapooliin Alihaandiroo Garnachoo Maanchester Yunaayitid irraa £45m fudhachuuf barbaadaaa jira.

Maanchester Yunaayitid taphataa Bireentifoord Biriyaan Mbeemoo waliigalee fudhachuuf ammallee abdii hin kutatiin jira. Taphata sarara fuula duraa lammii Kaameruun umuriin isaa 25 ta'e kana, imala osoo gara taphaatti hin deebiyiin ganna kana gara Yunaayitid Isteet deeman kanatti akka makamu barbaadu.

Carraaqqiin Arsenaal jifataa Ispoorting fi Siwiidin fudhachuuf taasisaa jiru, gatii waliigaaafi waliigalteerraa kan ka'een danqameera. Taphataan kun Arsenaal galuudhaaf fedhii guddaa akka qabu ibsaa tureera.

Niwukasil Yunaayitid gatii Liids Yunyaatid taphataa isaa sarara gidduu umuriin isaa waggaa 27 ta'e Siin Loongistaafiif si'a sadaffaa foyyessee dhiyeesse dide.

Kilabiin Sa'ud Aabiyaa Al-Hilaal taphataa sarara fuula duraa RB Leeppizhiig fi Siloveeniyaa Benjaamiin Seeskoo fudhachuuf gaafataa jra. Taphataan umuriin isaa waggaa 22 ta'e kun Arsenaaliinis barbaadamaa jira.

Kana malees, Al-Hilaal, jifataa Kiristaal Palaas lammii Faransaay umuriin isaa waggaa 28 ta'e Jiin-Filiip Matetaa fudhachus ni barbaada.

Aston Viilaa fi Biraayiten taphataa sarara gidduu kennaa addaa qabu lammii Beeniin ta'e Raadolfoo Alokoo kan yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 18 fudhachuuf adamsaa jiru.

Maanchester Yunaayitid tapahataasaa sarara cinaa lammii Ingilaand ta'e umuriin isaa waggaa 25 Jaaden Saancoo gurguruu babaadaa jira.

Kiristaal Palaas fi Notingihaam Forest kilaboota Piriimer Liigii Ingiliiz ganna kana taphataa sarara gidduu Maanchistar Siitii, Jeems Maakatee kan umuriin isaa ganna 22 fudhachuuf hordofaa jiran keessaati.

Liivarpuul taphataa sarara cinaa Riyaal Maadriid fi Biraazil Roodriigoo kan umuriin isaa ganna 24 ta'e fudhachuuf Arsenaalitti makamuu danda'a. Kun kan ta'u, yoo dhumarratti taphataa sarara cinaa Kolombiyaa Luwiis Diyaaz ganna 28 Baarseloonaa dhabe.

Taphataan sarara fuulduraa lammii Poorchugaal Chiquinho ganna 25 Wolves gadhiisee waliigaltee dhaabbataatiin Poorchugaal keessatti Alvercaatti makamuun kilabni Piriimiyerliigii Ingiliiz kun dhibbeentaa 40n bitamuu qaba (Fabrizio Romano).

Biraayitan taphataa sarara fuulduraa Rippabiliika Ayerlaand Ivaan Fergusan gara Roomaatti liqeessuuf qophii ta'us, kilabichi hanga ammaatti taphataa ganna 20 kanaaf hayyama hin kennine.