Fooliin kophee akkamitti qorannoo Badhaasa Noobeelii mo'ate kakaase?

Qorannoon tokko akka agarsiisetti namoota gaaffiin dhiyaateef keessaa walakkaa ol kan ta'an fooliin badaa kophee isaanii ykn ykn ajaan kophe enama biraas baayyee akka isaan qaanessu dubbatu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qorannoon tokko akka agarsiisetti namoota gaaffiin dhiyaateef keessaa walakkaa ol kan ta'an fooliin badaa kophee isaanii ykn ykn ajaan kophe enama biraas baayyee akka isaan qaanessu dubbatu

Mana ykn maatii kamiyyu keessatti yoo xiqqaate kophee miila lamaa kan ajaa isaa (foolii badaa isaa) hambisuun hin danda'amne ni jiraata.

Baayyina kophee jijjiirraa namni tokko qabaachuu danda'uu fi maatii miseensa baayyee qabutti yoo baayyistan ajaan isaa mana keessatti hangam akka dabalu yaadaa.

Darbees ammoo kupheen kunneen mana keessatti bakka qophaa'eef walitti kuufamanii yeroo taa'an hangam akka fooliin isaa mana ukkaamsu tilmaamuun nama hin dhibu. Kun kan mana nama hundumaa keessa jirudha jechuun ni danda'ama.

Qorattoonni Indiyaa lama dhimmi kun dhimma ajaa kophee osoo hin taane dhimma saayinsii ta'uu isaa murtoorra gahan.

Jarri kun ajaan foolii kophee akkamitti akka bakkaafi akkaataa kophee mana keessa itti kaawannu qorachuu jalqaban. Kana gochun qorannoo qoosaa fakkaatuufi nama kofalchiisu garuu bu'aa gaarii qabu kanatti seenan. Jalqaba bakka kophee kaawwatanirraa ka'an.

Qorannoon kun badhaasa 'Ig Nobel Prize' jedhamu mo'ate. 'Ig Nobel Prize' ammoo badhaasa qorannoo saayinsii, fayyaa fi tekinooloojii milkaa'aa jajjabeessuun waggaa waggaan kennamudha. Qorannoon akkasii kun "jalqaba waan nama kofalchiisanirraa ka'uun, achiin booda akka yaadan kan godhudha."

Yunivarsiitii Shiiv Nadar kan magaalaa Delhii alatti argamutti piroofeesara gargaaraa dizaayinii kan ta'e qorataan umurii waggaa 42 Vikaash Kumaar, barataa Sarzaak Mitaal kan umuriin isaa waggaa 29 ta'e yeroo inni digirii jalqabaasaa baratutti barsiisee ture.

Jarri kun lameen yaada ajaa kopheerratti qorannoo gaggeessuu kan kaasan yeroo Yunivarsiitii kana keessatti barataa fi barsiisummaan walitti dhufan ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sarzaak Mitaal koroodarii waloo kutaalee hosteela keessa jiraataa turerra yeroo baayyee kopheen diida sana toora galee taa'uu yeroo hunda arga.

Barattoonni kutaa isaanii keessa kaa'uu dhiisanii koriidarii waloo kanarra naqatu - kunis kutaa keessa jiraatan foolii badaan balleessa jedhanii qileensi haa dha'u jedhanii koriidaricharra kaa'u. Bulee garuu koriidariin waloo sun bakka kuusaa kophee ta'uun foolii kuufamaa fiduun kan biraa ta'e.

Yaadni jalqaba kaasan salphaa ture: maaliif barattootaaf bakka kophee kaawwatan bareedaa taʼe dizaayin hin goonu? kan jedhudha.

Jarri lamaan adeemsuma gadi fageenyaan qorachaa deeman 'yakkamaa qophee manaa gadi yaasisu bira gahan. Kophee manaa yaasanii koriidariirra akka naqan kan godhe mana ykn kutaa keessa bakki kaawwatan dhibee hin turre; foolii badaatu kana qaba.

Amma kampaanii Sooftiweerii keessa kan hojjetu Sarzaak Mitaal, "kun sababa 'madardaraa' ykn bakka kophee irra kaawwatan dhabuu miti - bakki baayyeen tureera. Rakkoon ture dafqa irra deddeebiin mudatuufi kophee yeroo baayyee itti deddeebiyanii fayyadamuusaaniiti" jedha.

Kanarraa ka'uun lamaan isaanii hosteela yunivarsiitichaa keessatti gaaffii sirrii dhala namaa ilaallatu gaafachuun qorannoo gaggeessuu jalqaban.

Yoo kopheen siniikerii keenya [kan ispoortii ittiin hojjennu ykn ittiin yeroo baayyee wookii deemnu] foolii badaa godhate, muuxannoo kophee keenya 'madardaraa keessa/irra kaawwachuu barre guutummaatti hin balleessuu? Kan jedhu gaafatan.

Kuusaa qophee mana keessatti

Madda suuraa, Hindustan Times via Getty Images

Qorannoon isaanii barattoota yunivarsiitii 149 kan hirmaachise yoo ta'u, %80 kan ta'a dhiirota.

Barattoonni qormaata kanarratti hirmaatan kunneen dhimma baayyeen keenya beeknu kana jiraachuu mirkaneessanii garuu ofitti fudhachuurratti micicaniiru.

Hirmaattota keessaa walakkaa ol kan ta'an ajaa fooliin kohee isaanii ykn fooliin badaa nama kamiiyyu akka isaan qaanessu himan.

Hunda isaanii haala jechuun danda'amuun hirmaattonni kophee isaanii mana keessatti madardaraa keessa kaawwatu, garuu waa'ee omishaalee foolii badaa hiri'suuf gargaaran dhaga'anii hin beekan.

Kanneen mana keessaa argachuun danda'aman akka karaxiitii shayee, beeking soodaa firfirsuu, dodoraantii biifuun dhaabuu hin dandeenye.

Qorattoonni lamaan kun booda gara saayinsiitti garagalan. Qorannoo gaggeessaniin maddi rakkoo kanaa maal akka ta'e bira gahan.

Innis baakteeriyaa kophee dafqaan guutame keessatti guddatu Kytococcus sedentarius jedhamudha. Yaaliin isaanii akka agarsiisutti, ifa altiraavaayoleetii gabaabaan dho'uun maaykiroobii ajjeesee foolii ajaa'u sana ari'a.

"Indiyaa keessatti maatiin hundi haala jechuun danda'amuun bakka kophee keessa/irra kaawwatan gosa wal fakkaataa ykn kan biraa kan qaban yoo ta'u, bakka qophee kaawwatan foolii kopheen qabaaturraa bilisa godhu qabaachuun waan akkaan gaarii ta'edha," jedhu qorattoonni waraqaa qorannoo isaanii kanarratti.

"Ajaan foolii kophee bakka kophee kaawwatan duraan baramaa ta'e gara caalaa fayyadamtootaaf gaarii ta'etti jijjiiruudhaaf irra deebiyanii dizaanii gochuuf carraa gaarii akka uume," hubatan.

Bu'aan isaa ta'e seetan? Waraqaa qorannoo bu'aa giddu galeessaa qabu idileen beektan miti - yaada gammachiisaa haaraa kanaan dura hin baratamne qofadha: prototype UVC kan madardaraa kophee ifti galeeruuf ta'ee kophee qofa kuusuuf osoo hin taane kan jarmoota ajjeesee qulqulleessu ykn 'sterilize' godhu. (UVn ispeektiramii kan uwwisa=u yo ta'u, baandiiC qofatu amaloota jarmii ajjeesuu qaba.)

Qorannoo kanaaf qorattoonni kophee atileetonni yunivarsiitii godhatn foolii badaa qabu fayyadamaniiru. Baakteeriyaan baay'inaan naannoo quba miilaatti kan baayyatu waan ta'eef, ifni UVC kun achitti xiyyeeffate.

Qorannoon kun sadarkaa foolii yeroo saaxilamuun danda'amu waliin kan madaale yoo ta'u, wal'aansi UVC daqiiqaa 2-3 qofti baakteeriyaa ajjeesuu fi foolii badaa sana dhabamsiisuuf gahaa ta'uu argateera.

Salphaa hin turre: ifni baay'achuun ho'i baay'ee jechuudha kunis dhumarratti laastika kophee guba ture.

Vikaash Kumaar (bitaan) fi barataasaa duraanii Sarzaak Mitaal qorannoo gaggeessaniin milkaa'an

Qorattoonni kun ibsaa ujummoo UVC kophee sanatti akeekuun waan gaarii abdachuu qofa osoo hin taane - ajaa xiqqaa dhaga'amu hunda safaraniiru.

Jalqaba irratti ajaan kun "cimaa, cincaa, kan foolii baaduu tortoree fakkaatu qabu" jedhamee ibsameera.

Daqiiqaa lama booda, gara "garmalee gadi aanaa, foolii laastika gubate salphaa"tti gadi bu'ee ture. Daqiiqaa afuriin fooliin badaan sun badee, ajaan "xiqqaa laastika gubate" fakkaatu bakka bu'e.

Daqiiqaa jaha booda kopheen sun ajaa kan hin qabnee fi mijataa taʼee qabbanaaʼee ture. Garuu garmalee butuun - daqiiqaa 10 hanga 15 - fooliin isaas "laastika gubate cimaa ta'a" kopheenis garamalee gara ho'uutti deema, kuna ammoo saayinsii keessattillee yeroon waan hunda ta'uu mirkaneessa.

Dhumarratti, lamaan isaaniiyyuu madardaraa kophee ibsaa ujummoo UVC qabu gaarii akka ta'e yaada dhiyeessan. Hanga badhaasni Noobeelii Ig Ameerikaa keessa jiru hubannoo fudhatee isaan qunnamutti wanti beekan hin turre.

Joornaalii Annals of Improbable Research jedhamuufi gareewwan Harvard-Radcliffe waliin kan qophaa'e badhaasni Ig Nobel ganna 34 kun waggaatti badhaasa 10 kan badhaasu yoo ta'u, "namoota jalqaba kolfisiisuun, achiis akka yaadan... isarraa waan hin baratamneef bakka kennuun, nama yaada qabu kakaasuu" kan kaayyeffateera.

''Waa'ee badhaasa kanaa yaada tokkollee hin qabnu turre,'' jedhe Obbo Kumaar. "Waraqaa durii bara 2022 ture - eessayyuu erginee hin beeknu. Gareen Ig Nobel amma nu argate, nu bilbile, kunis mataan isaa akka kolfituu fi akka yaaddu si taasisa."

Badhaasni kun qorannoo mirkaneessuu osoo hin taane kabajuudha - gama bashannansiisaa saayinsiiti. Qorannoon baay'een isaa hojii galata hin qabne kan fedhiirraa ka'een hojjetamu yoo ta'u, kunis karaa itti jaallatamuudha."

Bara kana lammiilee Indiyaa lamaan kana waliin jiraachuun mo'attoota kan nama gammachiisu filatamoodha.

Ogeeyyiin baayoloojii Jaappaan kanneen sa'i akka titiisa ofirraa ittistuuf diban, Togotti ammoo loocuu sabbata waaqayyoo jaalala piizaa chiizii waliin, ogeeyyiin daa'immanii Ameerikaa ammoo qullubbii adii aannan harmaa daa'imman akka hawwatu taasisan, akkasumas qorattoonni Nezerlaand alkooliin dandeettii afaan alaa dubbachuuf akka cimina argatan taasisuu kanneen jedhan turaniiru.

Akkasumas hayyuun seenaa guddina suuraa isaa waggoota 35f hordofee fi qorattoonni fiiziksii iccitii cuubata paastaa qoratan jiru.

Kophee ajaa'aan badhaasa mo'achuun qorattoota Indiyaa hamilee waan ol kaase fakkaata.

"Beekkamtii argachuu bira darbee ba'aa nutti kenneera - amma wantoota namoonni yeroo baayyee hin yaadnerratti qorannoo dabalataa gochuu qabna.

Gaaffii gaafadhu," jedha Mr Kumaar. Kana jechuun, siniikariin ispoortiin har'aa foolii badaa qabu qorannoo saayinsii addaa jabaa boruu tokkoof bu'uuraa ta'uu danda'a.