Sammuun tisisaa amma mataa lilmoo gahu waa'ee sammuu namaa maal akeeke?

Kaartaa sammuu tisisaa

Madda suuraa, MRC/Nature

Saayintistoonni sammuu titiisaa qorachuun boca, haala taa'umsaa fi hariiroo seeliin 130,000 hidhaawwan miiliyoona 50 wajjin qabu hubachuuf yaalaniiru.

Kunis xiinxala gadifagoo sammuu tisiisa ga'eessaarratti taasifame dha.

Qorattuun addatti dhimma sammuu xiinxaltu bu'aa qorannoo tisisaa kana sammmu namaa hubachuu keessatti ''tarkaanfii guddaa dha,'' jette.

Hoggantoota qorannoo kana keessaa tokko ''akkatti yaadnu'' irratti ifa haaraa ibseera jedhe.

Dr Giriigoorii Joofarii Qorannoo Fayyaa Kaambirijitti, Laaboraatory Moolokiwulii Baayolojii keessaa hojjetu. Hamma ammaatti akkatti seeliin sammuu keenyaa walii keenyaafi naannoo keenya waliin hariiroo uumuu dandeenyu nu taasisu hin beekamu ture jedhan.

''Akkamiin walitti hidhaman? Mallattooleen ergaa baatan akkamiin sirna kana keessa imaluun odeeffannoo akkamiin qindeessuun nama nu bukkee jiru akka hubannu nu godhu, sagalee nu dhageessisa, jechoota amma dubbisaa jirtu akkamiin gara mallattoo ergaa elektirikaalaatti geeddara?

''Kaartaan sammuu tisisaa akkatti sammuun ilma namaa hojjetu beekuuf akkaan gargaara.''

Nuti akka namaatti seelii sammuu dachaa miiliyoonaan kan tisisaa caalu qabna, tisisa fuduraa gaamare nyaattutu qorannoo kanaan xiinxalame. Akkamiin caasaan sammuu diraa fi hidhata wal-xaxaa titisaa namni akkatti yaadu akka baran saayintistoota gargaare?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Suuraan saayintistoonni qopheessan kan joornaalii Nature irratti maxxane wal-sakaalaafi marama funyoo bareedaa tahe agarsiisa.

Caasaa fi bocni sammuu tisisa kanaa qaamni hanga kana xiqqaatu akkamiin dalagaa waa herreguun hojjatamuufi wal-xaxaa tahe hojjeta kan jedhu ibsuuf furaa ijoo dha.

Koomppitara hamma ija xaafii geessuun dalagaa kana hunda kompiitara hojjetu oomishuun dandeettii saayinsii ammayyaan oli dha.

Dr Maalaa Muurtii Yunivarsiitii Piriinstan irraa qorannoo kana kanneen geggeessan keessaa tokko yoo tahan ''suuraan haaraa xaxaa sammuu tisisaa agarsiisu maqaa saayinsiin 'connectome' kan jedhamuu himuun ''hayyoota niwuroosaayinsiif boqonnaa haaraa dha'' jedhaniiru.

''Qorattoonni sammuun namaa fayyaalessi akkatti hojjetu akka hubataniif gargaara. Fuulduratti yeroo sammuu keenya keessa wayiin rakkoo godhatu wal-bira qabnee ilaaluuf nu gargaara,'' jedhan.

Dr Luusiyaa Pireetoo Godinoo Yunivarsiitii Firaansis Kiriik Institiyuutii Landan irraa qorannoo kanarrtti hirmaachuu baatanille yaada kana ni deeggaru

''Qorattooni kanaan dura raammoo seelii 300 qabuufi kan ilbisa seelii kuma sadii qoratani ture.

Tisisa seelii 130,000 sammuu keessaa qabdu xiinxaluun walitti hidhatasaa addaa baasuun, kana booda sammuu hantuutaa haala kanaan baruuf, waggoota baayyeen booda ammoo kan namaa baruuf gargaara.''

Meeshaa sammuun tisisaa ittiin qoratame

Madda suuraa, Gwyndaf Hughes/BBC News

Qorattoonni funyoo qaqalloo dalagaa garagaraaf ramadaman adda baasuun akkasaan walitti hidhaman adda baasuu danda'aniiru.

Fakkeenyaaf seeliin ykn funyoon sochii wajjin wal-qabatu kutaa sammuu gad-aanu keessatti kan argamu yoo tahu seelonnii waa ilaaluu irratti hojjetan ammoo gamaa gamana jiru.

Dhimma waa argurratti seelonni jiran baayyee dha sababiinsaas dandeetti waa xiinxaluu waan gaafatuufi.

Saayintistoonni waa'ee marsaa seelii namaa haa beekaniyyuu malee akkatti funyoon seelii tokkoo akkatti qabatu hin beekan.

Tisisa dhahanii ajjeesuun maaliif rakkisa?

Qorattoonni kaan akkatti seeliin marame hubachuun tisisa ajjeesuun maaliif ulfaataa akka tahe baruuf yaalaa jiru.

Marsaan seelii ilaaluu irratti hojjetu yeroo ati wayii qabattee tisisa kana haleeluuf jettu kallattisaa adda baasuun gara miilaatti ergaa dabarsa.

Ergaa utaali jedhu garuu gara miila waan ati dhahuuf qophoofteerraan faallaa jirutti dabarsa. Kana jechuun otoo itti hin yaadiin tisisni gochaa utaaluu dalagadi jechuu dha.

Kuni egaa nuti namoonni maaliif tisisa salphaatti ajjeesuu akka hin dandeenye nutti agarsiisa.

Suuraan sammuu tisisaa kuni sooftuu mikirooskopii fayyadamuun erga mummurameen booda tokko tokkoon muraa 7000 mala dijitaalaan walitti akka qabamu/maxxanu tahe.

Gareen Piriinstan jiru hubannoo nam-tolchee fayyadamuun bocaafi hidhata niwurooniiwwan adda baasuun lafa kaa'an. Hubannoo nam-tolcheen suuraan hojjetame gahaa waan hin taaneef qorattoonni dogoggora miiliyoona sadii harkaan sirreessaniiru.

Dalagaan kun fiixaan bahumsa guddaa tahus ofiisaatiin gahaa hin turre.

Xaxaan seelii sammuu tisisaa akka kaartaatti taa'e seelii tokkon tokkoof hiikkan yoo kenname malee waan gatii hin qabne dha. Kanaaf akka Dr Fiilip Iskiileejeel jedhanitti:

''Odeeffannoon kuni akka Guugil Maappii dha: seeliifi niwurooniin asitti argitu kan sammuu tisisaa waliin wal-fakkaata. Akkuma daandiin lafarra jiru kaartaarra jiru jechuu dha

''Niwurooniiwwaniifi ibsa kennuun maappiirratti maqaa daandii,daldala, manneeniifi kaana lafarra jiran galchuun faaayidaa qabeessa gochuu dha.''

Caasaan akka kaartaatti qophaa'e kuni saayintistiin kamiyyuu qorannoo wal-qabatu yoo hojjechuu barbaade itti fayyadamu danda'a.

Dr Fiilip addunyaa niwuroosaayinsii, ''waggoota dursee gara fuulduraatti adeemeera,galata kaartaa kanaati,'' jedhan.

Sammuun namaa kan tisisaarra akkaan ijaa guddatuuf akkatti walitti marame baruuf teekinolojii gahaa hin qabnu.

Tahu qorattoonni waggaa 30 keessatti akkuma kan tisisaa kan namas akkanatti lafa kaa'u malla jedhan. Sammuun tisisaa sammuu keenya hubachuuf tarkaanfii guddaa dha jedhan.

Qorannoon kuni gamtaa saayintistoota FlyWire Consortium jedhamuun hojjetame.