Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeesaa: Iddoo dhiirummaan itti qoramu
Aadaan ajjeechaa hawaasa gara garaa keessa bifa adda addaan jira. Jabina, cimina namootaa mul'isuuf gargaara. Aadaa Oromoo keessattis kan ajjeesee hin filanne, hin dibanne, kan mirgaan galee maatiif gosa isaa hin boonsine ni arrabsama, hin kabajamu.
Faallaa kanaa kan ajjeesee mirgaan gale ammoo ni filata, ni dibata, ni geerara, ni faarfama. Ofirra darbee maatiifi gosa boonsa. Dubaroonni isatti heerumuu hawwu. Hawaasa keessattis ulfina qabaata, kun egaan bara duriiti.
Kaayyoon aadaa ajjeechaa bineensa ajjeesuun goota jedhamuu qofa miti. Akkaataan itti ajjeesan seeraafi sirna qaba. Qormaata jajjabaa keessa darbama. Sun ammoo nama jabeessa. Jiruufi jireenya egereef nama onnachiisa. Kunis qormaata xixiqqoon kufanii harka akka hin kennanneeef gumaacha.
Aadaan ajjeechaa afoola Oromoo keessumaa geerarsa waliin hidhata cimaa qaba. Kan ajjeesee hin geerarre hin jiru. Kan milkaa'es geerarsaan dhaadata, kan milkaa'uu baates aariifi gaabbii garaasaa baafata.
Ofii maaliif ajjeesu, bineensota akkamiitu ajjeefama? Dhimma kanarratti BBC'n barreessaa kitaaba Faachaa fi hayyuu Fookloorii Oromoo gaafachuun akkanaan qixeesseera.
Ofii maaliif ajjeesu, eenyutu ajjeesuu danda'a?
Bosonaa Dheeressaa ganna dheeraa gaazexeessaa ture. Dhiyeenya kana ammoo kitaaba Faacha jedhu dubbistoota biraan gaheera. Abbaansaa qondaala, nama bineensa ajjeesee mirgaan galedha.
"Faachi mallattoo hawaasichi ittiin gootummaa ibsataa turedha. Duraan mallattoo abboonni keenya ittiin gootummaa ibsataa turan keessaa tokko ajjeechaadha" jedhu Bosonaan.
Akkasumas aadaan hawaasni ittiin gootummaa ibsatu yeroodhaa gara yerootti jijjiiramaa akka deemu dubbata. Aadaan ajjeechaa har'a jiraachuu baatus, jabina kaleessa Oromoon aadaa kanaan itti jiraachaa turerraa dhaloonni waan guddaa barata jedha.
"Duraan wayita meeshaaleen waraanaa ammayyaa hin jirreetti, eeboofi goraadeen bineensota gurguddoo ajjeesaa kan turan. Bineensota akka leencaa namni dura dhaabatuufuu sodaatu kana eeboodhaan ajjeesanii osoo inni hin kufiin hamma ta'e yaabbattee deemta. Otoo abbichi bira hin gahiin kufeera yoo ta'e mirga hin ta'u. Kun cimina agarsiisa.''
''Aadaa saboota gara garaa keessas jira. Ummata Kibba Itoophiyaatti, namni tokko jabaadha jedhamee ilaalamuuf, keessumaa dargaggeessi tokko fuudha gahuudhaaf horii shan kudhan walitti hidhanii dhaabanii dirra horii sanarra fiigee ciminasaa agarsiisa" jechuun aadaa hawaasni gara garaa jabinasaa ittiin agarsiisuu jiraachuu ibsa.
Akkasumas biyya ollaa "hawaasni Keeniyaa Masaayi jedhaman leenca ajjeesuudhaan baay'ee beekamu. Namni leenca eeboo ykn xiyyaan ajjeese, kabaja qaba. Namni naacha morma hudhee ajjeese akka gootaatti kan ilaalamudha" jechuun hidhata ajjeechaafi gootummaa kaasu Obbo Bosonaan.
Ajjeesaan lafa fagoo beela'ee, dheebotee bineensota hamoodhaan nyaatamaa, busaadhaan qabamee du'aa lubbuusaa qabsiisee deema.
"Baroota sana konkolaataan hin jiru. Ji'a lama, sadii miilaan imalu. Sana dandamateetu ajjeesa. Namni hundi sana milkeessuu hin danda'u" jechuun gidiraa ajjeesaa ibsu Obbo Bosonaan.
Kaayyoon isaas "waan namni hundi raawwachuu hin dandeenye tokko agarsiisuudha" jedha.
Duraan ilmi gaafa ga'e gahumsasaa, irreesaa agarsiisuuf jecha ajjeesee dibata. Sana booda fuudhee, mana ijaarratee jiraata. Amma ijoolleen gaafa umuriinsaanii gahe mana barnootaa galu. Aadaa fi sirni jireenya duraanii jijjiirameera.
Aadaan ajjeechaas amma hin jiru. "Waan akkasii baratu jijjiira. Osoo mootummaan seera hin baasiin duradha ajjeechaan bineensotaa kan dhaabbate" jechuun ajjeechaa hafuu ibsu.
Gamtaa yeeyyii
Bineensuma argan ajjeesuun abbaa mirgaa nama hin taasisu. Bineensonni mirgaaf oolanis, mirga walqixaa hin qaban. "Yeeyyiin mirga tokkoffaa [qabdi] jedhamti.
Yeeyyiin humna hin qabdu; garuu bineensota gurguddoo lafarra jiran, harbas haa ta'u leenca gamtaan itti kaatee ajjeesuu, nyaachuu dandeessi.
Kanaaf, bineensota hunda waan mootuuf hangafa bineensaa jedhamti. Ittaanee leenca, arba, gafarsa" jechuun bineensota ajjeesaan mirga ittiin argatu sadarkaa isaaniin tarreessa Obbo Bosonaan.
Bineensota hamoodha jedhaman kanneen eeboofi goraadeedhaan akka ajjeesaa turan dubbatu barreessaan kun.
"Bara akaakayyuu fi abbaa keenyaa ammoo meeshaa waraanaa kan raasasa tokko nyaatantu [tokko-nyaattee] dhufe. Sanaan kan Baqqoo deemanii ajjeesan. Abbaakoo irrattuu [bineensa ajjeesuun] bushaayee ture. Meeshaa waraanaatiin salphaatti ajjeesuu dandeessa" jechuun ibsa.
Boodarra "meeshaa waraanaa rasaasa afur, shan nyaatantu dhufe. Kun cimina hin gaafatu, eenyumtiyyuu bakka fedhe dhaabatee ajjeesuu danda'a; ciminasaanii hin gaafatu" jedha.
Namni karaa deemu kamiyyuu ajjeesaa ta'aa gaafa dhufu, "otoo seerri hin bahiin dura kan inni bushaaye" jechuun hafaa deemuu aadaa kanaa dubbata Obbo Bosonaan.
"Dargiin gara dhumaarra seera wayii baaseera. Yeroo sana meeshaaleen akka Kilaashii kan [rasaasa] soddoma nyaatan dhufaniiru. Sa'aatii sanatti namni ajjeeses hin jiru. Otuma ajjeesi mirgaa jetteeyyuu hawaasni si harkaa hin fudhatu.
''Har'a barnoonnis babal'atee, namni lafaa ka'ee bineensa hin ajjeesu. Meeshalee teeknoolojiitiin bineensota ajjeesuu dandeessa, mirgas ta'uu hin danda'ani" jechuun haala amma jiru ibsa gaazexeessaan duraanii kun.
'Korattee hafuun qaanii guddaadha'
Namni umuriinsaa ajjeechaaf gahe imala otoo hin jalqabiin dura namoota walgitan, hiriyoota waliin koratu ykn mari'atu jedhu Obbo Bosonaan.
''Gaafa ajjeesuuf geessu, dabareen abbaakeetii yoo si gahe, yeroo baay'ee nama fuudha gahetu filatama.'' Darbee darbee kan mana dhaabbatee ajjeechaa deemullee akka jiru kaasa.
"Koratteetu kan deemtu. Kophaakee dhaqxee hin ajjeestu. Namaan walitti dhaammatta. Hiriyoota [waliin] yoo xiqqaate nama afur, shan taateetu deemta. Kophaakee dhaqxee ajjeeseen dhufe yoo jette, namni sirraa hin fudhatu. Ragaan jiraachuu qaba. Korattee hafuun baay'ee qaanii guddaadha. Akka daboorummaatti ilaalama" jechuun ibsa Bosonaan.
Namoonni reefu fuudhan, "baranee ta'an, reefu fuudhanii haadha manaa, manaa qabantu dhaquu sodaata. Haadha manaa isaaniifaa shakku jedhama" jechuun ibsa.
Namoonni erga hiriyoota isaanii waliin koratanii booda sababa gara garaan hafanis akkanaan arrabsamu:
Baga oolte ya oolaa
Ya oolaa hudduun dibbee
Yooman oolakee jibbee
Durbawoo mukuu baaftaa
Dullacha kufe kaastaa
Manakee duuba darbuu udaan keetan dadhabee
Balbalakeerra darbuu fincaan keetan dadhabee
Malitti beekti yartuun kan udaan manatti hagduu,
Kan niitiin jalaa hartu akka dhiira ulanii, akka dhiira muranii
Malitti beekti yartuun guyyaa gudeelcha baatti, halkan gudeeda baatti… jechuudhaan akkasaan qaana'an qeequ yookaan arrabsu jedhan Bosonaan.
Namni duule yookaan ajjeesuu dhaqe hundi milkaa'ee mirgaan galuu dhiisuu mala. Kan milkaa'ee mirgaan gale ammoo geerarsaan milkaa'uusaa ibsata.
Fakkeenyaaf, namni leenca ajjeese tokko akkasiin geeraruun akkaataa itti ajjeese seenessa:
Leenca hanfaarroon daggalaa
Anatu ajjeese maggalaa,
Gugguufeen jala dhahee,
Lubbuushii jalan dhahe,
Gara bitaansaan goree
Danbaran qaarisiisee
Jirman tarkaanfachiisee
Jilbarran dhaabachiisee
Kan ajjeechaaf deemee milkaa'e gaafa manatti, gosatti deebi'u, "dhadhaadhaan, ililleedhaan simatamu" jechuun kabaja goonni hawaasa isaa keessatti gonfatu ibsa.
''Namni ajjeesee gale Qondaala jedhama. Qondaalli lootii gurratti keewwatee, [rifeensa] mataasaa jigfatee, dabbasaa ni dheereffata. Isa dura kan geeraru hin jiru. Kabaja guddaa qaba" jechuun ulfina ajjeesaan qabu himan.
Kitaabnisaa Faacha jedhu aadaa ajjeechaafi geerarsaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, "Oromiyaa keessa yoo fudhatte, amma geerarsi sadarkaa dhabamuurra gahaa jira. Namoonni amantaadhaanfaa walqabsiisu; akkas miti,'' jedhu.
''Oromiyaa keessaa geerarsi kan badaa jiru, sababa ajjeechi dhaabateefidha. Ajjeechaan itti fufuu qaba jechuukoo miti, garuu walqabataadha. Qondaalatu geerara. Geerarsii fi mammaaksi ammoo yaada ibsachuudhaaf, si kakaasuudhaaf, onnachiisuudhaaf, erga dabarfachuudhaaf" gahee guddaa bahatu jedhu.
"Walleewwan waggaa kudhan, kudha shan dura bahan yoo ilaalte geeraarsa tokko yookaan lama qaba. Amma albamni guutuun bahee geerarsi tokko keessa hin jiru. Kana jechuun geerarsi badaa jira. Kun xiyyeeffannoo argachuu qaba. Aartiin geerarsaa dhabamuu hin qabu" jechuunis dhaama.
Daangaan biyya tokkoo yoo cabe jalqaba waraana onnachiisuudhaaf geerarsi gahee olaanaa qabaachuu kan himan Bosonaan, geerarsi nama onnachiisuudhaaf gahee olaanaa qabaachuu dubbata.
Dhaloonni ammaa aadaa ajjeesaarraa "cichoomina barata. Labanni amma jiru kana dagachuu hin qabu" jedha.
Har'a goota jedhamuuf akka abboota keenyaa bineensota ajjeesuun dirqama akka hin taane kan kaasu namni kun, seenaa isaaniirraa garuu cichoominaafi jabina guddaan akka baratamu ibsa.
Ammatti kalaqanii fi beekumsi geerarsa waliin walqabatu akka hin dagatamneef, "geerarsaaf xiyyeeffannoo addaa" kennuun barbaachisaa ta'uus gorsa. "Geerarsa qofaa akka hawwisootti hudeessuun" haala amma jiruun akkaataa inni walsimatuu malus qorachuun itti fufsiisuun dhaloota egereef akka darbus dhaama.
'Iddoo dhiirri ittiin qoramudha'
Aadaan ajjeesaa bineensa ajjeesuun alatti ciminaafi jabina akkasumas gidiraa dandamachuun milkaa'uu akka barsiisu ibsu, Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaafi qorataa Fookloorii fi ogbarruu Oromoo kan ta'e Dr. Darajjee Fufaa.
Aadaan ajjeesaa, "Aadaa ittiin gootummaafi dandeettii ibsatani; dhiirummaa himatanidha. Kanaaf, namoonni qe'eerraa fagaatanii, gammoojjii bu'anii beela'anii dheebotanii, bineensota gurguddoo akka leencaa, araba, gafarsaa adamsanii, ajjeesanii galu.
Hundatu ajjeesa miti, abbaa milkaa'etu ajjeesa. Baay'een beela'ee dheebotee, gidiree harka qullaa gala. ''Kanaaf, aadaa ittiin dhiirri qoramu, iddoo itti dhiirri gidiraa argudhas. Dhiirummaa isaas gidiraafi qormaata kana keessa darbee ittiin agarsiisudha'' jedhu.
''Aadaa yoo itti milkaa'an hawaasa keessatti kabaja guddaa nama gonfachiisudha. Sirna qaba, seera ittiin ajjeesaa simatan qaba" jechuun ibsu Dr. Darajjeen.
Sirna simannaa ajjeesaa keessattis hawaasni bal'aan qooda qabaachuu kan kaasan qorataan kun, haati, abbaan, obbolaan, hiriyoonni gahee mataasaanii akka qaban dubbatu.
Namni ajjeesee gale sirna gara garaa akka raawwatu himu Dr. Darajjeen. Erga ajjeesanii booda sirni, jilli raawwatu jira. Gumaa bineensa ajjeesanii baasuun ofitti araarfatu. Jilli kun ammoo shanan baasuu jedhama.
Shanan baasuun jila keessa hulluuquudha. Ajjeesaan hamma shanan baasuu jilatutti qofaa yoo taa'e bineensatu nyaata jedhamee sodaatama. Erga jilatee, gumaa baasee booda garuu bilisummaadhaan adeema jechuun ibsa qorataan aadaa kun.
Ajjeechaafis abbumti arge hin deemu, "warra gaa'ela godhachuuf" qophaa'etu deema kan jedhan Dr. Darajjeen, booda keessa garuu namoonni mana dhaabbatanis ajjeechaaf deemuu akka eegalan kaasuu.
"Dargaggeessi sun otoo gaa'ila hin godhatiin dhaqee ajjeesee yoo mirgaan gale, salphaatti haadha manaa filachuu akka danda'us dubbata. Ajjeesaan mirga argachuu qofa otoo hin taane, badhaasallee qaba.
Firoonnii fi hiriyoonnisaa ni badhaasu waan ta'eef, horii waan ittiin haadha manaa fuudhu, waan ittiin mana dhaabbatu argata jedhu qorataan aadaa Oromoo kun.
Hammas geenya jedhaniis jabina isaanii, fuudhaaf gahuu isaanii ittiin agrasiisuufis ni gargaara jechuun dabaluun ibsu qorataaf barsiisaan Yun. Jimmaa kun.
Akkuma namni arge dhaqee hin ajjeesne, bineensi arges mirga hin ta'u. "Bineensa nama nyaatu, bineensa namaan lolu, isa nama miidhu ta'uu qaba. Yoo kan namaan lolee hin mine ta'e, maal godhi jettee ajjeesta, maalitti dhiirummaa agarsiista.
Kanaaf warra akka Leencaa, Qeerransaa, Yeeyyii, Arba, Gafarsa fa'i kan ajjeefamu" jechuun ibsu qorataan kun.
Maatiirraa fagaatanii, beelaafi dheebuu obsanii…
Qorumsa ajjeesaa keessaa inni tokko, qe'eerraa, maatiirraa, maasirraa fagaatanii deemuudha. Gootummaan ammoo qorumsa sana keessa darbuun milkiin galudha.
"Beela'anii, dheebotanii hanga ji'a jahaafaa turanii ajjeesanii galu. Gammoojjii bakka bineensonni kunneen jiran Baqqoofaa jedhu yeroo baay'ee karaa Boongaafaa [Kafaa] keessa darbuun" bosona Kibba Lixa Itoophiyaatii ajjeesu jechuun ibsu Dr. Darajjeen.
Galuu jibbee, galuu sodaatee kan sanaa olis bosona turu akka jiru himu, Dr. Darajjeen.
Yeroo ajjeesaan ajjeesuuf bosona deemu, "warri qe'eetti hafe keessumaa ijoolleen durbaa sirbuudhaaf eeggatti. Sirbuu sanammoo yoo dhaban ni mufatu" kan jedhan qorataan kun, "otoon hin ajjeesiin hin galu jedhanii achumaan hafu" jechuun carraa warreen hin milkoofneefii ibsu.
Gidiraa bosonaa dhibee, beelaaf dheebuu sana hunda keessa darbanii otoo hin ajjeesiin "harka qullaa galuun ammoo baay'ee nama saalfachiisa. Warri dhabe galgala erga namni rafee gala malee guyyaallee hin galu.
''Warri ajjeesee [mirga argate] garuu ganama erga loon dallaadhaa yaa'anii gala. Inni ajjeese ganama gala, akka horiin yaa'ettii; inni dhabe galgala gala, akka namni rafettii" jedhamuun geerarsa keesstti akka ibsamus kaasu qorataan kun.
Dhiira kan dhiira godhu durba
Nama milkaa'eefii ajjeesee mirgaan gale yeroo simatan ammoo durboonni agiboodhaan arrabsu. Mirga inni fudhatee gale illee jalaa busheessuu yaalu. Ajjeesaan sunis geeraree booratee jabinasaa ibsata.
Akka mallattoo gootummaatti ajjeesaan Gafarsa ajjeese eegee kan faacha jedhamu fudhatee gala. Leenca yoo ta'emmoo hanfaarroo kaan ammoo gaanfa yookaan gogaa bineensa ajjeesee fudhatee gala.
Mirgisaa achiirra hubatama. Dubaroonni mirga namni sun fidee dhufe erga arganii booda dibbee fudhatanii, weeddisanii gaafatu, qoru, icciitii odeessisu:
Hiddat qabee, in danqamee
Tortoraadha, lafaa fuutee
Gabaa buutee ya qonqordaa
Lafaa fuutee na sossobdaa? jedhanii weeddisuun abbaa mirgaa sana qoru.
Ajjeesaanis onneetee geeraree, akkasiin isaanitti deebisa:
Qoosaatti dhufe seetee
Sesseeqxee fuudhuu feete
Haasatti dhufe seetee
Haasoftee fuudhuu feetee
Isan talbaa itti tume
Isan sarbaa itti dhume
Isan goojjoo itti ijaare
Isan qoonqoo itti xaare
Ajjeesaan, onneedhaan gootummaasaa agarsiisuu qaba, anatu akkas godhe, haala kana keessa darbeen jabinaan raawwadhe jedhee ofitti amanamummaa isaa hawaasa isa simachuuf bahetti agarsiisuu qaba.
"Warri durbaas weedduudhaan eenyummaa isaanii agarsiisu. Durbi Oromoo kun cimtuudha. Gootummaa Oromootti horee, dhiira kan dhiira godhu durba" jedhu qorataan kun.
"Aadaa Oromoo keessatti akka hin sodaanne kan gootomsu, akka lugna hin taane, akka maslufa hin taane kan godhu durba" kan jedhan Dr. Darjjeen, durboonni ajjeesaa qoruun caala jabeessuuf onnachiisuuf malee busheessuuf akka hin taane ibsu.
"Bineensa waraantee yookaan dhukaastee kan ajjeestu, bineensa faana dhoofteetu irra baata" Dr. Darajjeen, "seera ajjeesaa keessatti nama duulchisu abbaa duulaa" qabaachuu ibsu.
Tokkoffaa irratti, lammaffaa irratti eenyu rukuchu yookaan waraanuu akka qabu irratti dursanii carraa buufatu.
"Dura abbaa [mirgaa] sanatu rukuta. Hiriyoonni yookaan miiltoon waliin duulan kunneen gargaaranii rukutuu danda'u, haa taa'uutii garuu dura kan harka baafatu" isa abbaa mirgaa ta'udha.
Yoo inni dursuu qabu waan kana raawwachuu dhiise garuu namoonni kaan dursanii harka baafachuun abbaa mirgaa ta'uu danda'u jechuunis ibsu Dr. Darajjeen.
Afoolaa fi ajjeechaa: Ajjeechaan bara Waaqi
Gammachuu fi milkaa'ina qofa otoo hin taane, gaddaa fi aarii akkasumas xiiqii onnee isaanii afoolaan keessumaa ammoo geerarsaan ibsatu. Taa'anii waan isaan mudate, waan keessa darban namatti odeessuu caala geerarsatu miira namaa bita.
Inni geerarus onnaa'uun, inni dhaggeeffatus qalbiisaa kennuun wal hubatu; seenaa walirraa baru.
Ajjeesaan bineensa rukutee yookaan waraanee yoo jalaa miliqe, akkasiin geeraree aarii garaasaa ibsata:
Dob godheen lafaan dhahee
Sab jedheen gubbaa baha gaafan jedhu
Taf jedhee lafaa ka'ee
Hamman gammaden nahe
Dhaqi giddii qabaaree
Waaqirra humna qabaaree."
Ajjeesaan bineensa haleellatee rukutee garuu gatantareetuma yoo jalaa miliqe dhaqee bakka ta'etti akkanni du'u waan beekuuf, akkasiin lam-dhabdeettii ta'uusaa geerarsaan ibsata:
Bilaash badde yaa Gurree
Bilaash badde yaa Gurree
Yookaan mataakoo hin geenyee
Yookaan balookee hin dheennee
Ajjeesaanis abbaa mirgaa ta'ee dibatee ittiin geeraruuf faacha hin arganne, bineensichis nagaadhaan jiraattee akka hin dheenneef garmalee madaa'eera du'uunsaa hin hafu kan jedhan qorataan kun, lamaanuu kan hin fayyanne akka ta'e agarsiisuuf akka geerarame ibsu.
'Kan garaan aarii qabu qooqaa dooraat ajjeesa'
Namoonni ajjeechaaf deddeebi'anii beelaaf dheebuun gidirfamanii garuu hin milkoofneef, abbaa mirgaa hin taanes akkasiin gaabbii garaa isaanii geerarsaan ibsatu:
Kan namni dhaqaaf dhaqu dhaqa takkatti ajjeesa
Kan garaan aarii qabu qooqaa Dooraat ajjeesa
Uffee yaa qooqaa Dooraa keessaa yaa qoortoo Dooraa
Uffee dhadhaa arfaasaa keessaa yaa dibaa waarsaa
Uffee ya haasaa birraa keessaa yaa haasaa hiriyaa" jechuun "hammam akka deddeebi'an, bu'anii ba'an, falanii dadhabanii dhiisan" agarsiisu jechuun ibsu qorataan kun.
Namoonni deddeebi'anii hin milkoofneef, garuu kan abdii hin kutanne ammoo bara Waaqayyoo na milkeesse nan ajjeesa jechuudhaaf akkasiin geeraru:
Ajjeerraa mana [Faaqii] bagan bare kabaashii
Ajjeechaan gaafa Waaqii bagan bare karaashii
Iddoo itti dhiirummaankee qoramee, sibiila taatudha
Aadaan ajjeechaa "xiiqii keessa galuu, xiiqii keessa walgalchuu, waliin morkachuu, wal gootomsuu, walcimsuu, waljabeessuu,walii gumaachuu" ofkeessaa qabaachuu'' dubbatu Dr. Darajjeen.
Bineensa ajjeesuun ''olitti namni jireenya hawaas-dinagdee isaa keessatti akka beekumsa, hubannoo fi qabeenyas horatuuf gargaara jedhu. "Maaljedhuu, safuu, aadaas akka beekuuf fayyada" jechuun ibsu.
Aadaan ajjeechaa qaama Sirna Gadaa ta'uu kan himan qorataan kun beekumsaafi ogummaa jireenyaa guddaan akka irraa baratamuu danda'u ibsu.
Akkaataan hiriyoota waliin manaa bahanii ajjeesanii ittiin galan seera qaba. "Qindoomanii tokkummaadhaan waliin socho'u. Gaafa waliin deeman dadhabuun, beela'uun, dheebochuun jira. Hiriyaa biraa hafuun garuu kolfadha.''
''Ciniinnatee imaluu qaba. Galaa ennaa nyaatanis qofa qofaa miti; waloodhaani. Yeroo barbaadanitti waan gahaa nyaachuuf dhuguun waan hin jirreef namni ni qorama" jechuun bu'aa bayii isaa ibsu qoratichi.
Namni duulchisu yeroo jedhetti galaa nyaachuuf, bishaan dhuguuf yookaan aara galfachuuf taa'u malee namni biraa akkas taana, nan beela'e, nan dheebodhe jechuun safuu cabsuu qanii akka ta'es kaasu qorataan kun. Haala kanaan gammoojjii keessa otoo hin nyaatiin, otoo hin dhugiin sa'aatii dheeraa imaluun sun qorumsa guddaa keessa darbuu nama barsiisa jedhu.
"Qaaniidha, iddoo sana dhaqxee sodaachuun sirra hin jiru. Du'aaf qophaa'aadha waantaateef, sodaachuun sirra hin jiraatu. Kanaaf, miidhamtee otoo si dhukkubuu jabaachuu gootomuu qabda malee waa tokko kulkulfattee boodatti deebitee hin seesitu, hin sodaattu" jedhu Dr. Darajjeen.
"Waanti baay'een bakka itti baramu, iddoo itti dhiirri qoramudha" jechuun ibsu. Akkuma Artist "Hacaaluun hidhaan qoraasuma dhiiraati jedhe, ajjeechaanis iddoo itti dhiirummaankee qoramee, sibiila taatudha" jechuun ibsu qorataan kun.
Mallattoon gootummaa ajjeesaan fuudhatee gale gaafa namni sun boqote ittiin himamaaf, ittiin garmaamee gootummaansaa dhaadatamaaf. Hiriyoonnisaa ittiin jabinasaa himu.
Mallattoon gootummaa sun naannoodhuma awwalcha isaatti daandii guddaa yookaan daandii horaa irratti fannifama. Akkanaan seenaan gootummaa sun dhalootaa dhalootatti darba.