Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ingilaand dhiphattee Sarbiyaa injifatte, Dorgommicha injifachuuf abdii qabdii?
Waancaa Awurooppaa 2024 injifachuuf tilmaama olaanaa kan argatte Ingilaand dhippattee Sarbiyaa 1-0n injifatte.
Dorgommiin Waancaa Awurooppaa, jimaata eegalame tapha ramaddii marsaa jalqabaa gaggeeffamaa jiruun ho'aa jira.
Tapha hanga ammaan morkiin goolii malee fi qixxee xumurame hin jiru.
Gareewwan tilmaama dorgommicha injifachuu argatan keessaa Jarman tapha baniinsaan goolii hedduun injifattee abdii qabdu agarsiifteetti. Ispeenis gahumsa olaanaan Kirooshiyaa 3-1n injafatteetti. Shaampiyoonaa bara kaanii Xaaliyaanis injifachuu dandeesseetti.
Dorgommii kana injifachuuf warra tilmaama jalqabaa argatan keessaa adda dure kan taate Ingiliz Dilbata galgala Sarbiyaa waliin morkii cimaa booda 1-0 injifatte. Warri Sarbiyaa ittisatti cimanii boqonnaa booda ammoo carraa goolii uumuun yaaddoo itti ta'aniiru.
Goolii takkittii addaan rukutee kan galche Juud Beeliingihaam taphataa cimaa morkii galgalaa ta'uun filatameera.
Ingilaandiif goolii omishuun kan beekamu Haarii Keen yaalii takkittii goolii eegaan irraa qole malee kubbaa hin arganne.
Taphataa cimaa piriimiyeer Liigichaa kan jedhame Fiil Foodenis ''eessa jira'' jedhama ture.
Tapha booda maaltu jedhame?
Tireent Aleksaander Arnoold ''kana caala taphachuu mallee, garuu ammoo injifannoodhaan jalqabuun keenya gaariidha'' jedhe.
''Dorgommii kana keessatti of fooyyessaa deemuu akka qabnu ni beekna. Wanti irraa barannus, wanti arginee itti gammannus jira'' jedhe.
Leenjisa Gaarz Saawuzgeet gama isaan ''xiqqoo rakkachuun keenya nuuf baayyee garaii natti fakkaata. Ittisaaf haalli itti taphanne gaari natti fakkaata'' jedhe.
Dabaluunis Beelingihaam ''seenaasaa ofiin katabaa jira'' jira jechuun jaje.
Goolii eegaan Ingilaand Joordaan Piikfoord gareensaa 'gahumsaa fi cichoomina agarsiiseera'' jedhe.
Ittisni duraanii Ingilaand Riyoo Ferdinaand ''Ingilaand haala tapha gaggeessurratti of ilaaluun irra jira'' jedhe.
''Duuba dhaabattee ittisuun yeroo tokk tokko si rifaasisa'' jedhe. Kubbaa to'atanii ofitti amanamuummaan taphachuunis filannoo biraati jechuun dubbate.
Taphataan sarara gidduu duraanii Ingilaand Izziy Kiristeensen ammoo Haarii Keen badaa kubbaa hin tuqne...'' jedhe.
Kubbaa gara dhumaatti Jaarod Boowen dabarseef addaan rukutee goolii eegaan Sarbiyaa akka gaariitti qole qofaatu Keeniin tapha keessa jiraachuu mul'ise.
Gahumsi Keen dorgommii kana keessatti suuta mul'ataa?
Ittisni duraanii Ingilaand Mikaah Richaards gama isaan ''taphataa gahums aakka Fooden qabu dirree keessa jiraatee mula'chuu yoo dhabu arguun na gaddisiisa'' jedhe.
Garee Peep Gaardiyoolaa Maanchistar Siitii keessatti bara kana gahumsa addaa kan argarsiise Fooden hamma maqaasaa hin mu'anne. Richaards Foodeniin tpahatti deebisuuf haalli akka uumamuu qabu hime.
Garee Ingilaand taphattoota sarara gadduufii jifatan jajjaboofi filannoo hedduu qabuurraa yaaliin Dilbata mul'ate hamma eegamuudhaa?
Gahumsi kun fooyya'aa deemaa?
Taphoota hafantu murteessa.