Itoophiyaan akkamiin Waancaa Afrikaa 2025'n ala taate?

Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa taphoota shan taphate keessaa tokkoyyuu hin mo'anne

Madda suuraa, EFF

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa taphoota shan taphate keessaa tokkoyyuu hin mo'anne

Itoophiyaan Waancaa Afrikaa waggaa dhufu Morookoon qopheessituuf osoo hin darbin hafte.

Gulaallii Waancaa Afrikaa Bara 2025 adeemsifamaa jiruun Taanzaaniyaa kan morkatte Itoophiyaan 2fi 0’n mo’amteetti.

Garee H jalatti Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo, Giinii fi Taanzaaniyaa waliin kan ramadamte Itoophiyaan hanga ammaa tapha shan taphattee tokko qofa qixa baate.

Taphoota afran mo’amuun osoo tapha dabalataa tokko taphattu qabdu gamanumaa carraa darbuu akka hin qabne mirkaneeffatteetti.

Guyyaa Sambataa dirree Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo dirree Sitaad De Maartiyarsitti kan taphatan warri Waaliyaa carraa argatan yaalanis galchii galchuu hin dandeenye.

Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa Gulaallii Waancaa Afrikaan tapha jahaffaafi xumuraa Kibxata dhufu darbuu ishee kan mirkaneeffatte Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo waliin taphata.

Itoophiyaan dirree sadarkaa FIFA guutuu waan hin qabneef tapha silaa dirree ofiirratti taphachuu qabdu biyya ormaatti deeggaraa malee taphachuu itti fufteetti.

Gulaallii Waancaa Addunyaafis akkasuma dirree biyya ormaatti warri Waaliyaa taphachuu itti fufaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabramadihiin Hayilee gaggeessuun leenjisaa yeroo Masaay Tafariin kan leenji’aa jiru gareen Itoophiyaa rakkoo jabaa keessa jira.

Leenjisaa Gabramadin rakkoon ijoo jifataa lakkoofsa sagal dhabuu isaanii kana dura dubbachuun isaanii gabaafameera.

Itoophiyaan Biyyoota Waancaa Afrikaa hundeessan akkasumas kanneen dursanii milkaa’an keessaa tokko taatus milkiin biraa fagaatee bubbuleera.

Waancaa Afrikaa injifachuu miti hirmaachuunu qormaata ta’e itti fufeera.

Kanaaf ispoortii kubbaa miilaa Itoophiyaa kanneen itti dhiheenyaan hordofan sababoota garagaraa eeru.

Rakkoo ga’umsaa, rakkoo hoggansa, deeggarsi hanqatuufi misoomni bu’uuraalee ispoortii dhibuu eeru.

Dirree kubbaa miilaa ofiirratti, deeggartoota ofii fuulduratti taphachuu dhabuunu rakkoo biraa ta’u eera taphataan Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa Gaatoch Paanom kana dura BBC’tti dubbate.

''Dhiibbaa qaba, dirreen kaan waan mijatu qofaaf gaariidha jechuumiti. Akkuma dhaqxeen kubbaa dhiittee kan irratti dorgomtu miti. Itti baruu qabna nuti.

‘’Warri kaan dirree kanaan walfakkaaturra dorgomaa bahanii dhufu. Nutti garuu bitaa galuu danda'a.''

Lammiileen Itoophiyaa gareen Itoophiyaa milkaa’uu isaa hawwaniifi qalbiin eegan irra deddeebiin waan arguu hawwan dhabuun komii dhageessisu.

Gaatoch Paanom ''Biyya keenya keessatti namni taphataa fi leenjisaarratti farada. Garuumoo bu'uurarraa hojjetamuu qaba'’ jechuun hima.

‘’Dur kilabootni taphattoota jahaafi torba garee biyyaalessaaf filachiisan kan akka Goorgiisii, Buna amma eessa jiru? Taphattoota tokko lama filachiisuuyyuu dadhabaniiru.

‘’Liigichis sababuma kanaatti dhadhabaa deeme,'' jechuun kilabootni yoo jajjabaatan malee gareen biyyaalessaa akka hin jabaanne dubbata.

Waancaa Afrikaaf akkamiin darbu?

Biyyoonni 48 garee 12’tti hiramanii taphoota gulaallii adeemsisaa jiru. Biyyoonni ramaddii isaanii keessaa tokkoffaafi lammaffaa xumuran kallattiin darbu.

Itoophiyaan qabxii tokko qofaan ramaddii isheerraa sadarkaa afraffaarra jirti.

Hanga yoonaa biyyoonni 19 darbuu isaanii mirkaneessaniiru. Kanneen akka Gaanaa garuu milkaa’uu hin dandeenye.

Akka Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa ibsetti Waancaan Afrikaa 2025 Mudde 21 Bara 2025 hanga Amajji 18, 2026 Morokootti taphatama.