'Nama bofi ciniine hancufaan fayyifnee, bofas hancufumaan ajjeesuu dandeenya' - Maanguddoo bofa to'atan

Kaaba Keeniyaa kessatti kan argamtu Marsabeet keessa bineensonni loo'an keessattuu bofi baayyinaan jiru.
Bara 2016 namoonni bofaan ciniinaman dabalaa dhufuu irraa kan ka'e jiraattonni sodaa qaban ibsaa turan.
Uummanni nagaan akka jiraatuu fi bofni naannolee kanaa akka hin ajjeefamne kutaalee Marsabeet keessatti cirreeyyiitu gidduusaanii jiru.
Guyyaa kamuu bofa mana namaa seennaan fudhatanii gara bosonaatti deebisuun, namoota ilbisa kanaan miidhame wal'aanu.
Bofti gosa isaa keessaa tokko ajjeefamnaan haaloo ba’a amantaa jedhu hawaasa keessa jira.
Saayinsiidhaan mirkanaa'uu baatus, cirreeyyiin Kawuntii Marsabeet keessa jiran amantaa hawaasaa kun dhugadha jechuun falmu.
Naannoo Saakuu keessatti gidduu ummataa fi bofaa kan jiru Aab Duuba Xachee, ogummaasaan walqabates daktaroonni fi ummanni naannichaa Dr. Duuba jedhanii waamu.
Aab Duuba Xachee eenyu?
Aab Duubi Godina Boorana Eerdaritti dhalate xiqqeennaan gama Keeniyaa dhufe. Asumaatti maatii horate.
Guyyaa guyyaattis namoota wal’aanuu fi bofa manneen namaa keessa fuudhaa oola. Halkan ammoo ijoollee isaa guddisuuf waardiyyaa ta'ee hojjeta.
“Cirrumma kanaaan namoonni maallaqa fudhatan jiraatanis, aadaan teenya garuu hin eeyyamtu waan ta'eef nuti hin fudhannu. Durirraa jaarolleen nu dhorkite. Yoo namni galataa waa nuf kenne malee ommaa hin gaafannu,” jedha.
Cirreeyyii Booranaa kan angafu maatiisaanii ta’uun itti boona.
“Warri keenya kun waan kana itti dhalate. Nutis warra Ibroo jedhan. Warri keenna hanguma dhalateen cirreessa. Booranni bakka jiru kun dhugaa ta’uu ni beeku.''
“Cirreeyyin garii yoo bofni nama nyaatu qorsa barbaada deeman, nuti hin barbaannu, hancufaan hadhaa/summii keessaa buufna. Hancufaan fayyifnas,” jedha Aab Duubi.

Abbaa fi akaakayyuun isaaniilleen wayita bofa qaban argaa guddate. Umuriiinsaa reefuu ganna 10 wayita ta'u yeroo jalqabaatiif mana namaa keessaa bofa fudhuun eegalan.
“Takkaa sodaadhe hin beeku. Eegii dhaladhe kaasee abbaan koo osoo bineensa kana guuruun arge. Bofni isaan qabanis kanneen mana namaa seenan malee kan ala jiran hin qabnaa jedhee nu akeekkachiisee ture.”
Hancufa/gogora dawaa hospitaalaa caalu...
Magaalaa kana keessatti namni Aab Duubi Godina kana hin beekne hin jiru. Hanga fe'e osoo bofni nama ciniinee hancufaan fayyisa jechuun hawaasni naannichaa maanguddoo kanaaf ragaa bahan.
“Hancufa tana Waaqayyootu qorsa godhe,” jedhu Aab Duubi Godina
Yeroo gaazexessitonni BBC isaan bira qaqabanittis, reefuu bofa mana nama ta'e keessaa baasuun deebi'u ture. Harkisaa waan nyaatuuf muka jala ta’un baalasaa alanfachun ofiitti tufaa ture.
“Bofa garmalee guddaa harkaan qabeen fuudhe. Fudhees bosona geessee amma deebi’u kooti. Kanaafuu, harki na boba’aa jira. Qorchi kun baay'ee adda, ammuma gubaa harkakoo kana qabbaneessa,” jedhan.
Ani duriin hinnaan dubartoota Booranaa kanaaf qoricha kanaa ta’u hima, jedhu. “Afaan barressa jedhanii durii ilaalleen ni kuulattu'' jedhu.
Guyyaa sun irra kaasee hospitaalli Marsabeet cirrummaasaa amane.

Madaa kamiyyuu battalumatti fayyisa. Isa qofa utuu hin ta’in qoricha gara biraa kan akka dinnichaa jirutti jira. Yoo tuman ammoo ni saamunaa'a.
“Qoricha kana qaamaanis wayyanis dhiqachuun ni danda’ama. Hadhaa bofaa dafee bakka qaama nama keessa baasa.”
Qorichi kana caala garuu kan humna qabu hancufasaanii ta’uu amanu maanguddoon kun.
Dhiheenya kana bofi ijjoollee afur ciniinee hospitaala geessan. Innis achi deemnaan hakiimoonni ni hari’an.
Bofni sunin hadhaa hamtuu waan qabuuf ijjoolleen hospitaala rifaraalaa geeffamuun miilli akka irra kutamu murteessan.
“Isaan keessa ijjoolleen lama natti dhufte, hancufaan fayyise. Taan lamaan miila irraa kutan,” jedhan.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hacufni isaa namaafi horii fayyisuun alatti bofa illeen ajjeessuu danda’a jedhu.
Magaalaa Saakuu keessatti akkamitti bofa jeqamee tokko hancufa isaatiin akka tasgabbeesse himu.
“Bofni guddaan tokko mana namaa seenee haadha manaa nyaate. Mana keessaas bahuu dide. Warra bineensota bosonaa eeguu yaamani fuudhuu dhadhaban.''
“Warri bineensa bosonaa fi abbaan manaas, namni boficha mana keessaa qabee baase maallaqa argata jedhanii waadaa galan. Ani achi hin turre, namoonni yaalanii dhadhaban bilbilaan na yaaman,” jedha Aab Duubi.
Sababa namoonni tutuqaniif bofichi baay’ee aaree ture. Kanaafu, harkaan fuudhuu hin dandeenne, tasgabbeessuuf hancufaan gaggabsee mana keessaa baase jedhan.
Erga bosona gaheen booda, qorichaan kaasee gadi dhiise. “Namni bineensa ajjeese attamiin kaafta? Ati falfaltu naan jette eegdonni,” jedha.
“Ani garuu hin aaruu, qubas namatti hin qabnu. Waan hamtuu hin dubannus, waan nama hin hannu. Namni waan keenya fudhates iddoo tokkoon gahuu hin danda’u,” jedhan.
Eegdonni bineensota bosona yoo fuudhanii gatan, ji’a tokko lamaan booda bakkuma kaasaniitti deebii'a. Gonkumaa gara bakka jireenyaa namaatti hin deebine akka 'ajaja' kennanis ni dubbatu.
“Bakka ani fuudhe itti hin deebi’in jedhen itti himeetti hin deebii'u. Bineensa kana hin gabbarru, hin hordofnu. Waaqayyoon waaqeffanna, garuu bineensa kana eeguun nuuf dirqama'' jedhu.
Bofni yoo akka tasaa mana namaa keessa seenee malee Aab Duubii, bofa ala jiru hin qaban. Aadaansaa hin eyyamtu jedhan.
“Ani si fuudhaa, tasgabbaa'i hin sokoksinan jedhaan. Yoo ani gadhiise malee, osoo hin socho'iin sa’aatii tokkoof harka koo keessa taa’uu danda'a. Achiin duuba bosona keessaa akka baduun ajaja.”

Alii Jiloo maaliif Alii Buutii jedhame?
Gama Mooyaleetti Bofa kan mana namootaatii baasan Aab Alii Jiloo, hojii isaa kanaan jaallatamoodha. Maqaan ittiin beekaman kan biraa Alii buutii.
Isaanis haala Aab Duuba irraa adda ta’een waa'ee bofaa dinqisiifata. Isaanis kan mana namaa seeneefi isa ala jirus ni qabu/fudhuu.
Dallaa jala deemuun waame. Bofa dabalatee simbirroonni illeen sagaleesaa adda baasanii beeku. Akkasumas afaan bofaa akka beekan dubbatu.
Akkuma Aab Duuba Aab Alii Jiloos wayita xiqqaa turan hojii kana eegalan.
“Horiillee nyaaphi fudhatee ykn hongeen balleesitee baduu danda’a, ammoo cirrummaa fi aadaan baduu hin malle,'' jedhe. ''Akaakuun kiyyaa umuri ganna 17tti na barsiise,'' jedha Alii Buutii.
Akka cirreessi kun ibsutti, yoo namni itti bu’e malee bofni nama hin tuqu.

Haaloo buutii
Saayinsiidhaan mirkanaa'uu baatus, gosawwan bofaa keessaa buutiin akka malee haaloo qabatti jedhan cirreyyiin kun.
“Booranni guddoo sodaata, sababa haalooshee sadi hin bultu, ni dhufti.”
Naannoo isaanii keessatti namoonni bofi seexanaa jechuun waan ajjeessaniif, innis dhumuu diddee, lafa qabattee nama nyaate jedhan.
“Yoo ati duraan hin ajjeesiin isheenis omaa sirraa hin qabu, ofirra nama dhorkuuf afuura itti baafti malee ykn silaa nama ajjeefti.''
Saakuu keessatti namoonni isheen haaloo ba’uuf ajjeefte hedduudha jedhu. Nama isaan haaloo baha qofa osoo hintaane darbanii miseensa maatilleen akka haaloo bahan himu.
Akkamiin nama maatiisaa jalaa ajjeese beektan jennaan, “Akkamiin akkan waame qabu beekte dhufte? jechuun deebise.
Yeroo boficha qabuuf deemanittis “Maal barbaadda rakkoo irra qabda yoon jedhu, lakkii osoo deemuun dadhabe as seene jette jedhan.
“Garuu haaloo irra qabannan, qofaa hin dhuftu, taan seente taan alatti na dhorkiti. Akka ani mana sana hin seenneefis mormiidhaan mataa raasa,” jechuun akka gochaa bofa hubatan himu.
Yeroo akkanaa cirreessas ciniinuu dandeettis jedhu.
Haata'u malee, kan ajjeessee sun kan awwaalee yoo ta'e dhiifama argata jedhu.
Kanneen ajjeessanii guban ykn ajjeessanii gatan ammoo haalooshee jalaa ba’uu hin danda’an, jedhu.
Yeroo garii aartee isa ciniinti, garuu ilkaan summii qaban utuu hin taanee kan gidduutin waraanti. Kunin isaaf akka qimmiiddaa namaati.

Ijjoolleensaanii didaniiru
Maatii Aab Duuba Tachee Saakuu keessa jiraatan keessaa namni bineensa kana qabu danda’u isa qofaadha. Namoonni kaan sababa barnootaan aadaa tana hordofu dhiisaniiru.
''Ijjoollee torban qaba. Hundisaani didaniiru. Ijoolleenis namani bofti ciniinee qoracha barbaacha gara mana saanii wayita dhaqu ni baqatu,'' jedhu.
Ammoo hanchufti isaani silaa akka malee humna qabdi jedha cirreessi kun.
“Warrii keenna qorsa ijjoollee hin barsiisuu malee namuu ofiin barata. Ana abboon na hin barsiifne, ofiin baradhe. Isa caalaan beekas. Akkasumas ilmaankoo na caalaa beekti garuu ni sodaatti,” jedhan.
Obbolaa Alii Jiloo afur keessaa isa qofatti lubbuun jira. Innis ijjoollee afur qaba, lama aadaa tana fudhachuu didee lama fudhatte.
“Nuti warra barate waan kana hin dandeennu jedhanii didan. Kanneen maandhaa umurii ganna 7 fi 10 qaban fudhataniiru, isaan hin sodaatan ofumma taphataniin.”
Shamarran hin barsiifnu
Cirreeyyiin Boorana hedduun aadaa shamarran isaaniitti hin dabarsan. Dubartoota isaanitti heeruman ammoo ni barsiisu.
“Ijjoolleen durbaa barachuu hin dandeettu, gosa biratti heerumti waan taateef. Akka isheen hin baranne taasisan. Dubartoonni warra keennatti heerumtu ammoo guyyuma sana baratti,” jedha Aab Duubii.

Wantoota lagachuu qaban
Seera cirrummaa keessatti nyaanni isaan lagatan jiru. Gosti isaanii cirrummaa isaanii eeguuf lukkuu, hanqaaquufi mogolee loonii irra fagaachuu qabu. Ollaa isaan jiraatanis kana hin qopheessan.
Gaafa wantoota dhorkaa ta’e kana nyaatan cirrummaan isaanii jalaa baddi.
Kanaaf shammarran isaanii aadaa tana akka hin baranne, xiqqeenyaan nyaachisan.
Namoonni nu sodaatu.
Namoota mana isaanitii bofa fuudhaniif dabalatee namoonni garii isaan akka sodaatan himan.
“Namoonni tokko tokko akkan waan gara bofaatti jijjiiramuu danda'utti na yaadu. Na waliin hin nyaatan, saaniin ani keessaa nyaadhees akkan fudhadhee deemu na gaafatu” jechuun ilaalacha namoonni isaaniif qaban himu Aab Duubiin.
Gariin ammoo magaalaa keessatti yoo isa argan akka baqatan himu.
“Ummannii akka malee kabaja nuuf qaba garuu utuu isaan falfalttu nuun jedhanis itti aaruu hin danda’u. Sababnisaa yoo ani aaree wanti kunnin isaan nyaatti, kana diduuf obsaanan dabarsa.”

“Bakka ishee tuqtu ilmaankoo yoo rukutte wayya”
Aab Aliin bofa waliin walitti dhufeenya addaa qaba, yoo namni bineensa kana ajjeessu guddoo gadda.
“Ani akka malee dhukkubsadha yoo namni balleessa itti hojate. Bakka ishee ijjeessan ilmaankoo utuu rukutani wayya.
“Lubbuun baate deebii hin qabdu, kanaaf nama ijjoolleekoo rukute wal gaafachuu dandeenna, ishee yoo ajjeessan ammoo mar’iachuun hin danda’amu.kanaafidha.”
Warra eegdota bosonatiin sababa bineensa kana waldhabaniiru. Bineensakoo qabate deema jedhani mana murtii geessan.
Achiitti, “yoo keessan taate deeme fida, harkaan narra fudhadha jedheen.” Erga inni fideen booda abba murtii dabalate namoonni hundi mana murtii keessa baqachuu hima.
Ergasi hojii wallin hojanna jedhani dhiifama gaafatan

Bofa yakka qabu adabu
Yeroo garii cirreeyyiin kunneen bofa adaban.
“Yoo mana nama seene ani dhufu, kanneen dafani rakkoo qaban himataniitti jira. Kana hin tuqu.Kanneen ammoo utuu yakkaa itti hin hojatani mana nama dhufte nama jeeqtu, adaba.
“Maalitti asiin si dhufe ka’i deeme jedhaan, yoo isheen dide ulee fuudhe rukuta, achiin booda mana keessa baati yookaan kanneen sababa aduu fi ulfinnaa deemuu hin dandeenne na fuudhi naan jetti, isaan fuudhe bosona keessatti gad dhiisa.”
Isaaan nyaachu hin dandeettu .Dubbii isaanis hin didu, akka ajajamanitti raawwatu.

Yeroo hongee kunuunsuu
Sababa hongee, mukeen duraan isheen jala boqotu dhumaniiru. Amma Mooyalee keessa ollaawwan muka qabu kanneen akka Soomaree keessatti galan.
Waan lafarra socho'u waan ta’eef, yeroo hongee kana baay’ee miidhaman.
“Cinaachii isaani dafqe gororii keessaa ya’a. Dadhabde bakkuma teetutti dooti.” jedha Aliin.












