Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maqaa akka mallattoo sabboonummaatti: Namoonni maaliif maqaa jijjiirratu?
'Uleen abbaankoo naaf mure hin cabus, hin badus/dabus' - Deebiin Hibboo kanaa Maqaa abbaa/maatiin namaaf baase/moggaasedha.
Hibboo kanarraa wanti hubatamu, maqaa kan namaa baasu abbaa ykn maatii ta'ee, maqaan ammoo kan hin cabneefi hin dabne/badne ta'uu isaati.
Haata'u malee 'uleen abbaan ganama namaaf muru kun yeroon akka cabuufi baduuf dhiibame jira.
"Waggoota 150 dura Oromoofi lafti isaa maqaa Oromoo qabu turan. Haata'u malee, jarri [mootummoonni Itoophiyaa imaammata tolfatanii maqaa biyya tokkoomsuutiin saba danuu liqimsuuf edaa turan] yeroo eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf ka'anitti jalqaba kan isaan godhan namaafi lafa Oromoo maqaa jijjiiruudha.
"Kanaaf, eenyummaa kiyya kan ta'e Oromummaa koo deebisee jabeeffachuudhaaf wanti jalqabaafi salphaa ani gochuu danda'u maqaa koo jijjiirrachuudha," jedha Injinar Mootii Beegii.
Injinar Mootiin hiriyyootaafi jaalleewwan isaa biroo torba waliin ji'a darbe keessa ture kan maqaa isaa kan afaan Amaaraa ture gara Afaan Oromootti jijjiirrate.
Mootiin maqaa 'Darajjee' jedhu fedhiifi eenyummaa isaa bakka hin buune wagga 40 oliif baataa ture ji'a tokko dura seeraan ofirraa gaggeessuu BBCtti dubbate.
Mootiin turtii dheeraan booda akka maqaa isaa jijjiirratuuf sababoota ijoo lama kaasa.
Inni jalqabaa taatee jalqaba baatii Guraandhalaa keessa Biiroon Fayyaa Oromiyaa ogeessota fayyaa qacaruuf yeroo ibsa baasetti, Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu akka ulaagaatti kaa'uu hordofee ''waca'' dhalatedha jedha.
Afaan Oromoo afaan ummanni Itoophiyaa walakkaa ol dubbatu ta'ee osoo jiruu, darbees afaan hojii naannoo Oromiyaa ta'ee osoo jiruu warri umurii isaanii guutuu Oromiyaa keessa jiraatanii barachuu hin barbaadne maaliif ulaagaa hojii ta'e jechuun mormuun isaanii hedduu akka isa aarse ibsa.
Sababa beeksisa kanaatiin qeequmsi dhaga'amaa ture akka gocha sanyii ofiif qofa yaaduu [zaranyinatii] tokkotti fudhachuu barbaadan jedha Mootiin.
"Ani yeroo hedduu namootan itti dhiyaadhu osoo maqaa Amaariffaa moggaafannee jirruu, osoo ammoo afaan Amaaraa beeknee jirruu [Zaranyaan] nu miti jedhee amansiisuuf hedduun dhama'e, garuu hin fudhatan."
Kun akka maqaa isaa jijjiiratuuf seetoo itti ta'uu kan dubbatu Injinar Mootiin, sababiin lamaffaa ammoo ijoolleen isaas gara fuula duraatti maqaan abbaa isaanii kan eenyummaa isaanii isa sirrii ta'e ibsu akka qabaatan fedhiirraa kan ka'edha jedha.
Sababni ijoon Oromoonni maqaa jijjiirataniif maal?
Kaayyoo hannaafi waliin dha'uuf hanga hin taanetti namni kamiyyuu yeroo barbaadetti maqaa isaa jijjiirrachuuf mirga qaba.
Sababoonni namoonni maqaa isaanii itti jijjiiratan hedduudha. Eenyummaa ofiitti deebi'uufi deebifachuuf, sababa amantaatiin, sababa heerumaatiin, beekamaa ta'uu fedhuun kanneen jedhan muraasa.
Ummanni Oromoo bara mootummaa Dargiifi isaan dura dhiibbaa siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee irra tureen maqaa Oromoo hin taane (keessatti maqaa afaan Amaaraa) moggaafachuu ykn ammoo gara maqaa Amaaraatti jijjiirrachuun baramaa ture.
Bara 1991 kufaatii Dargiin booda garuu Oromoon maqaa Afaan Oromoon moggaafachuu, kaan ammoo maqaa afaan Amaaraa irraa gara maqaa Afaan Oromootti jijjiirrachuun bal'inaan mul'achaa dhufeera.
Barsiisota Yunivarsiitii Walaayitaa Sooddoo kan ta'an Ayyalaa Gammachuufi Wandimmuu Taganyee moggaasni maqaafi maqaa jijjiirrannaan Oromoo biratti maal akka fakkaatu qorannoo gaggeessaniiru.
Baroota moototaa (Miniliik II fi Hayilasilaasee I), akkasumas bara Dargii keessa (1886-1991), ummanni Oromoo maqaa afaan Amaaraa akka qabaatuuf haalli siyaasaafi hawaas-dinagdeen turan ni dirqisiisu jedhu qorattoonni kunneen.
Haata'u malee, erga bara 1991 haalli siyaasa Itoophiyaa jijjiiramee kaasee garuu haalli tures jijjiirameera. Dhimmi aadaafi eenyummaa ofii cimsachuun bakka argataa waan dhufeef Oromoon akkuma ganamaa maqaa Oromoo moggaafachuutti deebi'e.
Kana malees, warri Oromoo ta'anii maqaa Afaan Amaaraa qabaachaa turanis maqaa isaanii gara Oromootti jijjiirachuu eegalan jedhu hayyoonni Yunivarsiitii Walaayitaa Sooddaa kunneen.
Abdii Waaqwayyaa kufaatiin Dargii waggaan tokko yeroo hafu maqaa isaa gara Amaaraatti jijjiirame wagga 15 booda barataa kutaa saddetii ta'ee gara Oromootti akka deebifate BBCtti hime.
Maqaan afaan Amaaraa 'Girmaa' jedhu haadha isaa afaan Amaaraa hin beekneen guyyaa tokko buufata fayyaa talaalliif isa geessiteen akka moggaafameef yaadata Abdiin.
Abdiin maaliif akka maqaa lama qabuufi maqaan isaa ganamaa 'Abdii' jedhu maaliifi mana barumsaafi galmee irraa bakka isaa 'Girmaa' jedhameef hin beeku ture.
Qormaata ministirii kutaa 8ffaa irratti maqaa isaa ganamaatti jijjiirrachuuf yeroo murteessutti seenaa ittiin maqaan afaan Amaaraa isaaf bahe haadha isaarraa hubate.
Haati isaa Marartuu Galataa narsii buufata fayyaa isa talaalchisuuf bira geessaniin gorfamtee akka maqaa afaan Amaaraa moggaafteef itti himuu yaadata Abdiin.
Narsiin kun kaardii talaallii kan mana barnootaatti galmaa'uufis isa barbaachisu irratti maqaa 'Abdi' jedhu barreessuu hin barbaadne ture.
Sababiin isaa ammoo gara fuula duraatti osoo maqaa afaan Amaaraa qabaate magaala gaafa deemeef isa rakkisa, akkasumallee hojii argachuufis ni rakkata jechuun Aadde Marartuu amansiifte narsiin kun.
Kana irraa ka'uun Aadde Marartuun egeree ilma ishee kanaaf yaadda'uun achuma buufata fayyaatti maqaa afaan Amaaraa tokko ilma ishee kanaaf moggaasuun dirqama itti ta'e.
Amaariffa waan hin beekneef battala sanatti maqaa afaan Amaaraa argachuun ishe rakkisus, bulchaa onaa yeroo sanaa kan ture nama maqaan isaa Girmaa Bayyanaa jedhamu gara qalbii ishee dhufe, 'Girmaa' jettee na moggaaste jedha Abdiin.
Abdiin hanga bara 2005 seeraan 'Abdi' kan jedhutti jiijjiiratutti mana barumsaatti 'Girmaan' beekamaa ture.
"Amma maqaa eenyummaakoo ibsu ragaalee barnootaa kiyyarratti arguukootiif nan gammada. Maqaan kun eenyummaakoo isa dhugaa bakka naaf bu'a.
Hunda caalaa ammoo maqaan kun ganama kaayyoo itti naaf kennameef qaba. Innis abdii jijjiiramaaf qabaniin 'Abdii' naan jedhan jechuun sababa guddaa maqaa isaa itti jijjiirrate hima dargaggeessi wagga 32 kun.
Abdii qofaa miti, kufaatii mootummaa Dargii booda eenymmaa ofiitti deebi'uufi sabboonummaa dagaagfachuuf jecha maqaa jijjiirrachuun akkaan dabalaa dhufe.
Akka qorannoo waloo hayyoonni Yunivarsiitii Jimmaa lama— Dajanee Gammachuu (PhD)fi Workinaa Dirribsaa agarsiisuttis dargaggoonni Oromoo hedduu maqaa isaanii afaan Amaaraa irraa gara Afaan Oromootti jijjiirrataniiru.
Oromoota biratti maqaa jijjiirrachuun waggoota 30 ol ta'e kun ammallee itti fufee jira.
Yeroo baay'ee namoonni maqaa jijjiirratan mana barumsaa sadarkaa tokkoffaafi yunivarsiitii yeroo jiranitti ta'us, amma amma garuu sadarkaa barnoota digirii lammaffaafi sadaffaa, akkasumas waajjiraalee gara garaa keessattis baayyachaa jira.
Eebbisaa Baayisaa erga barnoota Maastersi Digirii isaa jalqabee maqaa isaa duraan Indaalkaachoo jedhamu gara Eebbisaatti jijjiirrate.
Dargaggeessi kitaabota hedduu barreesseeru kun kitaabota barreesse keessaa gariin isaanii maqaa isaa afaan Amaariffaa 'Indaalkaachoo' jedhu qabatanii kan ba'an yoo ta'u, boodarra kanneen irra deebiin maxxanfamaniifi haaraa barreeffaman garuu maqaa 'Eebbisaa' jedhuun akka ta'e dubbata.
'Indaalkaachoon' maqaa abbaan isaa baaseef akka hin taane kan himu Eebbisaan, maqaa sirriitti eenyummaa isa ibsu barbaadee akka jijjiirrate dubbata.
Yunivarsiitii Walaggaatti barsiistuufi qorattuu kan taate Alimaa Jibiriil (PhD), sababiin ijoon Oromoonni hedduun maqaa isaanii gara Afaan oromootti jijjiirrataa jiraniif Oromummaafi sabboonummaa of ibsachuuf akka ta'e dubbatti.
Qorannoo digirii sadaffaa (PhD) ishee dhimma kanaan walqabatan irratti kan hojjette Alimaan, eenyummaa ofii sirnoota darban keessa namarraa mulqaman karaan ittiin barbaaddatanii deebifatan inni tokko maqaa of jijjiirrachuu akka ta'e ibsiteetti
Akka qorannoon hayyoota Yunivarsiitii Jimmaa, Dajanee (PhD) fi Warqinaa, agarsiisutti Oromoota biratti fedhiifi qabatamaan maqaa jijjiirrachuun dabalaa kan dhufeef jaala afaan, aadaafi eenyummaa isaaniitiif qaban irraati.