Maatii barbaacha reeffi isaanii ji'a sadii hospitaala ture

Sirna awwaalchaa lammiilee Itoophiyaa garba Hindii irratti du'uun Tanzaaniyaatti raawwate

Madda suuraa, AZAM TV

Ibsa waa'ee suuraa, Sirna awwaalchaa lammiilee Itoophiyaa garba Hindii irratti du'uun Tanzaaniyaatti raawwate

Ji'a Onkoloolessaa keessa garba Hindirra qaxxamuruuf osoo yaalanii lammiileen Itoophiyaa du'an saddet sirni awwaalcha isaanii Tanzaaniyaatti raawwate.

Reeffi isaanii Tanzaaniyaa hospitaala Taangaa keessa ji'ootaaf turee kaleessa bakka ergamaan addaa Itoophiyaa fi Tanzaaniyaatti Ambaasadara Itoophiyaa kan tahan Ambaasadar Yoonaas Yooseef, dippilomatotaa fi jiraattotni naannichaa argamanitti sirni awwaalchaa isaanii raawwateera.

Imbaasii Itoophiyaa Tanzaaniyaa jirutti Ministira Kaawunsilii kan tahan Obbo Teediroos Girmaa nammonni garba Hindii keessatti nyaataman kunneen umuriin isaanii waggaa 16-18 kan tahanidha jedhan.

Dargaggoonni kunneen bidiruu xiqqoodhaan Keeniyaa irraa ka'uun Tanzaaniyaa galuuf osoo jedhanii naannoo magaala Taangaa Tanzaaniyaa keessa jirtuutti erga dhiyaatanii balaa isaan mudateen akka du'anii argaman BBCtti himan.

Tanzaaniyaatti ergamaa addaa Itoophiyaa fi Ambaasara guutuu kan tahan Ambaasadar Yoonas Yooseef fi dippilomatota

Madda suuraa, AZAM TV

Ibsa waa'ee suuraa, Tanzaaniyaatti Ambaasara Itoophiyaa kan tahan Ambaasadar Yoonas Yooseef fi dippilomatota

Balaa akkamiitu isaan mudate kan jedhamu beekamuu baatus namoota biroo lubbuun oolan irraa odeeffannoo qabnuun osoo Tanzaaniyaa galuuf yaalanii akka du'an himaniiru.

Obbo Teediroos ''bakka firrii fi maatiin hin jirretti manaa bahanii gammojjii keessatti hafuun isaanii baay'ee laphee namaa cabsa'' jedhan.

Dargaggoonni garba Hindii keessatti nyaataman kunneen ji'a sadiin dura kan du'an yoo tahu reeffi isaanii bakka turtii reeffaa hospitaala Taangaa keessa ture.

Mootummaan Taanzaaniyaa fi Imbaasiin Itoophiyaa Dareselaam jiru waliin tahuun eenyummaa isaanii fi maatii isaanii adda baasuuf yaalaa turan.

Haa tah malee maatiin ''har'a argamu, boru argamu'' jennee barbaadaa turrus argachuu waan hin dandeenyeef mortoo mootummaadhaan sirna awwalchaa isaanii raawwachuu dandeenyera jedhan Obbo Teediroos

Dabalataan Taanzaaniyaatti lammiileen Itoophiyaa 1,900 ol imalaaf waraqaa ragaa guutuu hin qabne manneen hidhaa saddeet keessatti akka argaman Ambaasaadar Yonaas BBC'tti himaniiru.