Godaansa: Lammiileen Itoophiyaa gara Afrikaa Kibbaa imalaa turan garba Indiyaa keessatti nyaataman

Argama Tanzaaniyaa
Ibsa waa'ee suuraa, Argama Tanzaaniyaa

Bidiruun namoota 13 qabattee deemaa turte garba Indiyaa qarqara Taanzaaniyaatti caccabuun lammiileen Itoophiyaa Torba bishaaniin nyaatamuu Rooyitarsi poolisii naannoo Kaaba Baha Taangaa wabeeffachuun gabaasera.

Namoota bidirittii irra turan keessaa 12 lammiilee Itophiyaa yoo tahan namni biraa bidirittii oofaa ture ammoo waan hin argamneef eessa akka tahe hin baramne jedhan ajajaan poolisii Idwaardi Bukoombee.

Waajjirri Immigireeshinii Taanzaaniyaa imbaasii Itoophiyaa waliin mari'achuun haala akkamiin sirni awwalcha isaanii akka raawatu mijeessa jedhan.

Lammiileen Itoophiyaa kunnen Afrikaa Kibbaa galuuf akka deemaa turanis himaniiru.

Obbo Bukuumbeen eenyufaa maallaqa fudhachuun imalicha akka qindeessan qorannoodhaan adda baasna jedhan.

Namni bidirittii oofaa tures yoo lubbuun argameef qorannoo irratti nu gargaara jedhan.

Dabalataan poolisiin Taanzaniya imaltoota Itoophiyaa irraa hojii barbaacha gara Afriikaa Kibbaa imalan qabanii hidhuun waanuma baramedha jedhan.