Waraana Yukireen: Murtoo Siwiidiniifi Finlaand NATOtti makamuuf jedhan US ni deeggarti- Baayidan

Joo Baayidan hoggantoota Siwiidiiniif Filaand waliin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Joo Baayidan Siwiidin irraa Maagdaalenaa Andarsanii fi Filaandi irraa Saa'wulii Niinistoon waliin

Murtee Siwiidiniifi Finlaand miseensa Waliigaltee Waraanaa Kaabaa (NATOtti makamuuf taasisan US deeggarsa "guutuufi hin sharafamne" akka qabduuf Pirezidaantiin biyyattii Joo Baayidan beeksiisan.

Biyyoonni kunneen lamaan miseensa NATO ta'uuf torban kana iyyata kan galfatan yoo ta'u, kun jijjirama siyaasa warra Lixaa guddaadha jedhameera.

Gamtichatti makamuuf biyyoonni lamaan kunneenis deeggarsa biyyoota miseensa 30n hundaa argachuu qabu.

Garuu ammoo adeemsi biyyoota Noordiik kun gama Tarkiidhaan mormiin mudateera.

Baayidan Caamsaa 19, 2022 MM Siwiidin Maagdeelenaa Andarsan fi MM Finlaand Saawulii Niinistoo waliin haasaa Waayitii Hawuusitti taasiasaniin, iyyannoo Siwiidiniifi Finlaandiin ''Yeroo nageenya Awuroooppaa itti jijjirame'' jedhaniiru.

''Miseensi haaraan NATOtti makamus biyya kamiifuu yaaddoo miti,'' jedhan. Pirezidaantichi itti dabalunis, ''gama kaabaatiin'' miseensoota haaraa lama qabaachuun, ''nageenya gamtaa keenyaa cimsuun walta'insii nageenyaa keenya daangaa hanga daangaatti akka jabaatu taasisa,'' jedhan.

Raashiyaan ammoo irra deddebiin NATO akka yaaddootti akka ilaaltuufi yoo naannicha keessatti karoorri isaa babal'chuun kan itti fufu ta'e ''balaa qabaata'' jechuun akeekkachiiftee jirti.

Tarkiin ammoo Siwiidiniifi Finlaandiin shakkamtoota milishoota Paartii Hojjattoota Kurdish (PPK) kan akka shororkeessaatti ilaaltuutiin dahoo kennu jechuun himatte.

Haata'u malee, Barreessaa Olaanaan Nato, Jeensi Itolteenbarg fi Ministeerri Ittisaa UK Been Waalaas yaaddoon kun dhugaatti akka deebii argatu amantaa qaban ibsaniiru.

Yaadni Joo Baayidan kunis wayita seeneetiin Ameerikaa gargaarsa namoomaafi waraanaa Yukireeniitiif doolaara biliyoona 40 haaraa ragaaseeseetti ture. Kunis deeggarsa atattamaa isa olaanaa hanga ammaa taasifamedha ejdhameera.

Karoorri gargaarsaa miseensoota mana maree bakka ku'ootaan Caamsaa 10tti mirkanneeffame kunis, jalqaba torban kanaatti akka ragaasifamu eegamaa ture. haata'u malee, mormii Raand Paawuul kan Paartii Riippablikaan Kentukaii irratti mormiinnmudachuutti tursiifame.

Haata'u malee, hogganaan seenetii Ripaablikaan Miitchi McConeel yaaddoo kana kufiisaniiru.

''Yaaddoon waa'ee baasii deeggarsa injifannoo Yuikeen kamuu waan Yukireen dhabdu guddaa ilaaluu qabaata,'' jedhaniiru Mr McConeel.

Torban darbees, Barreessaan Ittisaa Llooyd Awustiin fi Ministirii Dhimma Alaa Antoonii Bilkan kongrasichi akka karoora deeggara Yukireen mirkanneessuuf gaafatanii turan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, From May: Sweden and Finland formally submit Nato applications

Pirezidaantiin Yukireen Volodmiin Zelensikii karoora deeggarsaa kanaan, 'gumaacha US olaanaa nageenyaafi tasgabbii Yukireen, Awurooppaafi addunyaa keessatti deebiisuuf taasiftu'' jechuun leelliisan.

Karoorri deeggarsa ammaa kunis deeggarsa Ameerikaan hanga ammaatti Yukireeniif taasifte gara doolaara biiliyoona 50 taasisa. Kunis deeggarsa nageenyaa karaa leenjii, meeshaalee, qawweefi deeggarsaatiin taasifte doolaara biiliyoona 6 kan dabalatuudha.

Kana malees doolaarri biiliyoona 8.7 kan biraas kusaa meeshalee Ameerikaan gara Yukireeniitti ergite deebiisanii guutuuf ni ramadama.