Awwaalcha gaazexeessituu Al Jazeera irratti waldhabdeen uumame

Namootni kumaatamaan sirna awwaalchaa Shireen Abu Aqla Yeerusaalemitti gaggeeffame irratti argaman

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Namootni kumaatamaan sirna awwaalchaa Shireen Abu Aqla Yeerusaalemitti gaggeeffame irratti argaman

Sirni awwalchaa gazeexessituu Al Jazeera Shireen Abu Aqlaa, kan Weest Baank keessatti ajjeefamtee, magaalaa Yerusaaleem keessatti yommuu gaggeeffamutti poolisootni Israa’eel namoota gaddarra jiran haleelan.

Yommuu poolisiin uleetiin lammilee Palestaayiin reeffa gaggeessaa turan reebaanii fi dhiibanitti saanduuqni reeffaa gaazexeessituu kana lafarratti kufee oole.

Poolisoonni tarkaanfii kana kan fudhatan erga dhagaan itti darbatamee booda akka ta’e himu.

Abu Aqla Roobii irratti haala shakkii qabuun rasaasaan rukutamtee kan ajjeefamte yoo ta’u, Israa’eel fi Paalestaayiin gocha kana irratti quba walitti qabaa jiru. Ajjeechaan kana bal’inaan balaaleeffataniiru.

Viidiyoon yeroo poolisiii fi lammilee Paalestaayiin mooraa hospitaalaa keessatti reeffa baatanii jiran gidduutti wal dhabdeen uumamee, poolisootni namoota gaddarra jiran duubatti dhiibaa fi kaan ammoo reebaa fi dhiitaa turan ni agarsiisa. Poolisiin qondaaltonni “mala itti hokkora diigan fayyadamuuf dirqamaniiru” jedha.

Dubbii himaan UN Antooniyoo Guteeraas wal dhabdee humnoota nageenya Isra’eel fi lammilee palestaayiin giddutti uumamee fi amala poolisootni tokko tokko agarsiisaniin “guddaa jeeqamuu” isaa ibseera.

Dubbii himtuun Waayit Haawus Jeen Pisakiinis viidiyoon yemmuu poolisiin namoota gaddara jiran reeban agarsiisu kan nama jeequ ta’u dubbateetti.

“Sirna nagaa qabeessa ta’uu qabu ture irratti kun uumamuu isaan gaddineera,” jedhani.

Abbaan taayitaa Paalestiin fi Al Jazeera Abu Aqlaa kan rasaasaa ajjeefamte humnoota Israa’eeliin akka ta’e yoo himan, Israa’eel ammo maal akka uumame addatti ibsuun akka hin danda’amnee fi rasaasa qaamolee Paalestiiniin dhukaasameen ajjeefamtee ta’u akka dandeessu ibsaniiru.

Akka ibsi humna waraanaa Israa’eel Kamisa ba’etti ibsutti dhukaasi kun “hidhattoota Paalestiin irra dhukaasa guddaa ture” irraa ykn “rasaasa muraasa” loltoota Israa’eliin “gara shororkeessaatti dhukaasaa” turaniin ajjeeffamtee ta’uu danda’a jedhaniiru.

Shireen Abu Aqlaa, lammii Paleestiin – Ameerikaa umurii ganna 51, miidiyaa Al Jazeeraa sagantaa oduu Afaan Arabiffaa irratti waggootii dheeraaf kan hojjette yoo ta’u, dhimma wal dhabdee Israa’eel – Paalestiin irratti waggootii gara digdamaaf gabaasteetti.

Kamisa irra mooraa pirezdaantii Paalestiin Mahmuud Abbaas keessatti sirna awwaalcha akka gaggeefamuuf eyyama adda aragattee, sanquqii reeffaa ishee alabaa Palestiiniin faayame geeffameera.

Pireezdant Abbaas, Shireen “wareegamtuu dubbii biliisaa” kan sochii Paalestaayiiniif falmuun “lubbuu ishee wareegdedha,” jechuun dubbataniiru

Dabaluunis Israa’eel “ajjeechaa isheef guutummaa guutuutti gaafatamoodha” jechuun dhimmicha mana Murtii yakkaa Addunyaatti akka dhiyeessan ibsaniiru,

Ministirri muummee Israa’eel Naftaalii Beneet ammoo Pirezdaant Abbaas “ ragaa malee Israa’eliin himachaa jiru” jechuun himataniiru.

Roobii irratti Abuu Aqlaa wiirtuu baqattootaa Jeniin keessatti waa’ee haleellaa Israa’eel gabaasaa turte.

Gazeetessaan Paaleestiin biraa, qindeessaan Al Jazeeraa Ali Samuudis hokkora kana irratti rasaasaan rukutamee madaa’eera.