Somaaliyaa: Al- Shabaab loltoota Gamtaa Afrikaa 170 ajjeese jedhe

Madda suuraa, AFP
Al-Shabaab haleellaa buufata waraanaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa keessa jiru irratti taasiseen loltoota 170 ajjeesuu hime.
Hidhattootni Islaamaa Somaaliyaa keessa socho'an Al -Shabaab loltoota Burundii ergama nagaa kabachiisuuf karaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa jiran keessaa 170 kan tahan ajjeesuu himeera.
Itti dabaluun buufata waraanaa Gamtaa Afrikaa bakka loltootni kunneen buufatanii jiran guutummaatti harkaa fudhachuus ibse.
Buufatni waraanaa loltootni Burundii keessa turan magaalaa Moqadishoo irraa gara Kaaba bahaatti fageenya Kiilomeetira 100 irratti argama.
Odeeffannoo Al-Shabaab jedhu kun qaama walabaa tahe irraa hin mirkanoofne.
Kaleessa gara barii lafaatti dhukaasni cimaan naannichaa akka dhagahamaa ture gabaafameera.
Namootni ijaan argan ammoo meeshaalee waraanaa helikooptera irraa yeroo dhukaafamaa ture arguu himan.
Dura Taa'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahamat haleellaa Al-Shabaab buufata waraanaa Gamtaa Afrikaa bakka loltootni Burundii buufatan irratti rawwate balaaleffataniiru.
Komishinerichi loltoota Somaaliyaatti nageenya buusuuf jecha aarsaa tahan galateeffachuun maatii isaaniifi mootummaa Burundii kan loltoota isaanii dhabaniif jajjabina hawwaniiru.
Kanneen haleellichaan madaa'an ariitiin akka fayyan hawwii qaban ibsuun Gamtaan Afrikaa ergama Somaaliyatti nageenya deebisuufi mootummaa biyyichaa deeggaruuf hojjechaa jiru cimsee akka itti fufu himan.
Haleellaan kun kutannoo waraana gamtichaas hin laaffisu jedhan.
Gareen Jihaadistootaa yeroo hedduu haleellaa wal fakkaataa gaggeessaa turan. Kunis boombii fi qawween dhukaasa banuun yoo tahu mootummaa giddugaleessaa Somaaliyaa mormuun waraanatti jiru.
Humni Gamtaa Afrikaa maqaa Atmis jedhamuun beekamu loltoota biyyoota hedduu of keessaa qaba.
Loltootni Yugaandaa, keeniyaa, Burundii, Jabuutii fi Itoophiyaa Al-Shabaab waraanuuf karaa Gamtaa Afrikaa bobbaafamuun Somaaliyaa keessa jiru.
Mootummaan Somaaliyaa kan Al-Shabaab waliin lolatti jirus qiyyeeffannaa haleellaa keessa galee akka ture himama.
Bara 2007 Manni Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa loltootni akka Somaaliyatti bobbafamaniif raggaasise.
Bobbii waraanichaa Manni Maree UN akkasuma deeggaruun ergamicha kan fudhate AMISOM Somaaliyaa keessatti Al-Shabaab waraanaa jira.















