Baqataan biyya Beeljiyemitti lotoriin Birrii miiliyoona 14 baheef maallaqa fudhachuuf rakkate

Namtichi lammii Aljeeriyaa lotorii Dolaara shanii bitachuun $270,000 (Birrii miiliyoona 14tti siqu) kan injifate tahus, sababa heeyyama jireenyaa hin qabneef maallaqasaa fudhachuuf rakkateera.

Maallaqni baheef guddaa waan taheef callaan harkatti kennamuufi hin danda'u, baankiitti akka galleef ammoo akkaawuntii hin qabu - maaliif jennaan, sanadoota seera-qabeessa tahan hinqabu.

Hiriyaan isaa bakka bu'uun qarshicha isaaf fudhachuuf yaale, hannaan shakkamuun yeroo gabaabaaf hidhamee ture.

Namni lotoriin baheef kun, maallaqichaan Beeljiyemitti jireenya jalqabuu akka barbaadu hime.

''Oggaan qarshii sana argadhu, Biraasals keessaa manan bitadha. Tarii konkolaataas nan dabaladha,'' jechuun namni maqaansaa hin himamne kun gaazexaa Het Laatste Nieuws jedhamutti hime.

Tahus garuu dursa maallaqicha haala itti argatu falachuu qaba.

Dargaggoon umrii 28 kun sanada seera-qabeessa taheefi bakka jireenyaas hinqabu jedhama.

Abukaatoon dargaggoo kanaa Alexander Verstraete: ''Sanadoota isa barbaachisaniifi eenyummaasaa mirkaneessan argachuuf yaalaa jirra. Maatiisaa Aljeeriyaa jiran qunnamuu qaba,'' jedhan.

Dhaabbanni lootarii garuu sanadoota isaan kamtu maallaqicha fudhachuuf isa barbaachisa kan jedhu hin himne.

Hiriyaan nama kanaa sanada seeraa qabu isa bakka bu'uun, waajira muummee dhaabbatichaa dhaqee ture. Beeljiyemitti Yuuroo 100,000 ol injifatte taanaan, fudhachuuf waajira deemuu qabda.

Jennaan, isaafi namoonni lama biraa kaardii maallaqa argamsiiste kana namicha jalaa hatan jechuun to'atee tursiise. Boodarra namtichi dhimmicha erga itti hime booda jara gadhiisan.

Kaardiin maallaqa kana argamsiiste ammatti mana murtii magaalaa Bruges jedhamtu keessa qabamtee jirti.

Abukaatoon nama kanaa, hanga namni kun maallaqa mo'ate argatutti biyyaa akka hin hariine waadaa galaniiru jedhan.

Lammiin Aljeeriyaa kun ji'a afur dura biyyasaa dhiisee imala kan jalqabe oggaa tahu, bidiruun gara Ispeen cehe. Achiis Ispeen fi Firaans keessa lafoo qaxxaamuruun Beeljiyem gale.

Gara UK imaluu kan barbaadee ture tahus, amma garuu achuma Beeljiyem keessa turuuf fedhii akka qabu hime, maatiis ijaarrachuuf fedhii qaba.

''Haadha manaan barbaada. Maallaqa koon osoo hin taane, onnee koon barbaadee argadha,'' jechuu dubbate.