Manni Maree Paartilee siyaasaa adeemsi Komishinii marii biyyaalessaa hundeessuu akka dhaabbatuuf gaafate

Manni Maree paartilee siyaasaa Itoophiyaa iftoominaa fi walabummaa adeemsa Komishinii marii biyyaaleessaa hundeessuu irratti komii dhiyeessuun, adeemsichi yeroof akka dhaabbatuuf gaaffii dhiyeesse.

Walitti qabduun mana marichaa Dr Raaheel Baafee, adeemsi komishinicha hundeessuuf taasifame kan iftoominni hanqatu, walabaa fi hunda hammataa waan hin taaneef manni marichaa komiisaa qaamoolee dhimmisaa ilaallatuutti dhiyeeffachuu BBCtti himan.

Manni marichaa komiisaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa fi Waajjira Af-yaa'ii mana marichaatti kan galfate Guraandhala 10, 2022 erga korri waliigalaa irratti mari'ateen booda jedhan.

''Adeemsichi amansiisaa ta'uu baannaan bu'aa eegamu hin argamsiisu'' kan jedhan walitti qabduun tun, mariin waloo kunis bu'aa inni biyyaaf qabaatu hubachuun adeemsi komishinaroota adda baasuufi muuduu yeroodhaaf dhaabbatee irra deebiin haala hunda hammataa fi amanamaa ta'een akka eegalamuuf gaafachuu himan.

Paarlaamaan Itoophiyaa torban lamaan dura namoota dhibbaan lakkaa'amaniifi komishinarummaa komishinii marii biyyaaleessaatiiif eegaman keessaa kaadhimamtoota 42 adda baasuun beeksiisuunsaa ni yaadatama.

Adeemsa ittaanuunis 42 keessaa kanneen komishinarummaa Komishinii marii biyyaaleessaatiif muudaman adda baasuuf kaadhimamtoota irratti yaanni akka kennamuuf ummataaf waamichi taasisfamuun ni yaadatama.

Komishinichis dhimmoota biyyaaleessaa bu'uraa irratti marii taasisuun qaama adeemsa waliigaltee biyyaaleessaa uumuudhaaf dandeessisu kan hogganuufi kan qindeessuudha.

Kanaan dura labsii komishinii marichaa irratti yaada kennuuf Ministirri Haqaa Dr Geediyoon Ximootiyoos wixinee labsichaa dhiyeessuun, bakka paartileen siyaasaa 53 argamaniitti mariin taasifamuu kan yaadatan Dr Raaheel, yeroo sanatti qabxilee fooyyeeffamuu qaban adda baasuu fi yaada dabalataa kennuu ibsaniiru.

Haata'u malee qabxiileen ka'an kanneen osoo hammatamuun hin sirreeffamiin, gara kaadhimamtoota adda baasuufi muuduutti galame jedhan.

Kanneen komishinichaaf kaadhimummaan dhiyaatanis kan danbii labsii komishinichaa boqonnaa 13 irra kaa'amee kan guutan miti jedhu.

Isaan keessaayis kanneen lammummaa biyya lamaa qaban, kanneen loogii siyaasaa qaban, kanneen yakkaan himatamaniifi kan itti murtaa'uun hidhamanii turan kaadhimummaa keessatti hammatamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Kana malees kaadhimamtoota 42 keessaa dubartoota 4 qofa ta'uu, hirmaannaan dargaggootaa kan hin jirreefi manni marii waloo paartiilee siyaasaas hubannoo keessa akka hingalfamne ibsaniiru.

Komii kana galfachuuf hin turree? jechuun gaaffii dhiyaateef, Dr Raaheel, ''erga wixinee labsii irratti mariin taasifameen booda sirreeffamuun yeroo lammataatiif xiinxalaaf akka dhiyaatu waliigalamulleen osoo lammaffaa irratti hin mari'atamiin ragaasifame,'' jedhan.

Kana malees manni marii Ministirootaa gara mana maree bakka bu'oota ummataatti akka hin qajeelfamne gaafatanii akka turan walitti qabduun tun yaadataniiru.

Akkasumas Waajjira Af-yaa'ii, Waajira Ministira Mummee, Waajjira Pireezidaantii, Ministeera Haqaa fi paartii biyya bulchuuf xalayaa galfachuu kaasaniiru.

''Kan nu dhagahu hin arganne, kan deeman aangoo motummaatiin. Ammas komii keenya dhiyeessineerra. Yoo fudhachuu baatan kan gara ummataa adeemu ta'a,'' jedhan.

Dhimmoota Itoophiyaa keessatti baroota dheeraaf turaniifi mariifi irratti waliigalamuun qabamu jedhaman irratti mariin biyyaalessaa akka taasifamuuf irra deebiin gaaffiin dhiyaachaa kan ture yoo ta'u, bara kanatti komishinii kan hogganuufi miseensa 11 hundeessuuf yaaliin taasifamaa jira.

Haata'u malee adeemsi hundeessuu komishinichaa ilaalchisee mana maree waloo paartilee siyaasaa Itoophiyaatiin alatti paartileen siyaasaa kan akka KFO, ABO fi Adda Bilisa Baasaa Ogaadan mormiisaanii dhaggeessisaa turan.