Gareen Mohaammed Saalaah Kaameruuniin mo'achuun xumura Waancaa Afrikaaf darbe

Taphattoonni Masirii yeroo gammachuu isaanii ibsatanitti

Madda suuraa, Getty Images

Tapha Waancaadhaaf darbuuf taasifameen Masriifi Kaameeruun sa’aatii idilee irratti goolii malee adda bahanii, rukuttaa penaaliitii lama eegduun goolii Masrii oolcheen gareen Mohaammed Saalaah mo'ateera.

Kanaaf, Masiriin biyya tapha Waancaa Afrikaa baranaa qopheessite Kaameruniin mo’achuun Senegaal waliin waancaaf waliif bahuuf jiru.

Amma gaafa Dilbataa taphni dhumaa eegamaa jiru taphattoota Liivarpuul Mohaammad Saalaah fi Saadiyoo Maanee Istaadiyemii Ollembee, magaalaa guddoo Kaameeruun Yaawundeetti walitti fida.

Tapha daqiiqaa 90 keessatti biyyi tapha kana qopheessite Kaameeruun kubbaa Michael Ngadeu-Ngadjui dhaan rukutame xiqqumaaf goolii tahuurraa jalaa hafe. Samuel Gouet illee fagoorraa haleeluun kubbaan goolii tuqee deebi’e.

Taphataan urjii Masrii Mohaammed Saalaah yeroo dheeraa taphichaa callisaan dabarse, yaaliiwwan taasisaa tures gara gooliitti geeddaramuu hin dandeenye.

Yeroo rukuttaan penaaliitii taasifamaa turetti Kaameeruun goolii sadii waan dhabdeef Saalaan gara fuulduraatti dhufuuniyyuu irra hin turre. Galata eegduu goolii Masrii Gabaaskiif haa tahuutii.

Sa’aatiin idilee yeroo dhumuuf jedhutti leenjisaan Masrii Kaarloos Ku’eerzoo murteessaa wajjin atakaaroo keessa galanii akeekkachiisnii kennameeraaf.

Kana jechuun leenjisaa kanaafi gargaaraan isaa yeroo tapha Morookoo wajiin kana dura taasifame irratti kaardii keelloo waan argeef tapha isa dhumaa irratti gara sarara fuulduraa dhufuu hin danda’an.

Sadarkaa sadaffaafi arfaffaa argachuuf Kaameeruuniifi Burkinaa Faasoo gaafa Sanbataa wal-dorgomu.