Loltuun Zaambiyaa ooyiruu keessatti dubartii deesise leellifamaa jira

Madda suuraa, ZAMBIA REPORTS
Loltuun Zaambiyaa dubartii ulfaa maasii boqolloo keessatti deesise akka biyyaatti leellifamaa jira
Loltuun kuni gochaa gaarummaa dalageenis guddina raankii argateera.
Dubartii kana hospitaala geessuuf doqdoqqee waamee, bishkiliitii ofiisaan hordofaa otoo deemanii karaatti ciniinsuun ishee qabate.
‘’Maasii boqolloo keessatti otuma roobni roobuu ishee gargaaruun narra ture,’’ jedhe loltuun Haamfiree Mangisaanii jedhamu.
Daa'ima handhuuruufis bilaancii argatee akka fayyadame loltuun kuni dubbateera.
‘’Ishee gargaaruuf jedheetan hojii koorraa hafe,’’ jechuun miidiyaa Zaambiyaatti himeera. Daa’imas hospitaala akka geesse dubbate.
Magisaaniin balaan otoo jiru furmaataaf hojjechuu akka leenji’e himuun, dubartii naannoo Peetaawuukees kanumaaf akka gargaare dubbate.
Dalagaa isaa kanaaf kabaja akka tahutti maqaa daa’imaa akka moggaasu gaafatamee, Raaymoond Temboo jedheeraanii.
Komaandarri loltuu gareesaa gochaan isaa ilaalcha namoonni loltuuf qaban ni geeddara jedhan.
Akka nama miidhaa geessisutti ilaalamuurra, loltuun akka nama gargaaruu danda’utti akka hubatamu godheera jedhan Birgaadeera Jeneraal Keeviin Kaangumaa.
Zaambiyaatti dogoggora yeroo deesisuu irratti mduatuun torbeetti daa’imman reef dhalatan 100 du’u jedhan ministirri fayyaa biyyattii Siilviyaa Maaseboo.
Kanaaf immoo akka sababaatti kan kaasan dubartoonni baayyee kan wiirtuu fayyaa dhufan erga manatti dahuu yaalanii booda dha. Kunis buufatni fayyaa iddoowwan baadiyyaarraa fagoo waan jiruufi ogeessonni fayyaa ga’umsa qaban gatii hin jirreef.














