Seerri gargaarsa doktarootaan lubbuu ofii baasuu eeyyamu Ostiriyaatti hojiirra oole

Harka walirra kaa'ame

Madda suuraa, Getty Images

Seerri haaraan namoonni akkaan dhukkubsatanii abdii jireenyaa dhaban garaagrsaan akka lubbuusaanii baasan deeggaru Ostiriyaa keessatti hojiirra oole.

Sambata har'aa irrraa eegalanii namoonni namoonni dhibee irraa fayyuuf abdii hin qabneen qabamanii dhukkubsataa jiran lubbuusaanii baasuuf gargaarsa gaafatanii argachuuf mirga qabu.

Erga manni murtii heera biyyattii dhimma kana ilaalu irratti fooyya'iinsi akka taasifamu murteessee booda Muddee darbe paalmaan Ostiriyaa seera kana mirkaneesseera.

Seerri kun xiyyeeffannaa fi hordoffii cimaadhaan kan hojiirra oolu yoo ta'u, namni tokko doktaroota lamaan tajaajila argata.

Doktarri tokko ogeessa dawaa akka dhukkubbiin namatti hin dhagahamne gargaaruuti.

Qondaaltonni biyyattii akka jedhanitti tajaajila dawaa dhukkubbii namarraa kutuu kennuuf maallaqa guddaa ramadeera.

Mootummaan kana kan godheef namni tokko osoo filannoo lubbuun jiraachuu qabuu waanuma fedheef qofa of-ajjeesuu akka hin qabneefidha.

Gargaarsi fayyaa-namni akkaan dhibamee abdii fayyuu dhabe tokko- akka fedhaan lubbuu ofii baasuuf kennamu kun Siwiizarlaand keessattis seera qabeessa.

Biyyoota awurooppaa kanneen akka Ispeen, Beeljiyam fi Neezalaands keessattis gargaarsi ogeeyyiin fayyaan lubbuu ofii baasuun seeraan ala ta'uunsaa hafeera.

Seerri Ostiriyaa keessatti hojiirra oole kun nama garmalee hin dhibamnee fi kanneen dhibee sammuu qaban hin ilaallatu.

Kanaafuu seerri kun haala addaatiin hojiirra oola malee waanuma dhukkubsataan tokko tajaajila kana fedheef qofa miti.

Dargaggeessi tokko lubbuusaa balleessuuf dursa namni kun murtee ofirratti fudhachuudhaaf ga'aadhaa kan jedhu ilaalamuu qaba.

Erga doktaroota lamaan mirkanaa'ee booda dhukkubsataan torbeewwan 12f eeguu qaba, yoo dhibee irraa hin fayyine ta'iuun mirkanaa'e ammoo torbee lama eega.

Hanga ammaatti seerri Ostiriyaa nama gocha akkanaa raawwate(namni biraa akka of ajjeesu namoota gargaaran) hidhaa waggaa shaniin adabsiisa ture.