Kol. Gammachuu Ayyaanaafaa beellama mana murtiitti osoo hin dhiheeffamin hafan

Madda suuraa, Oromia Broadcasting Service
Koloneel Gammchuu Ayyaanaa fi namootni isa wajjin himataman beellama mana murtiitti osoo hin dhiheeffamin hafan.
Qondaala ABO kan ta'e Koloneel Gammachuu Ayyaanaa garee ABO Eertiraa irraa gara biyyaatti galan keessaa isa tokkodha.
Koloneel Gammachuun Adoolessa 4, Bara 2020 erga too'annoo jala ooleen booda Hagayya 7 bara 2020 mana murti aanaa Magaala Sulultaatti yeroo jalqabaatiif dhihaatee ture.
Mana murtii aanaa Sulultaa irraa bilisaan akka gadhiifaman murtaa'ee kan ture Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabalatee namootni galmee Kiisii Qixxumaa jalatti himataman, koomishinii poolisii Oromiyaatiin too'atamuudhaani boodarra gara federaalaatti kan dabarfaman.
Erga gara Federaalaatti dabarfamaniis yeroo jalqabaatif Amajjii 15 bara 2021 mana murti federaalaatti dhihaatan.
Manni murti federaalaa dhadhachi Lidataas galmee himatamtoota kunneenii erga ilaaleen booda dhadhacha gaafa Caamsaa 17 bara 2021 ooleen Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Dabalatee himatamtoonni 12 bilisaan akka gadhiifaman murteessee ture.
Haa ta'uutii himatamtoonni kunneen guyyicha bilisaan akka gadhiifaman ajajaman mooraa mana murtichaatiiyyuu osoo hin bahin qaamolee naageenyaatiin fudhatamanii eessa akka geeffaman osoo hin beekamiin akka ture Abukaatonni Isaanii BBC'tti himanii ture.
Abukaatoo isaanii keessaa tokko kan tahan Dr. Tokkummaa Dhaabaa akka jedhanitti Kiisii Qixxumaa, Koloneel Gammachuu Ayyaanaa, Amaanu'eel Ijjiguu, Usmaan Hasan fi Lammeessaa Taaakkalaa irratti Abbaan alangaa oliyyannoo waan gaafateef jecha baatiiwwan jahan darban mana hidhaa tursiifamani jedhan.
Bu'aa bahii fi adeemsa wal xaxaadhaan booda torbee darbe himatamtoota shanan keessaa sadii mana murti waliigalaa federaatti dhihaaatanii turuus himan.
"Torbee darbe koloneel Gammachuu, Usmaanii fi Lammeessaan mana murti waliigala federaalaatti dhihaatanii ture. Garuu abukaatoonis quba hin qabnu turre, nuttis hin himamne. Har'atti akka dhihaatan beellamamee nutis qophoofnee dhaqne. Har'a gaafa nuti dhihaannu ammoo isaan hin dhiheeffamne," jedhan Dr. Tokkummaan.
Himatamtoota kana irratti oliyyannoon gafatamuu akkuma ajajni nugaheen bakka isaan itti hidhaman jedhaman deemnee haasofsiisuuf yaaliin goonee turre hin milkaa'in hafes jedhu.
"Kutaa qorannoo federaalaa deemnee maamilootaa keenya kana hasofsiisuuf yaallee turre. Kaameeraa fuulduratti haasofsiistu nuun jennaan iccitii maamilaa keenyaa waliin haaasofnu kaameeraa duratti hin haasofnu jennee dhiisnee deemne," jedhan Dr. Tokkummaan.
Himata shororkeessummaa ammaan dura Mana Murtii Aanaa Sulultaa fi Mana Murti Olaanaa Federaalaa dhadhacha Lidataa irratti ittiin bilisa jedhaman irratti ol iyyannoo abbaan alangaa gaafateen himannaarra kan jiran Koloneel Gammachuu fi namootni biroo afran bakka isaan hin dhihaannetti abukaatonni beellama har'aa irratti deebii hin kenninu jedhan.
"Dhadhacha har'aa irratti abukaatoo qofatu dhihaate. Abbaan alangaa abukaatoon erga dhihaatee deebii haa kennu jechuun mana murti gaafatee ture. Nuti ammoo maamila keenya wajjin hin mari'anne, yaada waliif hin qoodne nama wajjin hin mari'anne irratti deebii deebisuuf nirakkana jennee maana mutiitti himne,'' jedhan.
Galmee Kiisii Qixxumaa jalatti namoota shan himataman keessaa beellama darbe irratti namoota sadi qofaatu dhihaate waan ta'eef namoonni lamaan hafan jiraachuu fi dhibuu isaaniituu osoo hin beekiin waa'ee isaanii irratti deebii kennuu akka hin dandeenyes hubachiifne jedhan Dr.Tokkummaan.
Manni murtichaas dhadhacha har'a oole kanaan yaadaa fi komii abukaatonni dhiheesssan bu'uura godhachuudhaan qaamni himatamtoota kunneen too'atee jiru maaliif akka mana murtiitti hin dhiheessine qorachuun Muddee 17, bara 2021tti beellama jijjiirraa qabateera.












