UKtti beeksisni wal'aansaan qaama jijjiiruu kanneen ganna 18n gadiif akka hin mul'anne dhorkamuuf

Madda suuraa, Getty Images
Beeksisoonni wal'aansa baqaqsanii yaaluun qaama namaa jijjiiruu agarsiisan, dargaggoota umuriin isaanii waggaa 18n gadi tahan irratti akka hin xiyyeeffanne dhorkamuuf.
Qaamni UKtti beeksisa to'atu akka jedhutti, seerri kun Caamsaa bara dhufurraa qabee hojiirra oola.
Kana jechuunis dhaabbileen yaalii kana tolchan, wal'aansota kanneen akka harmaa fi funyaan midhaassuu miidiyaa gubbaa kanneen umuriin isaanii 18n gadi tahef agarsiisuu hin danda'an.
Kunis sagantaawwan TV'rratti tamsa'aniifi gama marsaalee hawaasaa dargaggoota kanneen irratti xiyyeeffatu dabalata.
Wal'aansa baqaqsanii yaaluu kanneen 18n gadi tahanirratti gaggeessuun biyyattiitti seeraan kan dhorkamedha. Tahus garuu amma dura, dargaggoota kanneeniif beeksisuun seeraan kan dhorkame hin turre.
Beeksisoota wal'aansaan qaama jijjiiruu (cosmetic) daa'immaniifi dargaggootaaf mul'isuun balaa qabaachuu mala yaaddoon jedhan turan. Isaanis ilaalcha waa'ee qaama ofiif qabaniirratti dhiibbaa qabaachuu, fayyaa sammuu fi balaa wal'aansi kun qaqqabsiisuu malus ni eeramu.
UK keessatti qaamni dhaabbilee beeksisaniif seera baasu CAP jedhamu, daa'imman ilaalcha waa'ee qaama ofiif qabaniirratti saaxilamoo tahuu isaaniif ragaan jira jedha.
Daarektarri dhaabbata kanaa Shahriar Coupal: ''Rakkoo yaaliin kun qaqqaabsiisuufi dargaggoota waa'ee qaama isaanii ofitti amanamummaa hinqabnerratti tajaajiloonni kunniin xiyyeeffachuu isaaniin... adeemsa cimaa hordofuun nurraa eegama,'' jedhan.
Dhorkaan kaa'amu kunis waantota gogaa keessa guutaman (dermal fillers), akkasumas yaaliiwwan gogaa gosa garagaraa fi oomishaalee ilkaan addeessuus ni dabalata jedhameera.
Jalqaba bara kanaatti abbaan taayitaa beeksisota to'atu ASA gamasaatiin, kanneen marsaalee hawaasaa gubbaa hordoftoota hedduu qaban, qajeelfamoota beeksisaa cabsuu isaaniif haalaa qeeqeera.














