Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaaliyaan loltoota Yugaandaa lamarratti du’a murteessite
Loltoonni Yugaandaa shan waraana Gamtaa Afrikaa (AU) keessaa tajaajilan himata Hagayya keessa namoota nagaa torba ajjeessuun himataman yakkamtoota ta’uun irratti mirkanaa’e.
Loltoota kunneen keessa lama irratti murteen du’aa yoo murtaa’u, kan hafan sadii irratti ammoo hidhaan waggooti 39 murtaa’eera.
Loltoonni sadan kunneen Yugaandaatti deebifamanii murtee hidhaa isaanii mana hidhaa achi jirutti dabarsu.
Namoonni nagaa kunneen yeroo Golween keessatti loltoota AU fi hidhattoota al- Shabab gidduutti lolli gaggeeffamaa ture karaa seeraan alaan ajjeefamuu isaanii AUn ibseera.
Humni AMISOM AU, Somaaliyaa keessatti waggaa 14f tajaajilaa tureera.
Humni kun hidhattoota al- Shabab Somaaliyaa keessatti humna cimaa qaban lolaa tureera. Humnoota AMISOM 20,000 keessaa walakkaa ol kan ta’an loltoota Yugaandaadha.
Loltoota Yugaandaa kana bobbaasuuf murtoon Yugaandaan goote kun kan dhufe, AU’n sochii waranaa Somaliyaa keessatti qabu guddisuu akka barbaadu beeksisuu isaan ji’a tokko booda yoo ta’un, kunis UN fi mootummaa Somaaliyaan raggaasifamuu qaba.
“Ergamni keenya Somaaliyaa keessatti humnoota al- Shabab fi hidhatoota biroo dadhabsiisuudha. Kana goochuunis, nageenya uummataa nagaa eeguuf itti gaafatamummaa hunda qabna,” jechuun kommaandarri Yugaandaa Birgeedar Janaraal Doon Nabasaa ibsa Sanbata baasaniin himaniiru.
Maatiin namoota ajjeefamnii tokko tokko dhaddacha Yugaandaan qindeeffamee, magaalaa guddittii Somaaliyaa, Moqaadishuu keessatti gaggeeffame irratti argamuu isaanii VOA’n gabaaseera.
“Beenyaa maatiwwan namoota ajjeeffamaniif kaffallamerraa kan hafe murtee manni martii dabarseen gammadneerra,” jechuun dubbi himaan maatilwwan kanneenii Husseen Osmaan Wasugee dubbachuun isaa gabaasameera.
Miidiyaan biyyattittii akka himetti, maatii namni jalaa du’ee tokkoofi loltootonni Yugaandaa ja’a dhaddacha kana irratti akka dhugaa ba’aniif eeyyama argataniiru.