'Waraanni bu'aa kufaatii siyaasaati' - Oluseegun Obaasaanjoo

Gamoo Gamtaa Afrikaa Finfinneetti argamu

Madda suuraa, Getty Images

Waraanaaf furmaanni waraanaan argamuufi injifannoon dirreen lolaa kamuu Itoophiyaa keessatti tasgabbii buusuu danda'u akka hin jirre, ergamaan Addaa Olaanaan Gamtaa Afriikaatiin muudaman Oluseegun Obaasaanjoo himan.

Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaafi ammatti ergamaan addaa Gamtaa Afriikaa Mr Obaasaanjoon, ibsa guyyaa Dilbataa dowwannaasaanii dhiyeenya Itoophiyaatti gaggeessan ilaalchisuun baasaniin, ''nageenyaaf malli amansiisaa fi itti fufaan marii qofaadha'' jedhan.

''Kanaafuu anga'oonni kallattii hundaatuu tarkaanfii waraanaa gaggeessaa jiran akka dhaabaniif nan gaafadha'' jedhan.

Ibsa har'a AUn toora tiwiitara isaarratti baase kanaan, haaldureewwan waraana TPLF waliin gaggeeffamaa jiru karaa nagaatiin furuu ilaalchisuun ibsa mootummaan Itoophiyaa karaa Ministira Dhimma Alaa isaatiin Sadaasa 11, 2021 hubachuu kaaseera.

Mr Obaasaanjoon, marii dhiheenya aanga'oota TPLF waliin Maqaleetti taasisaniinis haaluma walfakkaatuun haaldureewwan isaanii dhiyaachuuf yaadataniiru.

Kana malees, pirezidaantoota naannoo Amaaraafi Oromiyaa akkasumas hooggantoota riijinchaa kan akka pirezidaanitii Keeniyaa, Yugaandaa, Jabuutii, Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa fi Sudaan waliinis dhimmicharratti mari'achuusaanii kaasaniiru.

''Waldhabdee kana karaa nagaatiin furuudhaaf bu'uurri waloon ni argama jedheen amana'' jechuun abdii qaban kan ibsan Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa kun, qaamoolee isaan waliin mari'atan hundinuu Itoophiyaa keessatti nageenyaafi tasgabbii buusuuf hawwii qaban ibsuu kaasaniiru.

''Qabxiin garaagarummaa guddaan qaamoolee kanneen jidduu jiru ammoo karaawwan isaan ittiin kaayyoo murteessaa kana galmaan gahuuf barbaadaniidha.''

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Waraanni dhaabbachuun ammoo mariin nageenyaa akka itti fufuuf carraa gargaaruudha kan jedhan Mr Obaasaanjon, kun yoo hintaane ammoo haala wal waraansaa keessatti mariin akkasii gaggeeffamuu akka hindandeenyes kaasan.

Ergamaan addaa kun, namoota yaada gaarii qabaniif hoggantoota Afriikaa keessaa akkasumas hawaasni idil-addunyaa yaalii araaraa taasisaa jiran akka deeggaruu itti fufaniif waamicha taasisuun, tarkaanfiiwwaniif haasaawwan beekaa ykn osoo hinbeekiin walitti bu'iinsicha hammeessan irraa akka of qusataniif gaafataniiru.

Ergamaan Addaa Gamtaa Afriikaa kunis dhiheenya kana gara Itoophiyaatti imaluun erga qaamoolee waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamu kaan keessatti gahee qaban garagaraa waliin mari'ataniin booda, yaa'ii Mana Maree Nageenyaa Motummoota Gamtoomaniitiif gabaasaa dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.

Akkasumas imalasaanii Itoophiyaa ilaalchiisuun turtii BBC Focus On Africa waliin taasisaniin, gama mootummaa Itoophiyaatinis ta'e gama TPLFn simannaan gaarii akka taasifameef himanii ture.