Covid: Namoonni marroo lamaaf talaalli Covid talaalaman maatisaanitti vaayirasicha daddabarsuu danda'u

Maatii keessatti tamsa'inni Covid olaanaa ta'uu ogeeyyiin himan

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Maatii keessatti tamsa'inni Covid olaanaa ta'uu ogeeyyiin himan

Namoonni talaalli Covid-19 marroo lama talaalaman vaayirasichaan qabamuudhaan namoota waliin mana tokko jiraatanitti akka daddabarsan, ogeeyyiin UK faca’iinsa vaayirasichi maatii keessatti qabu qoratan himan.

Namoonni marroo lama talaalaman akkuma namoota si’a tokkoollee hin talaalamneetti vaayirasicha daddabarsu.

Mallattoon dhibichaa otoo irratti hin mul’atiin yoo hafe ykn mallattoon dhibichaa muraasa qofa yoo irratti mul’atellee carraan miseensota waliin jiraatanitti daddabarsuu isaanii %38 ykn namoota shan keessa lamatti dabarsuu danda’u.

Miseensonni maatii talaalli marroo lachuu yoo duraan argatan carraan maatiisaanitti daddabarsuu %25tti hir’ata.

Qorannoo ‘‘namoota talaalchisuufi dhibicharra of tiksuuf hagam barbaachise akka ta’e mul’isa'' jedha.

Namoonni hin talaalamne carraa dhibichaaf saaxilamuu hambisuuf, kanneen talaalli fudhataniirratti hundaa’uu hin qaban jechuun akeekkachiisan ogeeyyiin.

Talaallin Covid dhukkubbii jabaa vaayirasichaan nama mudatuufi du’arraa nama kan hambisu ta’ullee, dhibichi akka hin tamsaane dhaaburratti heddu kan jajamu miti. Keessattu gosti vaayirasichaa dafee tamsa’u Deeltaa Vaariyaant jedhamu erga UK keessatti mul’ate asitti.

Ogeeyyiin akka gorsanitti, maatii keessatti faca’iinsi Covid hammaata waan ta’eef, miseensonni maatii talaallii fudhachuu qaban yoo xiqqaate marroo tokkollee talaalamuu qabu jedhan.

Qorannoon Fulbaana 2020 hanga Fulbaana 2021tti maatii waliin jiraatan 440 Landaniifi Boltan jiraatanirratti gagggeeffameera. Akka qorannoo kanaatti;

  • Namoonni marroo lama talaalaman carraan vaayirasichaan qabamuu isaanii xiqqaadha, garuu namoota hin talaalamne waliin wal bira yeroon madalaamu carraa gosa vaayirasichaa Deeltaa Vaariyantiin jedhamuun qabamusaanii guddaadha.
  • Vaayirasicha ni daddabarsu
  • Namoonni talaalaman dhiibichaan qabamanii saffisaan wayyaa’u, yeroo hangi vaayirasii qaama isaanii keessatti argamu sadarkaa olaanaarra jiru vaayirasicha sadarkaa olaanaan daddabarsu.

Qorannicha ogeeyyii gaggeessan keessaa tokko kan ta’an Pirofeesar Ajit Lalvanii Yunvarsiitii Kolleejjii Landan irraa akka ibsanitti, namoota talaalaman gidduutti tamsa’inni vaayirasichaa kanneen hin talaalamne talaalamuudhaan akka of eeganiifi Covid-19’n akka itti hin hammaannef barbaachisa jedhan.

Ogeessi Koolleejjii Impeeriyaalii Landan kan biroo Dr Anikaa Singanayagama jedhaman immoo ’’Argannoo keenya dhiibbaa talaalliin gosa vaayirasichaa haaraa mul’aterratti qabu hubannoo barbaaachisa.

Keessattu Deeltaa Variyaantin namoonni qabaman adduunyaarratti guddachaa jira, sirumayyuu biyyoota hamma namoota talaalamanii olaanaa qaban keessattille otoo hin hafiin,’’ jedhan.