Itoophiyaatti namoota sababa COVID'n du'an kuma jaha ta'an keessaa kan talaalame tokko qofa

Madda suuraa, AMANUEL SILESHI
Weerarri Koronaa gosa Deeltaa kan itti hammaachaa jiru Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota dhibichaan du'anii saffisaan dabalaa kan jiru yeroo ta'u, kanneen keessaa kan talalamee du'e nama tokko qofaa ta'uu Ministeerri Fayyaa ibse.
Ji'oota Waxabajjiifi Hagayya gidduutti namoota sababa dhibee kanaan lubbuun isaanii darbe keessaa namni talaallii fudhate tokko qofa Ministeerri Fayyaa ibseera.
Hanga Sanbata kaleessaatti lakkoofsi namoota Covid-19'n du'anii 5,950 ol ta'uu ragaan Ministeerichaa ni agarsiisa.
Torban darbe qofa namootni sabab vaayirasii kanan lubbuun isaanii darbee 308 yeroo ta'u kunis erga weerarichi Itoophiyaa galee du'a guddaa torban tokkotti galmaa'edha. Gidduugalaan namootni kuma tokko vaayirasichaan qabamaa, 44 ammoo du'aa turan.
Lakkoofsi namoota du'anii, kan kutaa waldhaansa dhibee cimaa galaniifi kan haaraa qabamanii dabalaa jiraachuuf sababni hammeenya gosa Deeltaa, walgahiiwwan baayyachuu, of eeggannoon hawaasaa hir'suu isaatiin ta'uu Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddesee himaniiru.
Dr. Liyaan qorannoo CDC waabeffachuun ibsa kennaniin namootni hin talaalamiin dhibee kanaaf saaxilamummaan qaban dachaa 4.5'n guddaa ta'uu, carraan waldhaansaaf hospitala galuu dachaa 10'n xiqqaa ta'uufi dhukkubichaan du'uufi ammoo carraan jiru dachaa 11 ta'uu hubachiisaniiru.
Tibba manneen barnootaa itti banamuu eegalan ta'uu isaa wajjin walqabatees barsiisotni talaallicha fudhachuu, maatiifi barattootni maatii ofeeggannoowwan barbaachisoo akka godhan gorsuu, maaskii dirqisiisaa gochuu fi walirraa fageenya gorfamu raawwachuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Itoophiyaan torbanoota dura gosti Koronaa dandeettii dhukkuba cimaaf akkasumas du'aaf saaxiluu isaatiin hamaa jedhame Deltaan biyya keessa galuu ibsiteetti. Ergasii keessumaa lakkoofsi namoota guyyaa guyyaan du'anii dabalaa jira.














