Taatoo waldhaansa onnee daa'immaaniif birrii miiliyoona jaha walitti qabde

Artist Masarat Mbaraatee waldhaanse onneef gumaacha walitti qabde yoo galii gootu

Madda suuraa, Meseret Mebrate

Gidduugalli Waldhaansa Onnee Itoophiyaa moggaasaafi caaseeffama adda addaan waggoota 30 darbaniif hojjechaa kan ture yoo ta'u, hanqinoota qabu keessaa hanqina meeshaalee dhumeeyyii ijoo akka ta'e ambaasaaddarri fedhaan gidduugalicha tajaajiltu artiist Masarat Mabraate himte.

Hanqina meeshaalee dhumeeyyii barbaachisoorraa kan ka'e daa'imman rakkoo onnee qaban kuma torba ta'an yaala argachuuf waggootaaf dabaree eeguuf dirqamaniiru. Gariin osoo dabare eeggatanii lubbuun darbaniiru.

Gidduugalichi rakkoon kun hubatameefi gargaarsi akka argamuuf waggoota sadii dura Artiist Masarat Mabraatee fedhaan ambaasaaddarummaan argateera.

Artiist Masarat Mabraatee, waggoota sadan darban dhimma yaala onnee irratti hubannoo uumuurraa kaasee hanga galii walitti qabuutti duulaa jirti.

Masarat dhiyeenya kana Ameerikaa bulchiinsota adda addaa keessa naanna'uun doolaaraa kuma 126 walitti qabaa baate galii gooteetti.

Hojii kana hojjechuu erga eegaltee hojiilee aartii ittiin beekamturraa fagaachuufi kuniis ''hawaasa gargaaruun hundaa ol xiyyeeffannoon kan kennamuuf waan ta'eef,'' jechuun BBC'tti himteetti.

Hojii fiilmiifi tiyaatira akka durii kan hin hojjenneef qormaatileen amma ibsuu hin feenes waan jiraniif ta'uu dubbatte.

Hojii gidduugala onnee waliin hojjechuu jalqabuun duras ''dhimmi kun lubbuu koo keessa ture,'' jetti. ''Sababa malee gara addunyaa kanaatti kan dhufe hin jiru jedheen amana,'' kan himtu Masarat, ''tokkoon tokkoon keenya namaaf ooluun hojii hiika qabu hojjetanii darbuun nurraa eegama,'' jetti.

''Amma dura hojiiwwan dubartoota, daa'imman, daa'imman daandiirra jiraatan irratti dhaabbilee miti mootummaa hojjetan waliin fedhiin ambaasaaddara ta'een hojjedha.''

''Biyyi koo dhimma na barbaaddu kamuurratti keessumaa dhaabbilee dhala namaaf waan gaarii godhan waliin nan tajaajila,'' jetti.

Gidduugala Waldhaansa Onnee Itoophiyaa waliin hojjeechuu erga eegaltee yeroo dheeraa ta'uufi sababni isaa ammoo daraaraa fi dhiphina daa'imman dhibee onnee qabaniifi maatiin isaanii keessa jiraniidha jetti.

''Dararaafi yaaddoo isaanii yeroon argu achumatti dhaabadheen waaqaafi nama fuuldura dhaabadheen waadaa gale,'' jetti.

''Qaawwi guutuu qabdu hedduun waan jiruuf hundi keenya gahee keenya bahuu qabna jedheen amana.''

Erga ambaasaaddara gidduugala onnee Itoophiyaa taatee sagantaalee hubannaa gidduugalichaa cimsan fi galii walitti qabuu hojjechaa akka turtes himteetti.

Gidduugalli waldhaansa Onnee Itoophiyaa erga hundaa'ee waggoota 30 oli. Dr. Balaay Abagaaziifi namoota gaarii muraas isaan waliin turaniin hundaa'e. Hanga ammaatti gidduugala kanaan daa'imman 9,500 ta'an carraa yaala fayyaa onnee argataniiru.

Waayee gidduugala kanaa wanti namni hin hubannee jettu maal akka ta'e yoo ibsitu, ''yaala onnee waliin walqabatee hanqinni meeshaalee dhumeeyyii hudhaa ta'uun hojiileen akka hin hojjetamneefi tajaajilli eegamu akka hin kennamne rakkoo guddaa ta'eera'' jetti.

Rakkoo kana furuuf sagantaa galii walitti qabuu qopheessuun gidduugalichi haala dhaabbiin itti gargaaramu irratti hojjechaan jiraa jetti Artiist Masarat Mabraatee.

Hospitaalota biyya alaa jiran waliinis hariiroo uumuun meeshaaleen kun akkamiin argamuu akka danda'an hojjechuun qaama hojii irratti bobbaatee akka ta'es himteetti.

Masarat tibba kana Ameerikaatti duula hubannoo uumuu fi galii walitti qabuu gaggeessaa turte xumurtee deebite.

Duulli kun sababa weerara Koronaan akka yaadame akka hin taane himtee, Ta'uus bulchiinsota US adda addaa keessatti caalbaasii, sagantaa hirbaataafi qophiilee garaagaraan maallaqa doolaara kuma 126 ol walitti qabuu danda'aniiru.

''Yeroo eegallu doolaara kuma 100 walitti qabna jennee ture kan kaane. Waaqayyo na gargaaree deeeggarsa lammiilee Itoophiyaa gaggaariin doolaara kuma 126 ta'u sassaabuun danda'ameera. Kuniis qarshii Itoophiyaa miiliyoona jaha jechuudha,'' jetti.

''Daa'ima tokko waldhaansisuuf qarshii kuma 100 barbaachisa kanaaf onneen daa'imman 60 cabe ni waldhaanama. Imimmaan maatii daa'imman 60 ni haxaawama.''

Deeggarsi walitti qabamaa ture herreega doolaaraa baankii Awaash keessatti dhaabbatichi banate keessatti walitti qabamaa akka tures himteetti.

Yeroo ammaa daa'imman dhibee onnee qaban kuma jahaa ol galmaahanii dabaree waldhaansaa eeggachaa akkajiran kan himtu Masarat, lakkoofsi kun guyyaa guyyaan waan dabaluuf deeggarsi darbee darbee hojjetamu kun eessaanuu nu hin gahuu jetti.

Fuulduratti dhaabbiidhaan deeggarsi hospitaalota biyyoota alaa jiran irraa argamuu haala danda'u irratti hojjechuuf akka kaayyoo qabdu himteetti.