Feesbuuk EU keessatti mettaaversirratti hojjechuuf namoota 10,000 qacaruuf

Hoji-gaggeessaan Feesbuuk Maark Zuukarbarg

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hoji-gaggeessaan Feesbuuk Maark Zuukarbarg

Feesbuukiin Gamtaa Awurooppaa (EU) keessatti namoota mettaaversirratti hojjetan 10,000 qacaruuf karoorfataa akka jiru beeksise.

Mettaavers jechuun addunyaa oonlaayinii bakka namoonni waliin irratti taphachuu danda'an, waliin irratti hojjechuu danda'an, akkasumas naankaluu virchuwaal ta'e keessatti komunikeet wal gochuu danda'an yeroo baayyee Virtual Reality(VR) headsets fayyadamanidha.

Bakki VR jedhamu kun kan fayyadamtoonni akka naankaluu kompiitaraan tolfame, akkasumas fayyadamtoota biroo waliin walitti dhufeenya taasisuu kan dandeessisudha.

Hoji-gaggeessaan Feesbuuk Maark Zuukarbarg yaada waan kana hojjechuu irratti adda-durummaan nama dubbachaa tureera.

Beeksifni waan kana hojjechuu kan dhufe yeroo Feesbuuk himannaan irratti baayyinaan ka'aa jiruufi miidhamaa jiru keessattidha.

"Mettaaversiin humna ittiin ulaa kalaqaa haaraa, hawaasummaafi carraawwan dinagdee banachuuf gargaaru qaba. And Warri Awurooppaa ammoo jalqaba irraa ka'anii qixa ni qabsiisu," jechuun fuula isaarratti maxxanseera Feesbuuk.

Waggoota shanan itti aanan keessa hojiiwwan haaraa uumaman kan "injiinaroota ogummaa adaa cimaa qabanii" dabalatu ta'a.

EU keessatti invastii gochuun ammoo faayiaawwan hedduu kan akka gabaa maamilaa guddaa argachuu, yunivarsiitiiwwan sadarkaa tokkoffaa ta'an argachuufi dandeettiiwwan qulqullina ol-aana ta'e qabanis argachuuf gargaara, jedhe Feesbuuk.

Feesbuuk mettaavers ijaaruu wantota dursa kennuuf keessaa isa guddaa taasifateera.

Feesbuuk kanaan dura morkatoota isaa bituudhaan seenaa kan qabu ta'ullee, amma mettaavers kana, "kampaanii tokkoon halkan tokkotti ijaaramuu hin danda'u," jechuun kanneen biroo waliin tumsuuf waadaa galeera.

"Itti gaafatamummaa mettaavers akka ijaaraniif," garee bu'aadhaaf hin hojjenne maallaqaan deeggaruuf dhiyeenya maallaqa $50m investi godheera dhaabbanni kun.

Haata'u malee, yaadni mettaavers sirriin waggoota biroo 10 hanga 15 akka fudhatu yaada.

Namoonni qeeqan tokko tokko akka jedhanitti karoorri pirojektii amma beeksifame kun maqaa kampaanichaa bade ture bakka deebisuufi miihaawwan ji'oota dhiyoon as irra gahan irraa qalbii namaa dagachiisuuf kan ta'edha.

Miihaa Feesbuuk irra gahe keessaa kan hojjettuun duraanii dhaabbatichaa Firaansiis Hawugen saaxilte keessatti argama.

Qorannoon keessoo Feesbuuk akka bira ga'ettis qabeenya isaa kan ta'e Instagram, fayyaa sammuu ijoollee ol-adeemaa miidhaa akka turedha.