Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nyaata haalluu garagaraa qabu soorachuun maaliif nu fayyada?
Gosoota nyaataa haalluu sabbata waaqaa (rainbow) qaban soorachuun fayyaa sammuu cimsuu fi dhukkuba onnee akka hir'isu qorattoonni ni himu.
Baay'een keenyas guyyaatti yeroo baayyee filmaata walfakkaataan nu mudata ta'a. Fakkeenyaaf maal soradhu, maali waliin? yeroo baayyees nyaata fayyaa keenyaaf bu'aa qabu jennu filanna.
Haata'u malee soorata keenya guutuu sirriin yoo qorannu, wantoota qaama keenyaaf barbaachisan argachuu keenya attamiin beekna?
Qorattoonnis soorata garaa garaa nyaachuun barbaachisaa ta'uu irratti waliigalu. Karaawwan kana ittiin raawwatamu keessaa tokko ammoo soorata haalluu qaban hunda soorachuun.
Garuu ammoo haalluu qofti qabiyyee soorataa nu barbaachisu hunda argachuuf madaallii siriidhaa?
Kana mirkaneessuuf soranni Meediteriyaanootaa kan kuduraalee, muduraalee hedduuufi cooma fayya-qabeessa kan akka zayita ejersaa qabaniifi yeroo baayyee saayintistootaan soorata fayya qabeessa jedhamuun himamudha.
Sooranni kunis kan akka tasaa haalluuwwan garaagaraatiin makame miti jedhu gargaaraan piroofeesarii kilinika madaallii nyaataa Yunvarsitii Filoreens kan ta'an Firaansiin Soofiin.
''Nyaata aadaa Miditiraayinootaa nyaachuu jechuun qabiyyeewwan adda addaa fi haalluwwan hedduu soorattu jechuudha,'' jedhu.
''Haata'u malee sooranni kunneen yeroo hedduu haalluu hunda hinqabaatan. Waqtii daraaraan itti daraaruufi yeroo omishoonni kuduraaleefi muduraalee naannichatti biqilaniin murtaa'a.''
Sooranni warra Meditiraaniyaanootaa fayya-qabeessaa sababiin itti ta'an kan biraas jira jedhu qorataan kun. Hawaasni Meeditiraaniyaanootaa nyaata waaduurra, waan affeelaniif ashaakiltiiwwan qabiyyeessaanii akkuma qabataniitti soorataaf dhiyaatu jedhu, Soofiyaan.
Soranni kuduraafi muduraan itti baayyatu ammoo fayyina sammuu fi onnee keenyaaf murteessaadha jedhu Diinaa Minich, Yunivarsiitii 'Western States' Portilaand irraa qorataan sirna nyaataa.
Soorata haalluu hedduu sorachuun tarii balaa qabiyyee murteessoo isin barbaachisanii dhabuu hinoolcha ta'a.
"Yoo haalluu sabbata Waaqaa fakkaatuu kan dhabne ta'e, bu'aa nyaanni sun nuuf qabaatu dhabne,'' jedhu Miniich.
Kunis sababii nyaanni ashaakiltii umamaan qabiyyeewwan qaama keenyaaf barbaachisan kumaatama waan qabataniif. Ashaakiltiiwwan haalluu adda addaas bu'aalee adda addaa waliin dhufu.
Sooratonni cuquliisnii fi diimadiin, qabiyyee 'anthocyanin' jedhamuufi kan balaa dhukkuba onnee fi dhukkuba sukkaaraa 'type two' jedhamun qabamu hir'isuu of keessaa qabu.
Keessattuu sooranni ashaakiltii akka haalluu keelloo qabaatu taasisan, balaa dhukkuba onnee ni hir'isa jedha qorannoon.
''Haalluun ashaakiltii tokko tokkoos gara kutaa qaama ta'eetti darbuun achi turu danda'a,'' jedhu Miniich.
''Fakkeenyaaf, haalluu keelloon nyaata garaa garaa kanneen akka baala magariisaa fi killee keessatti argamu, duuba ija keenyaa geengoo kelloo agartuu keenya marsee jiru keessa seenuun akka agartuun keenya hin dadhabnee gargaara.''
''Yoo haalluu soorataa kan sabbata Waaqaa fakkaatu dhabne, nyaata isaan nu tataajilu hinarganne jechuudha,'' jedhu Deenaa Miniich.
Qorannoowwan muraasni ammoo soratni kuduraalee fi muduraalee qabiyyee 'flavonoids' qaban fayyina sammuu akka fooyyeessu himu.
Miseensi qorannoo Tin-shin-Yeh, Hardvaard, qorannoo sirna nyaataa namoota 50,000 waggoota 20 olii hordofameen booda, kanneen nyaata qabiyyee 'flavonoids' jedhamu kana qaban baay'inaan (birtukaana, qaaraa, ija wayinii, appilii fi kkf sooratan rakkina waa dagachuu ykn dhibee dementia gadaanaatu mudata.
Kanaafuu soorata akkasii kana baay'inaan soorachuun dhibee dadhabbii sammuutiin walqabatan hir'isuun ni danda'ama jedha qorannichi. Kanaafuu ammarraa eegaluun soorata akkasii nyaachuu eegaluun faayidaa qabaachu himu.
Akka qorannichi jedhutti soorata haalluu garaagaraa qaban soorachuun, bu'aa fayyaaf qabaatuun alattis yeroo baayyee soorata gosa walfakkaataa nyaachuu akka dhaaban ni gargaara.
''Nyaanni baayyee walxaxaadha. Fakkeenyaaf, qorattoonni cuunfaan birtukaanaa balaa hir'ina hubannoo gadaanaan akka walqabatu adda baaseera. Haata'u malee baay'ee yoo fudhatame ammoo dhukkuba sukkaaraa gosa -2 jedhamu walqabatu,'' jedhan. Kunis sababii qabiyyee sukkaaraa isaatiin jedhameera.
Haata'u malee guyyaa hunda soorata haalluu adda addaaa argachun mataansaa rakkisaa akka ta'e dubbatu qorattuun sirna nyaataa Faawundeeshinii Onnee Birtishi, Viiktoriyaa Taayilor.
Miniich gama isaanitiin qabiyyee haalluu qaama keenyaaf faayidaa qaban kanneen argachuu kan dandeenyu kuduraalee fi muduraalee qofaa irraa miti jedhu. Kanneen hundeensaanii nyaatamu, mi'eessituuwwan, kanneen ijjiisaanii nyaatamu, miidhaan dheedhii fi shaayi irraas ni argama jedhu.
Qorannoon gara biraa tokko ammoo namoonni soorata haalluu adda addaa qaban akka soorataniif jajjabeessuun sirna nyaataa fayya-qabeessaa akka hordofan ni gargaara jedha.
''Yoo kuduraalee walfakkaataa qofaa soorachuun itti gammaddu ta'e, kan garaa garaa yoo qabaaattan caalaa gammaddu jechudha,'' jedhu Rocheele Emblingi barattuu digrii sadaffaa Yunvarsitii Swaansee kan ta'an.
"Erga soorata idilee nyaatameen booda kan hordofee dhiyaatu kan akka burtukaanaa, ija wayinii fa'i barbaachisaadha,'' jedhu Emblingi.
Haata'u malee soorata haalluuwwan garaa garaa baayyinaan nyaachuun sorata hinbarbaachifne garmalee baayisuu akka hintaaneef of eegannoon kan barbaachisu ta'uu himu.
Fakkeenyaaf haalluwwan soorataa umamaan alatti kanneen haalluu nam-tolcheen keekii, karameellaa fi nyaataaf haalluu kennuuf itti makaman irra of eeggachuu barbaachisaa ta'u dubbatu.
Haalluu sorataatiin maddiittis, qabiyyee ykn dhandhamni nyaataa qaama keenyaaf barbaachisan hedduu haala biraatiin akka argamu qorannoon ni mul'isa. Keessattuu sooranni hadhaawaa fi ashaakiltiin dhandhama cimaa qaban, dhiibbaa dhiigaa fi baayyina sukkaara qaama keenya keessaa xiqqeessuuf kan gargaaru ta'uu ibsa qorannoon.
Qorannichi akka jedhuutti ''ashaakiltiiwwan hundeesaanii nyaatamuu fi raafuu qabiyyee 'antioxidant' fi 'bioactive' jedhaman hedduminaan qaba. Kanaafuu isaan kana soorata keenya keessatti makuun fayyina keenya fooyyeessuuf ni gargaara.''
Filmaanni gara biraa ammoo qaama ashaakiltii kam akka soorannu yaaduunis gaariidha jedhu qorattoonni.
''Raafuu baala isaa kan nyaannuu yoo ta'u, kanneen akka dinnichaa ammoo hundeesaaniitu nyaatama. Kanaafuu wanti qaama keenyaaf nyaata lamaan kanarra argannuus akkasuma adda addummaa qabaata,'' jedhu.
''Haata'u malee haalluu isaanii ilaaluun fayyadamtootaaf mala salphaa ittiin filannoosaanii sirreeffatan ta'uu mala,'' jedhu Yeh.