Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Itoophiyaatti Waxabajji 30 guyyaa dubbisaa jedhamee labsama'' Waldaa Barreessitootaa
Waxabajji 30 guyyaa dubbistoota Itoophiyaa jedhamuun yo ragga'e ''MM Abiy Ahimed mana barumsaatti argamuun ijoolleef kitaaba dubbisu,'' jedhan Pirezidaantiin waldaa Barreesitoota Itoophiyaa.
Waldaan Barreessitoota Itoophiyaa Waxabajji 30 guyyaa dubbisaa jedhamee akka labsamuuf yaaliin gochaa ture amma fiixee irra gahuu pirezidaantiin waldivhaa Obbo Abbiree Addaamuu BBCtti himan.
Guyyaa dubartootaa, ijoollee fi guyyaa bishaanii jedhamee akkuma labsamu Itoophiyaatti guyyaa dubbistootaa jedhamuun Paarlaamaan akka ragga'uuf gaafatamaa turee waggaa haaraa kanatti dhugoomuuf jedha.
Adeemsa seera baasuu ilaalchisee Biiroo aadaaf turizimii irraa eegaluun caasaa hundumaa keessa akka darbe kan himan Obo Abbireen Afa Yaa'ii Man Marees akka dubbisan BBCtti himaniiru.
Guyyichi ifatti erga labsameen booda MM dabalatee abbootiin amantaa, namootni siyaasaa beekamoo fi kaan aadaa dubbisuu wantoota jajjabeessan hojjetu, kunis miidiyaaleedhaan kallattiin tamsa'a jedhan.
Wixineen isaa Mana maree Bakka Bu'oota Uummataa gahuu kan himan Obbo Abbireen hanga ji'a Onkoloolessaatti ni ragga'a jedhanii akka eeganis himan.
Guyyichi erga ragga'een booda gaafa Waxabajji 30 Ministirri Muummee mana barumsaa filatame tokko keessa dhaquun ijoolleef kitaaba dubbisu jedhan.
Dabalataan namootni isyaasaa beekamoon, Phaaphaasonnii fi Sheekonni bakka adda addaatti argamuun sagantaa dubbisaa kana irratti hirmaatu jedhan.
''Jeequmsi siyaasaa ammaa kun sabab dubbisa dogogoraa irraati.'' Obbo Abbireen rakkoon siyaasaa amma jiru kun sababni isaa dubbisa dogogoraati jedhee waldaan isaanii akka amanu himan.
Bakka adda addaatti sabaan wal qoodanii wal ajjeesuun bu'aama kanaati kan jedhan Obbo Abbireen dhaloonni dubbisu osoo jiraate silaa ''maaliif jedhee osoo hin gaafatiin gajaraa isaa kaasee gara nama ajjeesuuti hin fiigu ture,'' jedhan.
''Dhaloonni dubbisu abaluun diinakeeti yoo ittiin jedhan maaliif jedhee gaafata malee Hoo jedhee hin ka'u. Namni dubbisu amantii tokko yookaan saba tokko diinummaan hin farraju.Sammuun hin gaafanne uumamuun isaa ammoo dhaloonni dubbisu uumamuu dhabuu isaa irraati,'' jedhan.
Mdaallii keenyaan Itoophiyaa keessatti qaawwaa guddaan dhaloonni dubbisu dhibuu isaati kan jedhan hogganaan kun biyya uummata miliyoona 120 qabdu keessatti rabsi kitaabaa inni guddaan 5,000 qofa tahuun isaa waan baay'ee nama naasisudha jedhan.
Obbo Abbireen lakkofsa namoota dubbisanii dhaabbilee barnootaa ol aanootii hanga qonnaan bulaa baadiyaa keessa jiruutti irratti hojjechuun ol guddisuu akka barbaadan himan. Manneetii barnootaa baadiyaa keessa jiranis qunnamuun akka aadaan dubbisuu kun babal'atu irratti hojjechuun akka milkaa'u barbaadu.
Lakkoofsi namoota dubbisaniis dhalotaa gara dhalootaatti guddachuu osoo qabuu xiqqaachaa dhufuu himan. Amma kitaabni maxxanee bahu hanga 5,000 kan gahu jedhanii bara Dargii keessa yoo xiqqaate 30,000 hanga 100,000 maxxanfamaa akka ture himan.
Waldaan Barreesitoota Itoophiyaa waggoota 61 dura 1952 kan hundaa'e waldaa hangafa ta'an keessaati.