Dr Tedroos Adihaanoom yeroo lammataaf hogganaa WHO tahuun akka filataman Jarman deeggarte

Dr Tedroos Adhaanoom

Madda suuraa, Reuters

Dr Tedroos Adihaanom Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) marroo lammeessoof akka hoogganan mootummaa Jarmanii irraa deeggarsa argatan.

Ministirri Fayyaa Jarmanii Jans Saafaasan, Jarman Dr Tedroosiin akka deeggartu himanii biyyooti kaanillee ministira fayyaa duraanii Itoophiyaaf deeggarsa akka kennan gaafataniiru.

''Biyyootni michuus Dr Tedroosiin akka deeggaran affeerra,’’ jechuun ministirri kun Rooyitarsitti himaniiru.

Dr Tedroos biyyoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf arjooma olaanaa kennan keessaa tokko kan taate Jarman irraa deeggarsa argachuun carraa filamuu isaanii ni guddisa jedhameeera

Dr Tedroos lammata aangoo kanaaf akka dorgoman ifatti beeksisuu baatanillee, Rooyitars garuu kaaadhimamaa tahuu isaanii maddeen dhimma kanaaaf dhiyeenya qaban eeruun gabaasee ture.

Yeroon biyyoonni nama hogganaa WHO tahuuf yaada itti dhiyeessan torbee kana xumurama.

Jarman Dr Tedroos akka filaman deeggarsa kennitus, Itoophiyaa dabalatee filamuu nama kanaa kanneen mormanis jiru.

'Yakkamaa dha'

Itaamaajoor Shuumiin waraana Itoophiyaa Birhaanuu Juulaa yeroo tokko hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ''...miseensa TPLF fi yakkamaa dha,’’ jechuun dubbataniiru.

Janaraaltichi kaaba Itoophiyaatti erga waraanni eegale as Dr Tedroos beekamtii idil-addunyaa isaanii fayyadamuun garee TPLF gargaaruuf yaaluu isaanii dubbataniiru.

Janaraal Birhaanuu Juulaan Dr Tedroos garee hidhataa TPLF gargaaruuf yaalii baayyee gochuufi akkasumas biyyooti ollaa waraanicha akka morman duula gaggeessaniiru jechuun himataniiru.

Dr Tedroos kana dura waraanni kaaba Itoophiyaatti adeemsifamu akka isaan yaaddessu himanii turan.

Dhuma bara 2020 irratti haasa taasisaniin ’’Covid gahuu didee animmoo dhukkuba dhuunfaa qaba. Biyya koof nan dhiphadha,’’ jedhaniiru.

‘’Biyyi koo Itoophiyaan rakkoo keessa jrti. Biyya koof, qe’ee dhaloota kootti waraanni adeemsifamaa jiru na yaadessa,’’ yeroo jedhan dhagahamaniiru.

‘’Sararri wal-qunnamtii addaan waan citeef obboleessa koo quxisuu fi firoottan koo hin arganne. Maatiin koo qaama hawaasaati. Waa’ee isaanii qofa dhiphachuu hin danda’u waa’ee hunda isaaniin dhiphadha,’’ jedhaniiru.

‘’Weerara to’annoo jala oolchuu hin dandeenye’’

Torbanoota dura dhaabbanni AIDS Health Care Foundation jedhamuufi dhimma AIDS irratti hojjechuun jaarmiyaa guddaa tahe Dr Tedroos yeroo lammataaf filamuu hin qaban jechuun mormee ture.

Jaarmiyaan kuni dhaabbanni Dr Tedroos hogganan Covid-19 weerara akka addunyaatti mudate jechuun atattamaan hin labsine jechuun komateera.

Dabalataan madda Covid-19 irratti iftoominni jiraachuu dhabuun weerarichaaf talaalliin ariifachiisaan eeyyama argachuu dhiisuun hanqina Dr Tedroos irratti mul’ate keessaati jedheera.

Weerara Covid’n wal-qabatee yeroo bulchiinsa Tiraamp Ameerikaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ‘’jaarmiyaa Chaayinaadhaaf loogu dha,’’ jechaanii turte.

Ejjennoon bulchiinsa Tiraamp kunis joornaalii Wall Street kaleessaa irratti mul’ateera

Joornaaliin Wall Street, Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Bilikan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fooyyessuuf waadaa seenuu isaaanii himuun, Dr Tedroosiin nama biraan bakka buusuun hojiin haaromsaa jalqabamuu qaba jechuu isaanii ibseera.

Dr Tedroos ministira fayyaa fi ministira haajaa alaa Itoophiyaa tahuun kan tajaajilan yoo tahu, bara 2017tti ture hogganaa WHO'f kan filaman.

Filannoon hogganaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akkamiin adeemsifam?

Miseensonni UN kaadhimamtoota isaanii hamma Fulbaana 23, 2021 boriitti boordii hojii-raawwachiiftuu Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti dhiyeessu.

Boordichi immoo kaadhimamtoota biyyootarraa dhiyaataniif hunda tilmaama keessa galchuun kaadhimamtoota shan tarreessa.

Kana booda, kaadhimamtoota shanan keessaa warreen dhumaa sadan filannoo dhumaaf dhiyaatu.

Haala kanaan hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa filamaa jechuu dha.

Baatii Caamsaa keessa immoo waggoota shanan dhufaniif eenyu Dhaabbata Fayyaa Addunyaa-WHO akka hogganu ifa taha jechuu dha.