Namichi suuraalee darara saalaa daa’immanirra ga’u dhiyeessu hidhame

Madda suuraa, RTÉ
Akka FBI jedhutti lammiin Aayerlaand intarneeta irratti dhiyeessaa suuralee darara saalaa daa’immanirra ga’u isa guddaa addunyaa ta’e, mana murtii UStti hidhaa wagga 27n adabame.
Eerik Eyooyin Maarkes, ganna 36, Dubliin irraa yoo ta’u, tajaajila marsariitii dhoksaa, kan suuraleen darara daa’immanii miiliyoonan lakkaa’aman itti qoodamu gaggeessaa ture.
Suuraaleen achirratti qoodaman baayyee hammeenyaan kan guuteefi suukanneessoo akka ta’en ibsameera.
Bitootessa 2019 irratti ture abbootiin taayitaa Ayiriish Maarkesiin dabarsanii US’f kan kennani.
Lammummaa US fi Ayerlaand kan qabu namni kun, Guraandhala bara darbee darara daa’immanii beeksisuuf karoorsuu isaa amaneera.
'Baayyee sukkaneessaa’
Qorannoo FBI fi poolisii Aayirsih Gaardaa jedhamuun gaggeeffame booda, Hagayya 2013 mana isaa magaala Dublin jiru keessatti to’annoo jala oolfame.
Abbootiin alangaa akka jedhanitti, tajaajilli marsariitii Maarkes suuralee darara daa’immanii agarsiisan miiliyoona 8.5 ol qaba ture.
Abbaan murti dhaddacha kanaan, yakki kun ‘baayyee sukkanneessaa’ akka ta’e ibsuun, Maarkes akka hoggantoota yakka gurmaa’aa qoricha sammuu nama hadoochuudha jedhaniiru.
Dabalataanis namni kun yeroo dheeraaf hidhaa keessa turuun isaa “addunyaaf wanta gaariidha” jedhaniiru.
Wajjirri Tajaajila Eegumsa Biyyaalessaa Gaardaa akka jedhetti murtoon isarratti murtaa’ee, miidhaa daa’imman irra ga’ee hagam akka ta’ee fi tajaajilli Maarkin dhiyeesse “sadarkaa hangamii fi hagam walxaxaa”akka ta'e kan agarsiisudha.
Hogganaan qorataa poolisii Aayirish Deeklan Daalii, akka jedhetti, gocha Maarken rawwateen walqabatee daa’imman hedduun eenyummaa isaani FBI adda baaseera.
Sagantaa miidiyaa RTÉ's Morning Ireland waliin turtii taasisaniin, daa’imman kunneen qunnamuun gargaarsi barbaachisu kennamaa jira jedhaniiru.
Daa’imman lammilee Ayeerlaand kan ta’an kan adda baafaman hin jirani.
“Ilaalchi dogoggoraa suuraleen darara daa’immanii, yakka miidhamtoota hin qabnedha” jechu akka ture hogganaan kun himaniiru.
“Murtoon kun suuraleen darara daa’immanii dhiyeessii fi fedhii irratti kan hundaa’e akka ta’e agarsiisa,” jedhan.
“Feedhii jiruuf deebii kennuuf, addunyaa irratti bakka tokkotti daa’imni darara saalaan miidhamaa jira, kanaaf kanneen kanarratti hirmaatan hundi yakkamtoota.”
Dhimma yakka darara daa’immanii irratti hojiin waliini cimaa addunyaa akka ture himuun, poolisiin Ayeerlaandis biyyatti keessatti kanneen yakka akkanaa irratti hirmaatan argachuuf “ciminaan hojjachaa” turani jedhu.
Dhaddacha isaa irratti, Maarken yeroo adaba isa xumuree hidhaa irraa gadhiifamu gara Ayerlaanditti akka deebi’uuf karoora qabu mana murtiitti himameera.
Hoggaanaan poolisii Daali, yeroo gara bulchiinsa Aayirishiitti deebi’u Maarken akka yakkamaa saalaa hamaatti ilaalama jedhaniiru.













