Haleellaan doonii lubbuu galaafate Iraan fi Israa'el gidduutti muddama cimaa uume

Madda suuraa, EPA
Ministirri Mummee Israa'el Naaftaalii Beeneet haleellaan doonii Omaan irraa kaaterratti raawwatame Iraaniin ta'uu 'sirriittiin beeka' jedhan.
Haata'u malee Tehraan himannaa kanaan 'bu'ura hin qabu' jechuun waakkatteetti.
Haleellaa guyyaa Kamisaa raawwatameen hojjattoonni doonii lama ajjeefamaniiru.
UK fi US ammoo haleellaa lubbuu namoota lamaa galaafate kana seera adunyaa kan cabsedha jechuun gochicha duuba Iraanitu jira jedhanii akka amanan ibsaniiru.
Haleellaa qaqqabe kanaanis lammii Biriitish tokkoofi Romaaniyaa tokkotu ajjeefaman.
MM Israa'el Naaftaaliin ''Iraaniif attamiin ergaa akka erginuuf beekna'' jedhan, Tehraan ammoo ''fedhii biyyattii tiksuurraa boodatti hin deebii'u'' jette.
Bitooteessaa as haleellaan dooniiwwan Israa'eel fi Iraan hedduun raawwatamaniiru.
Gabaasaan dhimma nageenyaa BBC, Firaank Gaardnar, du'aatiin namaa sababii haleellaa doonittii irratti raawwatameen mudate biyyoota lamaan jidduutti muddamaaf madda ta'eera.
Ministirri Mummee Israa'el guyyaa Dilbataa miseensota kaabinee biyyattiitti akka himaniitti, haleellicha Iraan raawwachuuf ragaan tikaa jira jedhan.
Hawaasni addunyaas ''Iraan balleessaa cimaa'' raawwachushee ifa akka taasisan waamicha godhan.
Dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa Iraan, Sa'eed Khaatibzaadeh gaazexessitootaatti akka himaniitti, Israa'eel ''himannaa bu'ura maleessa akkasii dhaabuu qabdi'' jedhan.
Himannichaanis, ''eenyumtu kan facaasu sanuma deebisee hammata.''
Akkasumas, Barreessaan Dhimma Alaa UK Dominik Raab Iraan balaaleeffatan.
''Haleellaan kun kan Iraaniin itti yaadame, kan itti xiyyeeffatame fi gochaa seera idil-addunyaa cabseedha,'' jedhan Raab ibsa isaanitiin.
"Xinxalli UK akka irra gahetti haleellaa Adooleessa 29tti bishaan idil-addunyaa qarqara Omaan keessatti doonii MV Mercer Street irratti raawwatame Iraaniin ta'uu hinolle'' jedheera.
Iraan gama isheetiin haleellaawwan dirreewwan nikularaafi saayintistoota ishee irratti raawwatameef Israa'el himatti.
Biyyoonni lixaa Iraan boombii nikulaaraa ijaaruu yaalaa jirti jechuun himatu. Iraan ammoo gama isheetiin kana haaluun, sagantaan nikularaashee kan qorannoo fi annisaa maddisiisuu qofa irratti xiyyeeffatuudha jetti.












