Ayivoorii Koostitti gareen walwaraanaa turan waggaa 10n booda yeroo jalqabaaf waliin mari'atan

Pirezidaant Alassane Ouattara fi Laurent Gbagbo masaraa biyyaalessaatti harka walqabuun waldubbisan.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii duraanii Laurent Gbagbo (bitaa) fi Pirezidaant Alassane Ouattara (mirga) araraaf daandii saaqaa jiru

Pirezidaantiin Ayivoorii Koosti Alassane Ouattara fi morkataan isaanii Laurent Gbagbo erga waraanni waliinii biyyattii keessatti eegalee waggaa 10 booda yeroo jalqabaaf waliin mari'atan.

Yeroo sana Gbagbo'n bu'aa filannoo labsame fudhatanii injifatamuusaanii amanuu waan didaniif waraanatti seename.

Waraana kanaan lubbuun lammiilee 3,000 caalanii darbeera.

Aab Gbagbo'n ji'a darbe erga Manni Murtii Yakkoota Waraanaa Indiladdunyaa (ICC) himannaa irraa kaasee gara Ayivoorii Koosti deebi'an.

Namoonni lameenuu nagaa fi araara buusuuf hojjetaa jiraachuu himan.

Pirezidaant Ouattara guyyaa kaleessaa (Kibxata) magaalaa Abijaan keessatti Aab Gbagbo masaraa mootummaatti simachuun waliin mari'ataniiru.

"Siin walarguu kootti baayyeen gammade,'' jechuun Aab Gbagbotti himan pirezidaantichi.

Namoonni lameenuu gammachuudhaan wayita harka qabanii waldubbisan suuraan agarsiisuu akkaan qoodamaa ture.

Walga'iisaanii booda ibsa kan kennan Aab Ouattaran, hookkara ofduubatti dhiisnee bira dabarreerra jedhan.

"Yeroo ammaa Ayivoorii Koosti nagaa qofa barbaaddi,'' jedhan.

Aab Gbagbon gamasaaniin namoonni tibba waraanaa hidhaman akka hiikaman gaafatan.

Namoonni hedduun walga'iin kun nageenya biyyaaf fida jechuun baayyee abdatanis, dubbi himaan Gbagbo garuu waan guddaa akka hin eegne himan.

Aab Gbagbon bara 2011 Masaraa Mootummaa keessaa qabamanii ICC'tti dabarfaman.

Gameessi siyaasaa kun nama isaan dura pirezidaantii biyyattii turan Henri Konan Bédié waliin ta'uun paartii morkataa cimaa pirezidaant Ouattara'n falmu ijaaruuf akka jiran ibsaniiru.