Jovenel Moïse:Haayitiin erga pirezidaantishe ajjeefamee loltoota alaa gargaarsaaf gaafatte

Madda suuraa, Reuters
Haayitiin erga pirezidaantiinshee jalaa ajjeefamee bu'uuraalee misoomaa murteessoo akka eeganiifiif loltootni biyyoota alaa biyyasheetti akka ergaman gaafatte.
Mootummaan biyyattii gaaffii kana US fi UNtti kan erge yoo tahu, garuu Ameerikaan ''yeroo kanatti'' deeggarsa humna waraanaa gochuuf karoora akka hin qabne himte.
Poolisiin Haayitii humni hidhate 28 biyya alaa irraa galuun Roobii darbe pirezidaantii isaanii ajjeesan.
Magaalaa Haayitii Port-au Prince keessatti humna ajjeechaa raawwate jedhamuu fi loltoota mootummaa gidduutti dhukaasni erga banameen booda namootni 17 to'atamaniiru.
Akka Hayitiin jettetti, gar tokkeen isaanii miseensa humna waraanaa Kolombiyaa soorama bahanidha. Isaan mana keessa turan keessatti kaan ammoo mooraa waajjira dippilomasii Taayiwaan erga seenanii to'achuu hime poolisiin.
Shakkamtootni sadii poolisiidhaan kan ajjeefaman yoo tahu, kan biroo saddet ammoo ammayyuu barbaadamaa jiru. Ameerikaan loltoota erguufii battuullee, qorannoodhaaf FBI fi qondaalota nageenyaa dhimma biyya keessaa gara Haayitiitti akka ergitu Jimaata kaleessaa beeksifteetti.
Loltoota idil-adunyaa gara Haayittiiti erguuf Manni Maree nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akkaataa seera isaatti [UN] jalqaba murteessuu qaba.
Ajjeechaan pirezidaanti Jovenel Mo'is irratti raawwate Haayitii keessatti rifaatuu fideera. Haayitiin Ameerikaa Kibbaa keessaa biyya hiyyeettiidha. Labsiin yeroo muddamaa labsame akkuma jirutti tahee eenyutu biyyattii gaggeessa kan jedhu ifa miti.
Meeshaalee waraanaa fi maallaqa callaa
Shakkamtootni dhiigaan dhiqatanii fi mammadaa'an meeshaa qabatan waliin Kamisa darbe miidiyaan uummatatti agarsiifaman.
Ammayyuu haleellicha eenyu qindeesse kan jedhuufi kaayyoon isaa maali kan jedhu waan beekamu hin jiru.
Haleellichi Waxabajjii 5, yeroo namootni hidhatan mooraa mana jireenyaa pirezidaantichaa galan eegale. Isa rasaasaan dhahanii ajjeesuun haadha warraa pirezidaantichaa ammoo madeessan.
Pirezidaanti Mo'is manguddoon ganna 53, rasaasaan bakka 12 madaa'uun dugdaan kufee argame, akka qondaalonni jedhanitti.
Maartin Mo'is 47, haati warraa pirezidaantichaa akka malee miidhamuun yaaliif erga gara Filooriidaatti geeffamtee haala gaarii irra jirti.
Poolisiin akka jedhetti gareen ajjeechaa raawwate irra caalaan isaanii Kolmbiyaa irraa yoo tahan, lama ammoo dhalatoota Haayitii lamii Ameerikaa tahanidha.
Shakkamtoota irraas meeshaalee waraanaa, doolaara Ameerikaaa, ckeekii baanki pirezedaantichaafi serverii kaameeraa basaasaa mana jireenyaa pirezidaantichaa argamaniiru.
Taayiwaan shakkamtootni 11 mooraa dipilomaasii ishee seenan to'atamuu mirkaneesiteetti.
Lammiileen Haayitii haleellichatti aaran poolisii gargaaruun bakka namootni kunneen dhokatan barbaadaa turan. Warra bosona keessa dhokatanis qabsiisuuf poolisii deeggaraa turan.













