Obbo Jawaarfaa "murteen mana murtii kabajamaa hin jiru" jechuun dhaddacharraa hafan

Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaa
Ibsa waa'ee suuraa, Jawaar Mahaammad fi Baqqalaa Garbaa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda qabaman

Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee namootni afur "murteen mani murtii kennu kabajamaa hin jiru" jechuun dhaddacha har'aarraa hafan.

"Qaamni seera raawwachiisu hanga seera hin kabajnetti mana murtii hin dhiyaannu" jechuun himatamtoonni afur mana murtiitti iyyataniiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi shororkaafi yakkoota dhimmoota heeraa tokkoffaa himata Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 irratti akkaataa ragaaleen Abbaa Alangaa itti dhagahaman irratti iyyata Abbaan Alangaa fooyyessee dhiyeesseef deebii himatamtootaa dhagahuuf ture har'atti kan beellame.

Haata'u malee dhaddacha har'aa irratti Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaanafi Obbo Dajanee Xaafaa dabalatee himatamtootni 10 dhaddacha irratti hin dhiyaanne.

Galmee himataa kana keessaa namootni afur; Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaanafi Obbo Dajanee Xaafaa mana murtiitti dhiyaachuuf fedhii akka hinqabne iyyata mana sirreessaatiif erganiin himaniiru.

Himatamtoota afraniin alatti kunneen biroo maaliif dhaddacharraa akka hafan abbootii seeraatiin kan gaafataman bakka bu'aan mana sirreessaa Qaallittii, himatamtoonni kunneen biroos dhiyaachuu waan hin barbaadneef hafuusaanii himan.

Himatamtoonni kunneen Obbo Guutuu Mul'isaa, Arafaat Abubakar, gaazexeessaa Mallasa Dirribsaa, Shamsaddin Xahaa, Ajajaa 50 Kennee Duumechaafi Ajajaa 50 Daawit Abdataati.

Gama biraatiin Mastawaard Tamaam, Amaan Qaalluu, Alamaayyoo Galataa, Boonaa Tibilee, Ajajaa 50 Yaalamwarq Asaffaa, Saajin Olaanaa Geetuu Tarrafa, Ajajaa 10 Taammiraat Huseen, Saajin Olaanaa Bashir Huseen, Saajin Itti aanaa Sabbooqaa Qaaqoofi Boggaala Dirribsaa dhaddacha har'aa irratti dhiyaataniiru.

Iyyata Obbo Jawaar Mahaammadfaa maal jedha?

Sababa dhaddacha har'aa irraa hafanif ilaalchisee iyyata Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaanafi Obbo Dajanee Xaafaa ergan maal akka ta'e Abbootin Seeraa himaniiru.

''Iyyanni himatamtoonni afran dhiyeeffatan "murteen Manneen Murtii qaama seera raawwachiisuun kabajamaa hin jiru. Namootni mana murtiitiitin bilisa jedhaman deebi'anii hidhamaa jiru. Qaamni raawwachiistuu hanga seera hin kabajnetti mana murtiitti hin dhiyaannu," kan jedhu akka ta'e abbootiin seeraa galmicha of harkaa qaban dubbataniiru.

Abukaatoowwan himatamtootaa gama isaaniitin dhimma miseensa koree hojii raawwachiistuu kan ta'an Obbo Abdii Raggaasaa eeruun, murteen manneen murtii kennan qaamolee seera raawwachiisaniin hojiirra ooluu dhiisuun himatamtoota abdii kuchisiisuu kan danda'u ta'uu himan.

Kana malees sirnuma haqaa biyyattiif yaaddoo ta'uu dubbatan.

Haata'u malee maamiltoota isaanii waliin mari'achuun dhaddachatti akka dhiyaatan akka taasisaniif beellamni biraan akka kennamuuf gaafatan.

Abbootiin Alangaa gama isaaniitin himatamtootni "dhaddachatti hin dhiyaannu" jedhan poolisii mana sirreessaatin hidhamanii akka dhiyaatanif ajajni akka kennamuuf gaafatan.

Akka filannoo lammaffaattis yoo himatamtootni dhaddachatti dhiyaachuu hin barbaadne dhimmisaanii iddoo isaan hinjirretti akka ilaallamu mana murtii gaafatan.

Manni murtichaas yaada garee lamaanii erga dhaggeefatee booda himatamtootni ykn abukaatoonni isaanii iyyata abbaan alangaa ragagaaleensaa dhaddacha cufaafi golgaa duuba ta'un jecha akka kennanif fooyyessee dhiyeesserratti deebii qaban Waxabajjii 28 bara 2013 gama waajjira registiraaraa mana murtichaan akka dhiyeessan ajaje.

Kana malees himatamtoota afran iyyata dhiyeeffatanii dhaddacharraa hafaniin alatti kunneen biroon sababa maalin dhaddacha har'aa irraa akka hafan Manni Sirreessaa akka ibsufi beellama itti aanutti (Waxabajjii 29, 2013) akka isaan dhiyeessu ajajeera.

Himatamtootni hara'a iyyata dhiyeefatan afran (Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaanafi Obbo Dajanee Xaafaa) immoo maqaa isaaniitin ajajni isaan qaqqabee gaafa Waxabajjii 29 bara 2013 dhaddachatti akka dhiyaatanis manni murtichaa ajajeera.

Waa'ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa, namoota 24

Ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.

Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba Sanyii fi Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa namoota biyya keessa hin jirreefi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.

Jawaar Mahaammadiifi kanneen biroos ajjeechaa aartist Hacaaluu Hundeessaatiin walqabatee tibba hookkora umameen ture qabamuun hidhaman. Erga yeroo sanaatii kaasee dhimmisaanii mana murtiitti ilaalamu erga eegalee kunoo waggaa tokko ta'uuf jira.