Kanadaa lafa hortee buleeyyiitti waldaaleen Kaatoolikii baay'een gubatan

Madda suuraa, Toronto Star via Getty Images
Waldaan Kaatolikii dabalataa lama hawwaasa buleeyyii Lixa Kanaadaa keessatti Sanbata kaleessaa gubatan. Naannawa Biriitish Kolombiyaa keessatti abiddi waldaa St Aanii fi Chopakaa garaagarummaa sa'a tokkoo keessatti jalqabuun waldicha gube.
Ofiserootni akka jedhanitti gamoon waldaalee lameenii guutummaatti barbadaa'eera. Abiddicha ''shakkiitti'' ilaalaa jirra jedhan.
Wiixata darbes yeroo Kanaadaan guyyaa biyyaalessaa hawwaasa buleeyyii/ganamaa 'National Indigenous People's Day' jedhamu kabajju waldaaleen lama abiddaan gubataniiru.
''Balaa abiddaa darbeefi amma dhaqqabe lamaan irratti qorannoon gaggeeffamaa jira, namni kanaan to'atame garuu hin jiru,'' jedhe Sgt Jason Bayda,
Kun kan dhaqqabe reeffi namoota hedduu mana barumsaa duraanii Kanaadaa barattootni keessa jiraataa turan keessaa argamuu hordofeeti.
Manni barumsaa mootummaan deeggaraa ture kunneen jaarraa 19ffaa fi 20ffaa keessa manneetii amantaa kanneeniin gaggeeffamaa kan turan yoo tahu, kaayyoon isaa daraggoota hawwaasa buleeyyii keessaa tahan kaan waliin wal fudhachiisuuf [assimilating] ture.
Gareen hawwaasa buleeyyii kanaa ammayyuu akka biyyaalessaatti barbaachi reeffaa akka gaggeeffamu gaafataa jiru.
Dursaan Baandii Indiyaana Lower Similkameen, Keet Kiroow, CBCtti akka himetti ganamaan naaf bilbilamee waldaan Chopaak akka gubataa jiru natti himame jedhe.
Walakkaa sa'aatii booda yoon achi gahu gubateera jedhe.
''Nan aare,'' jedhe dursaan kun CBCtti yoo himu. ''Waan gaarii gochaa akkasii irraa argamu natti hin mul'atu, baay'ee ulfaataa taha.''
Akka jedhetti hawwaasichi baay'een isaanii miseensa waldaa Kaatolikiiti. Balaa abiddaa kanaan rifataniiru jedhe.
Ji'a Caamsaa keessa biyyattiin awwaalchi reeffa ijoollee 215 mana barumsaa Biriitish Kolombiyaa keessaa argamuu ifoomsite.
Mana barnootaa keessuma jiraachaa turan Kamloop Indiyaanaa jedhamu keessatti argame. Manni barumsichaa bulchiinsa waldaa Kaatolikii Roomaa jalatti bara 1890 banamuun bara 1978 ammoo cufame.
Kamisa darbe Kowesis- Biyya Jalqabaa akka ibsitetti, awwalcha namoota 751 mana barnootaa bultii duraanii Saskatchewan keessaa argame. Manni barnootaa Marival Indiyaanaa jedhamu kunis waldaa Kaatolikii Roomaan gaggeeffama ture.
Bara 1863 hanga 1998 gidduu ijoolleen hawwaasa buleeyyii 150,000 tahan maatii isaanii irraa fuudhamuun manneetii barnootaa kanneen Kanaadaa keessa jiran keessa akka galan taasifaman.
Bara 2008 keessa Komishiniin tokko hundaa'uun dhiibaa sirni akka ijoolleen hawwaasa buleeyyii Kanaadaa irraa fuudhaman hedduun maatii isaaniitti hin deebine godhe qoratamu tahe.
Komishinichi gabaasa bu'uura tahe yoo baasu, gochichi duguuggaa sanyii tahuu akka danda'u ibse. Mootummaan Kanaadaa ifatti gochaa kanaaf dhiifama gaafate.













