Waajjira MM Abiy Ahimad: 'Sagaleen 'dhoksaan waraabame' jedhamee gadhiifame 'sobaan kan qindaa'edha'

Madda suuraa, Getty Images fi PMO Ethiopia
Sagaleen Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadidha jedhamee gadhiifame kan ''sobaan qindaa'eedha,'' jechuun Waajjirri Ministira Muummee ibse.
Sagaleen Ministirri Muummee Abiy ''miliqee bahedha'' jedhamee miidiyaa onlaayinii Keelloo jedhamuun Wiixata galgala gadhiifame daqiiqaa lama kan dheeratu yoo ta'u, MM Abiy waggoota itti aananiif aangoorra akka turuu hedan akeeka.
Sagaleen kuni dhagahamee yeroo gabaabaatti ibsa kan baase waajjirri Ministira Muummee Abiy wanti ta'e kuni filannoo jala yeroo gahametti ''waldhibdee uumuuf kan kaayyeffatedha,'' jechuun himateera.
Wantoonni sagalee isaaniiti jedhame keessa MM Abiy wanti dubbatan jedhame kan kana dura ifatti waa'ee filannoo Itoophiyaa dubbataa turaniin faallaadha.
Sagaleen jedhame kuni yeroo Koreen Hojii raawwachiiftuu dhaabni biyya bulchu, Paartii Badhaadhinaa, torban darbe marii gaggeessetti kan waraabamedha jechuun hima miidiyaan gadhiise.
Ta'us, BBC'n deeggarsa teknolojiin sagaleen dhugaa ta'uu adda hin baasne. Dabalataan, kanneen walgahii sanarraa qooda fudhatan dubbisuun sagaleen jedhame dhugaa ta'u hin mirkaneessine.
Dhaabni biyya bulchus sagaleen gadhiifame ''kan walgahirraa fudhatame jecha tokkollee hin qabu'' jechuun balaaleeffate.
Sagaleen gadhiifame maal jedha?
Miidiyaan gara caalu sagalee qeeqxotaafi mormitoota MM Abiy Ahimad bal'inaan dhiheessuun beekamu Keelloo Miidiyaan sagaleen kuni ''dhoksaan waraabame'' jechuun ibse.
Miidiyaan kun ''karaa odeeffannoo miliqsaniin'' akka sagaleen kuni bira gahe himeera. Ta'us, wantoonni ifa hin taane jiru.
Walgahicharraa yoo waraabamee jiraate kanneen irratti hirmaatuu malan miseensota koree hojii raawwachiiftuu dhaabichaa itti gaafatama mootummaa olaanaa qabanidha.
Sagaleen jedhame kuni qondaaltota kanaan haa ta'u qaama biraan akka jedhame akka bahu godhamuu ifatti hin ibsamne. Dabalataan, walgahii akkanaa irratti bilbila fudhatanii galuun eeyyamamuun isaallee hin beekamu.
Miidiyichi sagalee kana gadhiisuu dura ''mootummaa waliin marii gaggeessuu'' hima. Qaamni mootummaa jedhame kuni kam akka ta'eefi dhimmi marii hin beekamne.
Gama kaaniin, Waajjirri Ministira Muummee sagaleen kan MM Abiy ta'uu himuus yoomiifi eessatti akka waraabameefi kam waliin akka walitti qindaa'e ammatti gadi fageenyaan hin ibsine.
''Akkuma beektan sababoota hedduun filannoon akka dheeratuf badhaadhinni fedhii qaba ture,'' jechuun sagalee gadhiifame keessa MM Abiy waggaa dura waan ture dubbataa akka jiran akeeka.
''Osoo koronaan hin dhufne ta'eefi filannoon adeemsifameera ta'ee maal akka uumamuu danda'u tilmaamuun nama dhiba.
''Ammammoo filannoo taasifamuu dhabuun deebisee haala turerraa waan hammaatu akka hin uumamne filannoo akka filmaata tokkotti fudhanna,'' jechuun inni dubbatan wanta dhihoo dubbatame ta'uu akka malu akeeka.

Madda suuraa, Abiy Ahmed/Twitter
Waggaa darbe filannoon biyyaalessaa sababa weerara koronaavaayirasiin akka achi darbu murteen mootummaan murteesse kan deeggaran akkuma turan paartileen mormituu mormanis turuu ni yaadatama.
Sagalee gadhiifame keessa humni polotikaa garaa garaa kan socho'u aangoo qabatuuf akka ta'e ibsuun, kaadiroonni dhaabichaa akka of eeggannoo taasisan yeroo MM Abiy dubbatan dhagahama.
Dogongora raawwatan guyyuu gamaaggamuun akka sirreessan yeroo gorsan dhagahama. ''Faawuliin (dogongorri xiqqoo) illee balaadha,'' jechuun dubbatan. Dogongorri kuni garuu dhimma maaliin akka walqabatu baruun nama dhiba.
''Wanti na sodaachisu filannoo kanaan aangoo qabachuuf namoonni siyaasaa, paartileefi miidiyaaleen morkatan kan tilmaamtan ol humnoonni hedduu dhihootis fagootis jiru.
''Hanga waggoota 10 dhufanitti eenyuyyuu mootummaa ta'uu hin danda'u. Nan du'a malee aangoo hin kennu. Tarkaanfiiwwan hedduu ni fudhatamu,'' jedha.
Mormii ummataan waggaa sadii dura aangootti kan dhufan Ministirri Muummee Abiy, filannoo dimookiraatawaa gaggeessuufi yoo mo'aman karaa nagaan akka aangoo kennan kana dura irra-deddeebiin dubbataa turan.
''Humni kanaaf qophaa'e hojii isaa eegaleera. Sababa kanaaf, walitti bu'iinsi, dhiiga lolaasuun olaanaa ta'e ni uumama.
''Haa ta'u malee, gamanumaa mirkana ta'ee kan isinitti himu shakkiis dhoksaas hin qabu filannicha mooneerra. Haala salphaan mo'anne.
''Hamma danda'ameen filannicha danqinee kanneen morkatan akka abdii kutatan gochuuf itti gaafatama olaanaa qabna.
''Qormaatawwan dabarsine waliin yoo ilaalamu kana galmaan gahuun baay'ee ulfaataa miti. Daandiin qofaa kuni akka rakkoo hin godhanneef itti gaafatama dachaa fudhannee osoo milkeessinee gaariidha jedheen yaada,'' jedha.
Dubbii MM Abiy yeroo taasisan kanneen harka rukutan akka jiran sagaleen ni dhagahama. Dabalataan, sagaleen waraqaa fakkaatuufi jalaa shokoksuus akkasuma.
Ta'us, deeggarsa teknolojiin sagaleen dhugaa ta'uu adda baasuun alatti BBC'n kanneen walgahii sanarraa qooda fudhatan dubbisuun sagaleen jedhame dhugaa ta'u hin mirkaneessine.
Waajjirri MM Abiy maal jedhe?
Waajjrri Ministira Muummee Abiy Ahimad haala kana dura baratamee hin beekneen sagaleen jedhame kuni gadhiifamee sa'aatii tokko osoo hin guutiin ibsa kan baase.
Ibsa fuula tiwiitaraa isaarratti baasen wanti walgahii Paartii Badhaadhinaarratti MM Abiy dubbatan jedhame ''sobadha'' jedheera.
''Waajjirri MM torban darbe walgahii Badhaadhinaa irratti MM'n jedhamee fakkeeffamee faayiliin sagalee gadhiifame sobaan kan qindaa'eefi MM yeroo garaa garaatti kan dubbatan kutuniifi walitti fiduun [kan hojjetame] ta'u, odeeffannoo sobaa ta'u ni mirkaneessa.''
Dabalataan, ''Bara odeeffannoo sobaa kanaaniifi filannoon dhihaachaa jirutti, lammiileen odeeffannoowwan walitti bu'iinsa uumuuf kaayyeffatan duulawwan dogongorsaa akkanaan akka hin gowwomne ni akeekkachiifna,'' jedheera.
Gama kaaniin, dhaabni biyya bulchu gamasaatiin deebii kenneen ''Kijiba kan ta'e, jecha walgahiirraa fudhatame tokkollee kan hin qabne,'' jechuun dubbii MM Abiy yeroo garaa garaatti kennan walitti fiduun qindaa'uu hime.
Itoophiyaan torban sadii booda filannoo biyyaalessaa jahaffaa sababa koronaavaayirasiin waggaa darberraa as darbe ni gaggeessiti.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Kello Media eenyudha?
Miidiyaan yeroo gabaabaa dura hundaa'e kuni buufanni isaa biyya Ameerikaa Magaalaa Waashingitan ta'uu fuula Fesbuukii isaarratti ibseera.
Miidiyaan kuni ''walaba'' jechuun of ibsa. Haa ta'u malee, deeggartoonni MM Abiy ''sagalee mormituuti'' jechuun ibsu.
Kana dura, viidiyoon nama ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaan shakkamee dhimma isaa manni murtii hordofaa jiru mana hidhaati dubbisuu isaa ibsuun dhiheessee ture.
Gaaffiifi deebicharra himatamaan jalqaba badii amanuu isaa jalqaba himameefi booda gaafa himannaan eegale 'hin ajjeefne' jedhe viidiyicha keessa ajjeechaa Hacaaluu keessa akka qooda hin qabne yoo dubbatu dhagahama.
Gama kaaniin immoo baatii Guraandhalaa keessa Abbaa Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo dubbise jechuun gaaffiifi deebiin miidiyichi gadhiise boodarra soba ta'eera.
Abbaa Gadaa Jiloon sagalee koo miti jechuun yeroos miidiyaatti bahanii dubbachuun isaanii ni yaadatama.
'Itti amannee baasne'
Kaayyoo sagaleen gadhiifame kanaa yoo ibsan kanneen sagalee walitti fidan jedhan humnoota keessaafi alaan mootummaafi ummanni ija shakkiin akka wal ilaalu barbaadanidha jechuun Dubbii Himaan Paartii Badhaadhinaa himataniiru.
Akka Dr Biqilaa Hurrisaa BBC'tti himanitti sagaleen kuni eessaa ciccitee akka walitti ida'ame ragaan agarsiisu ummataaf dhihaata. Miidiyaa sagaleetu na bira gahe jedheen faallaatti sagaleen kuni bakka tokko waraabame miti jechuun ibsaniiru.
Gama kaaniin, hoogganaan Keelloo Miidiyaa Kiyyaa sanyii sagalicha ''qaama mootummaa keessaa arganne,'' jedha. Sagaleen kuni 'dhugaa' ta'u isaa qulqulleeffachuuf yaaluu isaanii hima.
''Nuti gama keenyaan hanga danda'ametti odeeffannoon kuni qulqulluu ta'u isaafi sirrii ta'u isaa itti amannee baasne,'' jechuun BBC'tti hime.
Sagalee nutti ergame jedhan kana gama tekinolojiin qaamni qulqulleessuu barbaaduuf ''fuudhee qorachuu danda'a,'' jechuunis himu.
Yoo dogongora ta'u isaa bira gahame garuu dhiifama gaafachuf qophiidha jechuun BBC'tti hime.
Dr Biqilaan gama isaaniin kan sagalee kana walitti fide jedhan nama hojii isaa sirriitti hin beekne waan ta'ef ''hunduu sagalicha akkuma dhagahe hubachuu danda'a,'' jedhan.
Sagalee yeroo garaagaraatti MM Abiy dubbatan walitti fiduun hima fakkeessuuf yaalan kan jedhan Dr Biqilaan, sagalee kamirraa citee fuudhame isa jedhu adda baasuuf hojjetamaa jiraachuu himan.











