Komishinii Mirga Namoomaa : 'Naannoo Ummattoota kibbaa Ammaarroo fi Oromiyaa, Jimmaatti lammileen nagaa ajjeefaman'

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Ummattoota Kibbaa Aanaa addaa Ammaarroo fi Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaatti namoonni nagaa ajjeefamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa BBCtti hime.
Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaa, ganda Qacoo Kirikiraafi Gaallee keessatti haleellaa Ebla 23, 2021 raawwatameen lammiileen nagaa 20 ajjeefamuu hima komishinichi.
Akkasumas Naannoo Ummattoota Kibbaa Aanaa addaa Ammaarroo Ganda Daannootti haleellaa hidhattootaan raawwatameen lubbuun daa'ima tokko darbuu ibseera.
Haleellaa godina Jimmaa aanaa Limmuu Kosaatti qaqqabeef humnootiin nagaa bakkicha kan qaqqaban erga namoonni hedduun ajjeefamanii booda ta'ulleen, haleellaan biraa akka hin raawwatamne gochuu danda'aniiru jedhu komishinichatti Gorsaa Olaanaa kan ta'an Obbo Imaad Tunee.
Haata'u malee bakkee jedhame kanatti oggeessa bobbaasuun miidhaa qaqqabe mirkanneessuu akka hin dandeenye kan dubbatan Obbo Imaad, kan ajjeeffaman garuu dhalattoota saba tokkoo ta'uu himu.
Haaluma walfakkaatunis, Ittigaafatamaan Waajjira Nagaafi Tikaa Godina Ammaarroo, Obboo Eliyaas Yilmaa godinichatti Ebla 22, 2021tti daa'imni loon tiksaa ture ajjeefamuufi loon 70 ol fudhatamuu BBCtti himaniiru.
Haleellaa kanas kan raawwatan jiraattoota gandoota ollaati jechuun himatu.
Waggoota afur darbaniif Aanaa Ammaarroofi aanaalee ollaa waliin walitti bu'iinsi akka tureefi aanga'oonni aanaalee lamaanii rakkoolee jiran mariin furuun araara nagaa gaggeessanii turan jedhu.
Obbo Eliyaas akka jedhanitti, Ammaarrootti gandoonni 17 haleellaadhuma kana dura turaniin miidhamuufi gandoota lama keessatti jiraattoonni baqatanii jiru jedhu.
Waggoota darban afur keessattis namoonni nagaa 150 ajjeeffamanii kanneen 158 ta'an ammoo miidhamuu dubbatu Obbo Elias.
Gama biraatiin ammoo haleellaa hidhattootaan godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaatti raawwatameef mootummaa ABO Shaneedha isa jedhuuf nuti qaama walabaa irra adda hin baafanne jedha komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa.
''Haata'u malee, enyuus ta'e eenyu namni nagaa tokkoolleen ajjeefamu hin qabaatu'' kan jedhan Obbo Imaad, haleellichi kan raawwatame lammiilee saba tokko qofaa irratti ta'uu ragaan akka mul'isu dubbatu.
Haleellaan walfakkaatu kana dura Aanaa Limmuu Kossaatti raawwatamuuf ragaa akka hin qabne kan himan qondaalli komishinichaa, haata'u malee godina Jimmaa gara biraa keessa humnootiin hidhatan socho'aa jiraachuu torban dura odeeffannoon isaan ga'uun ragaa akka qaban ibsu.
Komishiniin Miga Namoomaa Itoophiyaa haleellaawwan walfakkaatan, kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti miidhaa qaamaafi qabeenyaa qaqqabsiisaa jiraachuu eere.
Haata'u malee yeroo dhihoon asittis haleellaawwan raawwataman itti caalu malee yoo hir'atan hinmul'annee falliisaa mal ta'u gabaata? Jedhamuun kan gaafataman Obbo Imaad, ''motummaan haala rakkoolee kana dura ittiin furaa tureen haala adda ta'een furuuf yaalu qabaata,'' jedhan.















