UN lubbuun jiraachuu intala mootii Latiifaa akka mirkaneessitu UAE gaafate

Itala miitii Dubaay, Latiifaa

Madda suuraa, ልዕልት ላቲፋ

Ibsa waa'ee suuraa, Itala mootii Dubaay, Latiifaa

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ragaa qabatamaa lubbuun jiraachuu Intala bulchaa Dubaay, Latiifaa Al-Maaktum, agarsiisu gaafate.

UN ragaa lubbuun jiraachuushee akka dhiyeessuuf mootummaa UAE (Yunaayitid Arab Emireetis) gaafate.

Ogeessonni mirgoota namoomaa UN Kibxata darbe ibsa Jenevaatti kennaniin, Latiifaan "atattamaan" gadhiifamuu qabdis jedhaniiru.

Intalli mootii Latiifaan bara 2018 keessa Dubaay dhiistee baqachuuf yaaltee turte. Akka viidiyoon BBC Panaaroomaa ifa baasetti komaandoowwan qorichaan adoochanii akka gara mana hidhaa ishee geessan dubbatteetti.

Kanaan dura maatiin mootii Dubaay, Latiifaan haala nageenyaa gaarii keessa jirti jechuun, "mana keessatti kunuunsi taasifamaafii jira," jedhanii turan.

Ogeessonni mirgoota namoomaa UN ibsa Kibxata kennan kanaan, mootummaan UAE hiree Latiifaa ilaalchisee, "osoo hin turiin odeeffannoo qabatamaa akka kennuuf," waamicha dhiyeessaniiru.

"Gareen walabaa haala itti hidhamte akka qulqulleessuufi saffisaan hidhaarraa akka gadhiifamtuuf," gaafataniiru.

"Ibsi aanga'oota Emiretsiin 'mana keessatti kunuunsi taasifamaaf jiraachuu' agarsiisu qofti gahaa miti," jedha ibsi baasan kun.

"Ji'a Guraandhala Latiifaan fedhiisheetiin ala bilisummaashee dhorkamtee akka jirtu viidiyoo agarsiisu hordofee odeeffannoon dabalataa akka kennamuuf gaafatamullee aanga'oonni kunneen odeeffannoon dabalataa hin kennamneef," jedheera.

Akka viidiyoo BBC Panorama'n agarsiisetti Latiifaan haala gargaarsa fayyaa hin arganne keessatti, "viillaa gara mana hidhaatti jijjiirame" keessatti ugguramtee akka jirtu himteetti.

Abbaan Latiifaa Sheek Mohaammad Biin Rashiid al-Maaktuum bulchaa Dubaay, akkasumas Pirezedantii Ittaanaa UAE yoo ta'an, gaggeessitoota baayyee dureeyyii addunyaa kanaa keessaa tokkodha.

Waa'ee intala mootii Dubaay, Latiifaa, maal beekna?

Latiifaan Guraandhala 2018 jireenya haaraa jalqabuudhaaf gargaarsa hiriyyootasheetiin Dubaay keessaa miliquudhaaf akka yaalte dubbatti.

Viidiyoo miliquusheetiin guyyaa muraasa dura waraabame, "konkolaataa akkan konkolaachisu anaaf hin hayyamamne, Dubaay keessa deemuus ta'e ba'uudhaa gonkumaa anaaf hin hayyamamne," jettee turte.

Guyyoota muraasaan booda intalli mootii kun osoo UAE keessaa miliquudhaaf yaalaa jirtuu Garba Indiyaarra bidiruun osoo imalaa jirtuu, komaandoowwaniin ture qabame kan jette. Battalumattis gara Dubaayitti akka ishee deebisan himti.

Abbaan ishee ammoo wanta ishee fayyadan gochaa jira jechuun dubbatanii ture. Ibsa ji'a darbe maatii mootii Dubaay kenneen, mana keessatti kunuunsi akka taasifamaafiif jiru himameera.

"Erga qabamtee waggaa tokkoo booda bilbila dhoksaatiin isheef akka kennametti himamuun akka dubbattetti, Latiifaan ji'oota baayyeetiif viidiyoo waraabdee gadi dhiifteetti.

Intalli mootii Dubaay kun bakka itti isheen dhokachuufi seentee cufachuu dandeessu mana fincaanii qofa waan ta'eef viidiyoowwan dhoksaatti waraabde achi keessatti akka ta'e dubbatti.

Viidiyoowwan waraabdee gadi dhiisteenis ergaawwan itti aanan kana dabarsiteetti:

  • Osoo miliquuf yaaltuu bidiruu sanarraa yeroo ishee buusan mormuudhaan, "dhiittee wallaansoo qabuudhaan" komaandoo Emireetotaa tokko irree keessa ciniinuudhaan iyyisiifteetti.
  • Erga tasgabboofteen booda ammoo gara jeettii dhuunfaatti deemaa wayita jirtu of wallaaltee kan turte yoo ta'u, hanga Dubaay geessutti of hin barre.
  • Viillaa foddaafi karri isaa cufameefi poolisootaan eegamu keessatti wallaansa fayyaafi deeggarsa seeraa tokko malee qofaatti hidhamtee jirti.