Miseensonni TPLF hidhaa jiran 'himannaan nurratti dhiyaate kan siiyaasaati' jedhan

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA
Magaalaa Finfineetti hiidhaa kan jiran hoggantoonni oolanoo duraanii TPLF himannaan irratti dhiyaate kan siiyasaati jechuun akka amanan himan.
Hidhamtoonni kun kana kan dubbatan haala qabiinsa hidhaa isaanii irratti yeroo Komishinii Mirga Namooma Itoophiyaa irraa Obbo Daani’eel Baqqalaa (Dr) fi oggeessonni komishinichaa isaan dawwatanittidha.
Komishinichi Sanbata darbe Bitootessa 27/2013 kan daawwate Abrahaam Tekastee (Dr), Ambaasaaddar Abbaay Wolduu, Obbo Sibihaat Naggaa, Ambaassaadar Abbaadii Zamuu, Obbo Teewdiroos Hagoos, Salomoon Kidaanee (Dr) , Addisalem Balemaa(Dr), Aadde Keeriyaa Ibraahiim, Aadde Muluu Gabra Igzaaber fi Aaddee Qudusaan Naggaa dabalatee hidhamtoota 21 dha.
Namoota hidhamaniifi hoggantoota poolisii waliin marii taasisuu isaa kan ibse komishinichi ibsa baase irratti “hidhamtoonni harki caalaan himannaan irratti dhiyaate kan siyaasa ta’uu akka amanan, wanti isaan ittiin shakkaman akka ifatti hin dhiyaannee fi adeemsi qorannoo ariitiin adeema akka hin jirre komii qaban dhiyeessaniiru,” jedha.
Komishiinichi akka jedhutti hidhamtoonni kun haala fayyaa gaarii keessa kan jiran yoo ta’u, akkataan qabiinsaa isaanii fudhatamaa ta’uufi dhiisuu isaa irratti hidhamtoonni kunneen gara mana hidhaa federaalaa erga dhufanii as “hidhaan sirna hin qabne akka hin jirree fi poolisootni hojii isaanii seeraan akka hojjatan,” nuuf ibsaniiru jedhan.
Dabalataanis, taajaajila wal’aansa fayyaa hanga danda’ametti argachaa akka jiran, maatii isaani waliin wal argaa akka jiraaniifi abukaatoota isaani waliinis wal argaa akka jiran himuu isaani komishinichi ibsa baasee irratti ibseera.
Haala bulchiinsaa irratti hidhamtoonni kunneen yeroo isaan abukaatoota isaani waliin mari’tan gabaabbachuufi maatii hiidhamtoota tokko tokko jalaa ammo herregi baankii isaanii waan dhorkameef maatileen isaanii rakkachaa jiraachuu himaniiru jedhan.
Hidhamtoonni kunneen haala amma keessa jiraniin alatti wantoota nu mudateera jedhan irratti komii isaanii miseensota komiishinichaaf ibsuu isaani himeera.
Isaan keessaas “erga hidhamanii yeroo dheeraaf mana murtiitti utuu hin dhiyaatiin turu, magaalaa Maqalee irraa baqatanii yeroo deemanitti arrabsoon, reebichii, dorsisii fi dhukaasi akka ture akkasumas miidhaan qaamaa akka irra ga’e,” ibsaniiru jedha.
Dabalataanis hidhamanii yeroo gara Finfinnee dhufan “bilisaan ilaalamuu isaani akkataa sarbameen miidiyaa irratti dhiyaachuu fi qaaneffamuun akka ture,” himuun komii isaanii hidhattooti dhiyeessan jiraachuu komishinichi ibseera.
Komishinichi haalli qabiinsa hidhamtooti kun amma keessa jiran sadarkaa sirrii irraa akka jiru mirkaneessuu isaafi dhimmoota bulchiinsa irratti komii hidhamtoonni dhiyeessan irratti hoggantoota mana hidhichaa waliin mari'achuu isaa himeera.
Hoggantoonni duraanii TPLF Finfiinnee mana hidhaa wajjira qorannoo Komishiini Poolisii Federaalaatti argamu keessa hiidha jiran, haala isaan keessa jiran Komiishinar Daani’eel Baqqalaa (Dr) erga daawwatanii booda shakkamtoota kanarratti “qorannoon gaggeeffamu ariitiin akka xumuramu, haala seerri eeyyamuun hidhamtoonni mirga wabiin gadhiifamuu danda’an adda baasuun barbaachisaadha,” jechuun himuu isaanii ibsaniiru.
Halkan Bitootessa 24/2013 humnoonni TPLF buufata Kaabaa irratti haleella geessisuu isaaniin booda naannoo Tigiraayiin bulchaan kan ture TPLF aangoorraa bufamuun isaa ni yaadatama.
Waldhabdee naannoo Tigraayitti uumameen walqabatee poolisiin federaalaa fi abbaan alangaa federaalaa hoggantoota waraanaa fi siyaasaa TPLF irratti ajaja hidhaa dabarsuu isaa ibsee ture.
Hidhaa kanaaf himannaa irratti dhiiyaatan keessaa TPLF’n olaantummaan dursuun, buufata waraanaa Izzii Kaabaa irratti haleellaa geessisuu, yakka biyya ganuu, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi poolisii akka ugguruman taasisaniiru shakkii jedhu ta’uu ibsamee ture.













