Motummaan yeroo Liibiyaa biyya qoodamte ni tokkoomsa jedhame hundeeffame

Madda suuraa, Reuters
Fooramii Motummoota Gamtoomanii kan miseensoonni gareewwan adda addaa bakka bu'uun irratti argamaniirratti guyyoota sadiif erga Jeeneeviitti marii taasisaniin booda, gumii pirezidaantii miseensoota sadii fi ministira Mummee qabu hundeessuuf waliigalteerra gahan.
Waliigalteen kunis waliigaltee dhukaasa dhaabuu bara darbee taasifameetti dabalamuun nageenya biyyattiif oduu gaariidha jedhameera.
Erga Mu'aammar Gaadaafii kan waggoota dheeraaf Liibiyaa gaggeessan bara 2011tti humnootii Nato'n deeggarameen aangoorraa buufamuun ajjeefamanii booda biyyattii wal waraana keessa turte.
Ardii Afriikaa keessaa kuusaa boba'aa olaanaa kan qabduu Liibiyaan, milishoota fedhiiwwan garaa garaa qabachuun hundeeffamaniin jeeqamaa turte.
Biyyattiin godaantoota gahumsa isaanii Awuroppaa taasifataniifis lafa ce'umsaa ta'un tajaajilaa turte.
Haala waliigaltee dhiyeenya Jeeneeviitti taasifameetti Ambaasadaarri Liibiyaa biyya Giriik duraanii Mohaammad Yuniis Meenfii itti gaafatamaa mana maree pirezidaantii ta'u.
Hojii daldalaatiin beekamoo kan ta'an Abdul Haamiid Mohaammad ammoo Ministira Mummee motummaa ce'umsaa ta'un filatamaniiru.
Gaheen ittigaafatamtoota siyaasaa kanneen miseensoota mana maree motummaa ce'umsaa kanaatis, filannoo bara 2021tti gaggeefamuu raawwachiisuufi motummaa ummataan filatamuutti aangoo dabarsuudha.
Ergamaan addaa motummoota gamtoomanii Isteefanii Wiiliiyaamsi, ministirri mummee haaraan kaabineewwan isaanii hundeessuun gareewwan siyaasaa adda addaatiin raggasiisuuf guyyoota 21 qabu jedhan.
Erga hokkoora filannoo bara 2014tti gaggeeffameetiin booda humnootii gurguddoon lama biyyattii jeeqaa turan.
Waraanni Janaraal Kaaliif Haaftaar kan motummoota adda addaatiin deegaramus bal'iina baha Liibiyaa to'ateera. Motummaan motummoota gamtomaniin beekamtiin kennameef ammoo magaalaa guddoo biyyattii Tiriippoolii to'achuun bulchaa jira.
Humnootii lamaanu biyyoota gara biraatiin deegaramu. Humnootii kanneen lamaaniin alattis gareewwan milisootaa hedduun gaaffiiwwan garaagaraa qaban Liibiyaa nagaa dhabsiisaa turan.
Biyyootii adda durummaan Janaraa Haaftaariin deeggaran keessaa Gamtaa Araba Imireetsi, Masriifi Raashiyaan ni eeramu.
Gamtaan Araba Imreetsi Janaraal Haaftaariif deeggarsa meeshaa waraanaa gochuusaa gabaasni motummoota gamtoomanii saaxileera.
Raashiyaan gama isheetiin loltoota Janaraalicha waliin waraanaan gara Liibiyaatti ergite jedhamuun hamatamti.
Gama biraatiin ammoo motummaan UNniin beekamtii qabu kan deegaraa jirtu Tarkiidha. Ankaaraan ifatti loltoota ishee gara Tiriippooliitti erguun Liibiyaatti garaa garummaa cimaa uumuu dandeessee jirti.
Kanaan boodas Liibiyaafi hawaasni idil-addunyaa lamaanuu deeggarsa barbaachuurraa afuura galfachuun kan itti aanee dhufu eeggatu ta'a.













