Namoonni sababa huccuu keelloon hidhaman wabiin akka ba’an murtaa’e

Madda suuraa, WaBII BURQAA
Gaazexeessituu Masarat Dhaabaa dabalatee namoonni yeroo darbe sababa uffata keelloo uffatanii dhaddacha hordofuuf dhufaniif hidhaman hundi wabiidhaan akka bahan murtaa’e.
Abukaatoowwan Obbo Jawaar Mohaammad fa’a keessaa tokko kan tahan Obbo Kadir Bulloo, Roobii darbe beellama mana murtii Obbo Jawaar Mohaammad fi namoota kaaan galmee isaanii jalatti himatamanii hordofuuf dhufanii kanneen hidhaman turtii guyyoota 4 booda akka bahan murtaa’eera jedhan.
Magaala Finfinneetti manni murtii jalqabaa Lidataa namoonni kunneen tokkoon tokkoon isaanii wabii birrii 700 hanga 1000tini akka bahan kan murteesse.
Uffata keelloo fi dhaddacha darbe
Uffata hidhamtoonni siyaasaa uffatan fakkaatu uffannee isaan cinaa dhaabbachuu keenya mul'isna jechuun tibba darbe namooni sosochii Haalluu Keelloo irratti hirmaachuun miidiyaa hawaasummaarratti duula gaggeessaa turan.
Namoota duula kana keessatti adda durummaan hirmaataa turan keessaa tokko kan taate gaazexeessituu Masarat Dhaabaa beellama Obbo Jawaar Mohaammadfaa lamaan darbe irratti uffannaa haalluu keelloo qabu uffachuun dhaddacha irratti hirmaatteetti.
Beellama darberratti garuu Masarat dabalatee namoonni uffata halluu keelloo uffatanii dhaddacharratti hirmaatan heddumminaan hidhamaniiru.
Kaan ammoo dhaddacha akka hin seenne dhorkamaniiru.
Gochi kun daran kan isaan mufachiise ta’uu himatamtoonni dhaddacharratti kaasanii dubbatan.
Dhimma kanarratti kan dubbatan Obbo Jawaar Mohaammad, dhaddachi kuni bakka banaa ta'etti maatiin keenyaa fi namoonnni biroo sababa adda addaatin alatti dhorkamuun sirrii miti jedhan.
Jawaar Mahammad dabalatee hogganoonni olaanoo paartilee Oromoo KFO fi ABO hedduun ajjeechaa aartiisti Hacaaluu Hundeessaa hordofee hokkora magaalaa finfinnee fi naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti umamee turen walqabatee ture kan to'annoo jala oolfaman.
Hedduu isaaniirratti himati shororkeessummaa fi uummata jidduutti walitti bu'iinsa kakaasu jedhu irratti banamee dhimmi isaanii mana murtiin ilaalamaa jira.
Hidhmtoonni kunneen garuu yakka waan raawwataniif osoo hin taane filannoo irrati akka hin hirmaanneefi ilaalcha siyaasaa isaaniin akka hidhaman irra deddeebiin mana murtiitti dubbataa turan.
Paartileen lamaanis ibsa yeroo gara garaa baasaa turaniin hogganooti isaanii olaanoon mana hidhaa osoo jiranii akkasumas waajjiraaleen isaanii cufamanii bakka jiranitti filannoo dhufu irratti hirmaachuuf akka rakkatan himaa turan.
Mootummaan garuu namni sababa miseensa paartii siyaasaa ta'eef ykn ilaalcha siyaasaa isaatiif jecha hidhame hin jiru jechuun waakkata.














