Gaazexeessaan TV Tigraay 'haala hin beekamneen' Maqalee keessatti ajjeeffamee argame

Gaazexeessaan TV Tigraay irra hojjataa ture Daawiit Kabbadee magaalaa Maqalee keessatti ajjeefamee argamuu waahillan isaa BBC'tti himan.
Gaazexessitoonni biroo TV Tigraay keessa hojjatan BBCtti akka himaniitti, gaazexeessaa Daawiit Kabbade Araayaa dhiheenya Maqalee bakka Adii Haawsi jedhamutti nama biraa waliin konkolaataa keessatti ajjeefamanii argaman.
Reeffi isaanii kan argame Roobii Amajjii 20 ganama yoo ta'u, yoom akka ajjeefaman adda hin baafamne.
Reeffa Daawiit fa'i kan kaasan hojjattoonni Fannoo Diimaa waa'ee du'a isaa hiriyoota isaa TV Tigraay keessa waliin hojjetaa turanitti himan.
Waajjirra nageenyaa naannichaa kan bulchiinsa yeroo Tigraayiin hundeeffame kan hogganan Obbo Waaltaa Haaregoot, waa'ee taatee kanaa hanga ammaatti odeeffannoon qaban homtu akka hin jirre BBC'tti himan.
BBCn dhimma kanarratti aanga'oota naannichaa biroo irraa odeeffannoo hin arganne.
Nageenya isaaf jecha maqaansaa akka hin eeramne kan gaafate hiriyaan Daawiit tokko namoonni ajjeefamanii argaman kunneen lamaanu rasaasaan du'u BBC'tti hime.
Haa ta'u malee odeeffanoon kunis qoondaaltota nageenyaa naannichaatiin hin mirkanoofne.
Namni gaazexessaa Daawiit waliin ajjeefameera jedhame kan biraas, obboleessa gaazexeessaa biraa TV Tigraay kan ture.
Hojii akka eegalaniif waamamuu
Erga humnootiin federaalaa Magaalaa maqalee to'ataniin booda, dhaabbanni TV Tigraay tamsaasa akka eegalu kan taasifame yoo ta'u, hojjattoonni bakka hojiisaaniitti akka deebii'aniif waamamanii ture.
Waamicha kana hordofuun hojiitti kan deebi'e Daawiit, akkuma hojiitti deebi'een guyyoota muraasaaf hidhamee ture jedhu waahillan isaa.
Ajjeefamuun isaa kan dhagaahame erga mana hidhaatii bahee guyyoota sadiin booda ture jedhu.
Daawiit hidhamee akka turee fi sababa maaliin akka hidhame aanga'oota naannichaa irraa mirkaneeffachuun hin danda'amne.
Magaalaan Maqalee Sadaasa 28 irraa kaasee to'annoo humnootii federaalaa jalatti argamti. Halkan sochiin namootaa sa'aatiin kan daangeffamedha.
Daawiit Kabbade Arayaa enyuu?
Daawiit osoo Tigraay TVtti hin mindeeffamiin dura, waggoota hedduuf TV biyyaalessaa ETV irraa magaalaa Finfinnee keessatti hojjateera.
Erga ETV gadhiisee baheen boodas, waggoota heedduuf barruu mataasaa Afaan Tigriffaatiin qopheessaa tureerra.
Boodarras damee Tigraay TV kan Magaalaa Finfinneetti argamuutti mindeeffamuun, hanga bara darbe cufamuutti hojjataa ture.
Isaan boodas gara Wajjiira muummee Tigraay TV jiru Maqaleetti darbe.
Namoonni ajjeefaman kunneen lamaanuu Magaalaa Maqalee Bataskaan Abuna Aregawii jedhamuutti sirni awwalcha isaanii raawwatameera.
Lolli naannoo Tigraay xumuramuu mootummaan erga labsee baatii tokko booda, naannichi guutummaan nagaatti hin deebine.
Sababa lola darbee darbee naanicha keessatti mul'atuun deeggarsa namoomaa gahaa naannicha qaqqabsiisuu dadhabuu UN dabalatee dhaabbileen gargaarsaa himaa jiru.
Sababa kanaanis hanqinni nyaataa uumamee namoonni dhibboota hedduun lakkaa'aman beelaaf saaxilamuu malu jedhu.
Mootummaan garuu deeggarsa barbaachisu lammilee achi jiran dhaqqabsiisaan jira jedha.















