Tiraamp guyyaa isa dhumaa, Baayidan ammoo guyyaa isa jalqabaatti maal godhu?

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Filannoo Pireezidantummaa US Sadaasa darbe gaggeeffame hordofee pireezidantii haaraa biyyattii ta'uun kan mirkanaa'eef Joo Baayidan, guyyaa Roobii kakuu galuun pireezidantii 46'ffaa biyyattii ta'uuf sa'aatiiwwantu hafa.

Turtiin isaanii Waayit Haawus taateewwan hin eegamiiniifi yaadota falmisiisoo hedduun guutame Doonaald Tiraampis gama isaaniin guyyaa xumuraa isaaniitti waan ijoo raawwatantu jira.

Haata'u malee hokkora 'Capitol' du'a namoota shaniif sababa ta'e hordofee hokkorri walfakkaataan meeshaa waraanaan deeggarame isteetota US hedduu keessatti ka'uu mala yaaddoo jedhuun loltootni 25,000 ta'an bobbaafamaniiru.

Wantoota guyyaa isa xumuraa aangoo isaaniitti ni raawwatu jedhame keessaa tokko, dhorkaa imalaa biyyoota Awrooppaa fi Biraazil irraa gara US'tti godhamu irratti kaahamee ture kaasuudha.

Haata'u malee bulchiinsi haaraan Baayidan ejjennoo jabaa to'annoo Covid 19 irratti qaburraa kan ka'e murteewwan dhumaa Tiraamp keessaa tokko kan ta'e dhorkaa imalaa kaasuu kana dura dhaabbachuutti jira.

Tiraamp Roobii ganamaan Waayit Haawusiin gadhiisanii kan bahan akka ta'eefii Joo Baayidan ammoo guyyichuma walakkeessa guyyaatti masaraa mootummaa US'tti akka galan himamaa jira.

Sirna walharkaa fuudhinsa aangoo Roobii boruu raawwatamu dursee sababa hokkora deeggartoota Tiraampiin dhalateen eegumsi nageenyaa magaalaa Waashingitan DC keessa jiru akkaan jabaateera. Loltootni 'National Guard' hedduun magaalittii keessatti ni mul'atu.

Joo Baayidaniifi haati warraan isaanii Jiil guyyaa har'aa bakka jireenyaa isaanii Wiilmingiton Delawaare irraa gara Waashingitanitti ni imalu jedhamees eegama.

Wantootni Tiraamp guyyaa dhumaatti raawwatan maali?

Haleellaa Kaappitol booda Tiwiitararraa kan ugguraman Doonaald Tiraamp kanaan dura haala hin baratamneen callisaniiru. Wanta guyyaa Kibxataa kana raawwatan ilaalchisees odeeffannoowwan hedduun hin jiran.

Ibsi Waayit Haawusii bahe tokko ''pireezidant Tiraamp ganamaa hanga galgalaatti ni hojjetu. Haasaawwan bilbilaafi mariiwwan hedduu godhu,'' jedheera.

Walharkaa fuudhinsa aangoo Pireezidantiin kana dura akka baratametti yoo ta'e, pireezidantiin aangoo gadhiisu guyyaa isa dhumaatti pireezidantii haaraa Waayit Haawusitti simatee haasa'a.

Haata'u malee Tiraamp sirna baratamaa kana Joo Baayidaniif akka hin qopheessine beekameera.

Meliniyaafi Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Filannoo Sadaasa darbeen injifatamuu isaanii tole jedhanii kan hin fudhanne Tiraamp, uggura imalaa akka ka'u murteessuuf jedhaniin alattis ofii isaanii dabalatee namoota 100 ta'aniif dhiifama akka godhan eegama.

Miidiyaaleen US akka gabaasaa jiranitti yoo ta'e Pireezidantichi aangoo isaaniitti fayyadamuun, namoota yakka raawwattaniif dhiifama gochuu malu. Kunimmoo haleellaa Kaapitaaliin walqabatee himata isaan irrattis dhiyaatuuf dhiifama gochuu dabalata jedhamee shakkama.

Namoota dhiifamni godhamuufi danda'a jedhamee maqaan isaanii tarreeffame keessa Edwaard Isnoowden, Juuliyaan Assaanji fi gorsaan bulchiinsa Tiraamp duraanii Isteefen Bannoon ni argamu.

Tiraamp ofiif dhiifama gochuuf yaada qabaachuufi dhiisuun isaani amallee ifa miti.

Tiraamp kana duras namoota siyaasaa isaanitti dhiyaataniif dhiifama kan godhan ta'uus pireezidantoota isaan dura turaniin yoo wal bira qabuun yoo ilaalamu Tiraamp namoota muraasaaf dhiifama godhan.

Sirni kakuu alanaa maal fakkaata?

Sirni kakuu alanaa kun kanneen kanaan dura turan hin fakkaatu. Akka durii namootni kumoota hedduun lakkaawwaman Kaapitaal Hiil fuula duratti walitti hin qabaman. Sababni isaa ammoo Covid.

Loltootni biyyaalessaa 25,000 guutuu biyyaatti nageenya eeguuf duulaniiru.

Tiraamp waggoota 150 keessatti pireezidantii jalqabaa sirna kakuu pireezidantii itti aanuu irratti hin argamne ta'aniiru.

Yaaddoo guddaan dhalatee waan jiruuf, loltootni biyyaalessaallee FBI'n qoratamaa jiru.

Alaabaan US 200,000 ta'u bakka dur uummatni kumoota hedduu ta'u dhaabatee sirna kana itti hordofu National Mall'itti dhaabamaniiru.

Alaabaan hangi kun bakka namoota osoo akka duriitii argaman kan bakka bu'u yoo ta'u, achumaanis namoota kumoota hedduun lakkaawwaman kan Covid-19'n lubbuu dhaban yaadachuufis oola.

Alaabaa Kaapitaal dura dhaabaman

Madda suuraa, Reuters

Sirna kana irratti walaloon ni dubbifama. Leedii Gaagaan faaruu biyyaalessaa ni faarsiti. Jenifeer Loppeez ammoo weelluu dhiyeessiti.

Toom Haankis waltajjii Roobii galgala qophaaye yeroo gaggeessu, Jastiin Tiimberleekiifi Boon Jooviis waltajjicha miidhagsu.

Tiraamp Roobii ganamaan 'Air Force One' koruun gara Filooridaa godaanuu jedhamee eegama.

Baayidan guyyoota jalqabaa Waayit Haawusi galanitti maal godhu?

Kibxata har'aa 'Lincoln Memorial' irraa Covid -19 ilaalchisuun ibsa kennuuf karoora qabataniiru.

Baayidan amma dura ibsanii akkuma ture Waayit Haawus akkuma galaniin wantoota jijjiiran keessaa imaammatootni Tiraamp raggaasan muraasni jiru.

Dhorkaa imalaa biyyoota harki hedduun lammiilee isaanii Musliima ta'aniirra kaahamee ture kaasuufi waliigaltee dhimma jijjiirama qilleensaa Paaris Tiraamp US'n keessaa baasanitti deebi'uun isaan jalqabaati.

Baayidan daangaa US-Meeksikootti maatii gargar bahe walitti makuu, akkasumas Maaskii uffachuu dirqama gochuurrattis ajaja dabarsu jedhamee yaadama.

Wiixata kaleessaa pireezidantiin Meeksikoo Andrees Maanu'eel Lopeez Obraadoor US imaammata godaantotaa irratti qabdu akka foyyeesitu waamicha dhiyeessaniiru.

Bulchiinsi Baayidan garuu baqattoota ragaa malee US keessa jiraniif dursa akka kennuufi kanneen ammallee gara US godaanuutti Guwaatimaalaatti danqaman ammatti xiyyeefannoo isaa akka hin taane ibseera.

Baayidan sagantaa ijaarsa bo'oo daddabarsa boba'aa Kaanaadaa irraa ka'ee hanga Nebraaskaa km 1,900 dheeratuu guyyoota jalqabaa Waayiti Haawusiin akka haqan ibsameera.

Kakuu galuun booda Baayidan haasaa taasisaniin tokkummaa jabeessuufi ittisa Covid-19 irratti waamicha dhiyeessuurratti xiyyeeffata jedhamee eegama.

Itti aansuunis himannaan Tiraampirratti eegalame akkamiin akka itti fufu ilaallata.

Tiraamp seeneetii dura dhaabbachuun si'a lammataaf himatamuuf kan jiru ta'us guyyaan kun itti ta'u adda hin baane.