Al-Qaa'idaa: Ministirri Dhimma Alaa US Iraan 'buufata haaraa' al-Qaa'idaati jedhan

1px transparent line

Ministirri Dhimma Alaa US Maayik Poompewoon, Iraan neetiwoorkii Jihaaddistootaa kan ta'e al-Qaa'idaan akka "da'oo haaraa'' achitti ijaarratan hayyamteetti jechuun ifatti mootummaa biyyattii himatan.

''Faallaa Afgaanistaan keessatti kan yeroo al-Qaa'idaan gaarreen keessatti dhokatu sanaa, har'a garuu eegumsa cimaa bulchiinsa Iraan jalattii socha'aa jira,'' jechuun 'the National Press Club'tti himan.

Poompewoon himannaa isaanii kanaaf ragaa qabatamaan dhiyeessan garuu hin turre.

Ministirri Haajaa Alaa Iraan Mohaammad Jaavaad Zaariif ''soba lola barbaachaati'' jedhaniiru.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

1px transparent line

Sadaasa darbe, Iraan gabaasa ajajaan al-Qaa'idaa lammaffaa kan ta'an Abdullaah Ahmad Abdullaah ykn Abu Muhaammad al-Maasrii jedhamuun beekamu Teehiraan keessatti ajaja US'n ergamtoota Israa'eeliin ajjeefamuu isaa haaltee jirti.

Ibsa Poompewoon Kiibxata kaleessaa Waashiingtan keessatti kennaniin, yeroo jalqabaatiif Maasriin Hagayya 7 ajjeefamuu mirkanneessuun odeeffannoo dabalataa osoo hinhimiin darbaniiru.

Namoonni Mootummaan Iraan kan amantaa Islaama Shiyaa leellisuufi harbeessitoonni garee Sunnii akka waliif diinaatti ilaalan dogongora ta'uu himan.

''Sababii Maasriin Iraan keessa taaa'uusaatiif nuti har'a asitti argamne. Rippabliki Islaamaa Iraan buufata mana haaraa al-Qaa'iidaati,'' jedhan.

"Sababii kanaafu kaayyoon hammeenyaa Osaamaa Bin Laadan ciminaafi dandeettii argataa jira.''

Erga bara 2015tii kaasee Poompeen dureewwan Al-Qaa'iidaa akka bilisaan biyyattii keessatti miseensoota biraa waliin akka wal quunnamaniifi hojiiwwan kana dura Afgaanistaaniifi Paakistaan irraa ajajaman kan akka haleellaaf ajaja kennuu, holoola gaggeessuufi galii walitti qabu akka gaggeefaniif hayyamte jirti jechuun Teehiraam himaatan.

''Maraamartoon Iraaniifi al-Qaa'iidaa nageenya biyyootaa fi kan Ameerikaa mataasaa balaarra kan buusuudha, kanaafuu tarkaanfii fudhanna,'' jedhan.

Mr Poompeen dabaluudhaa, Ameerikaan haala sadarkaawwan Shororkeesitoota Addunyaa Ramadaman Addaa hoggantoota al-Qaa'idaa lama kanneen Iraan keessatti bu'ureeffachu amananiif keennuuf yaadaa jiraachu himan.

Isaanis Mohaammad Abbaataay kan Raahmaan al- Maaghreebii fi Sultaan Yuusuuf Haasan al-Ariif jedhaman ta'u dubbatan.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

1px transparent line

US qaamaa bakka Maaghrebiin itti argamu himuu ykn eenyuummaa isaa adda baasuun himeef badhaasa doolaara miliyoona torbaa keennuuf yaaduus himan. Akkasumas qondaaltoota al-Qaa'idaa lamaa kan Iraan keessa jiru jedhaman; Saa'if al-Adeel fi Yaasin al- Suurii bakka jiran kanneen himaniif badhaasin dhiyaateera.

Erga bara 2001tti waraanni USn ogganamu biyya ollaa Afgaansitaanitti boba'een booda miseensoonni maatii Osaamaa Bilaadan fi milishoonni al-Qaa'idaa hedduun gara Iraaniitti baqatan.

Aangaa'oonni Iraan garuu karaa seeraatiin ala waan daangaa ce'aniif to'achuun gara biyya irraa dhuufaniitti Erga bara darbe Maasriin Iraan keessa ajjeefamuun himameen booda ministeerri Haajaa laa Iraan ''shororkeessaan'' al-Qaa'isaa omtu biyyoo isaanii irraa hinjiru jechuun waakkataniiru.