Barataa Keeniyaa abbaa, haadha fi miseensota maatii isaa shan ajjeesuu amane

Dargaggoo ajjeecha raawwate mana murtiitti

Madda suuraa, NATION BREAKING NEWS

Barataan yunivarsitii Keeniyaa haadha, abbaafi miseensota maatii isaa biroo sadii walumatti shan akkamiin akka ajjeese Poolisiitti hime.

Miidiyaaleen Keeniyaa akka gabaasanitti dargaggoon ganna 22 Saayman Waruunge, abbaa, haadha, obboleessaa fi durbii isaa sibilaan erga dha’ee boodaa waraane akka isaan ajjeese. Hojjataa mana isaani keessa ture ajjeesuu amaneera.

Barataan kun maatiin isaa ''hamoo fi kan haafura seexanaa'' qabanidha jechuun poolisiitti himuu Gaazexaan Star gabaaseera.

Barataan kun ajjeechaa hamaa kana dalaguuf kaka'umsa kan argate fiilmii Biriitish 'Killing Eve' jedhamu irraa akka ta'e Televiziyooniin biyyattii Citizen jedhamu poolisii eeruun gabaaseera.

Dargaggoon kun qorattootatti akka himetti obbolaan isaa dubaraa lamaan dabalatee hunda isaani ajjeesuuf kan karoorse ture ta'us Mudde 5 irratti obbolaan isaaa lamaan kun yeroo mana baruumsaatti deebi'an karoorri isaa kun hin milkaa'iin hafe.

Akka diraamaa kanaratti argetti Warungeen maatii isaa garajabinaan tokko tokkoon ajjeesee raga jiru balleessuuf imala eegale.

Gaabsni poolisii akka agarsiisutti jalqaba hojjataa Jeems Kinyanjuyi jedhamu kan mana irraa meetira muurasa fagaate jiru ajjeese.

Sana booda harmee isaa Aani Wanjiku gola keessa turte ajjeese.

Maatii ajjeefaman

Madda suuraa, The Star

Achiis obboleessa isaa ganna 12 iyyaa harmee isaa dhaga'ee dhufe ajjeesse.

Shakkamaan kun boodarra abbaa isaa Nikoolas Waruunge kan haleellaa kana baqachuuf jecha darbii manaa irraa utaalee ajjeesse.

Dhuma irratti durbii isaa ganna 13 siree jala dhokatee ture ajjeese.

Qoondaltoota poolisiiitti akka himeetti daa'imni kun jilbeeffattee adaraa nan hin ajjeesiin jedhe isa kadhatus haaduun waaranee isa ajjeese.

Warungee ajjeechaa kana raawwachuu isaa dura akkamiin ajjeechaa raawwachuu akka danda'u dursee interneetarraa qorachuu isaa poolisiitti himuu Citizen gabaaseera.

Tokkoon isaanii lubbuun akka hin oolleef, Waruungeen jalqaba sibiilaan mataa isaanii rukutee, morma isaanii muruun dura laphee isaaniirra irra daddeebiin waraanuun gabaafameera.

Yakka kana raawwachuun booda, Warungeen meeshaa ittin ajjeese fi bilbila namoota ajjeese kanaa fudhachuun gara ganda Nijikasee bakka jalalleesaa waliin kireeffatetti imale.

Yunivarsitii Mount Keeniyaatti barataa IT wagga lammaaffaa kan ta'e Warungeen haaduu, wayyaa isaaa dhiigni itti faca'ee fi furtuu manaa tokko mana fincaanii uummataa keessati akka gatee gabaasni Citizen ni eera.

Boodarra gara dacha dhiyoosaa jiru deemee bilbilaa fi meeshaalee biroo gubuu isaa gabaafameera.

Akka gabaasa Citizen TV tti maatiin isaa akka isa jibbaniifi akka isa hamatan yaaduun isaa sababa isaan ajjeeseef ta'uu dubbateera.

Harmeen isaa Keeniyaa keessatti narsii wal’aansa dhibee sammuu yoo taatu, abbaan isaa ammoo US keessatti narsii ta’ee kan hojjataa ture yoo ta’u ajjeefamuu isaan dura ayyanaa Dhaloota Kiristoosiif jecha gara biyyatti deebi’e.

Dabalataanis poolisiin jalallee isaa to’annoo jala olcheera. Lamaan isaani Wiixata mana murtiitti dhiyaataniiru.