Niijeeritti haleellaa hidhattootaan namotni 70 ta'an ajjeefaman

Madda suuraa, Getty Images
Namootni hidhattoota Islaamummaa fiinxaalessan ta'uu akka hin oolle shakkaman Niijeer keessatti gandoota lama haleeluun yoo xiqqaate namooti torbaatama tahan ajjeefaman.
Ganda Itchoombaangoo keessatti namoonni 49 yoo ajjeefaman 17 immoo madaa’aniiru.
Gnda Zaaroomdaareeyee keessattis namoonni 30 ajjeefamaniiru. Gandooti kunneen lixa Niijeer daangaa Maaliitti argamu.
Yeroo dhihootiin asitti Afrikaa, naannoo Saahelitti haleellaan garee hidhattootaan raawwatamu baay'eetu mudata.
Gaafa Sanbataa Maalii keessatti loltoonni lama jalaa ajjeefamuu Firaans himtee turte.
Sa’aatii muraasa dura immoo gareen al-Qaayidaa waliin hidhata qabu haleellaa loltoota lameen duuba akka jiru himeera.
Firaans gamtaa biyyoota Afrikaa Lixaa fi Awurooppaa kan garee hidhate Islaamummaa fiinxaalessu naannnoo Saahel jiru loluuf dhaabbate hogganaa turte.
Haa tahu malee naannichi hokkara sababii sabummaan ka’u, saamicha, daddabarsa seeraan alaa namootaa fi baala sammuu si’eessuun dhiibbaan irra gaha.
Haleellaa gaafa Sanbataa mudateen ministirri dhimma keessaa Niijeer Alkaachee Alhaadaa naannichatti loltoonni garas ergamuu himaniiru.
Haa tahu malee Alhaadaan namootni meeqa akka miidhaman hin ibsine ture.
Qondaaloti naannichaa namoonni baay'ee ajjeefamuu AFP’tti himaniiru, gaazexeessitoonni naannichaa immoo namoonni 50 tahan ajjeefamuu himu.
Naannoon Niijeer Tillaabeerii jedhamu kan gandooti kunneen keessatti argaman daangaa biyyoota sadii Niijeer, Maalii fi Burkinafaasoo daangessu dha.
Waggoota dhihoon asitti haleellaan jihaadaa baay'ee keessatti mudata.
Haleellaa hidhattoota kanaa hambisuuf yaalii taasifamuun doqdoqqee geejjibaaf fayyadamuun dhorkameera. Yeroo baay'ee haleellaan konkolaattota irraati banama gatii taheef.
Naannoleen Niijeer jihaadistootaa Naayijeeriyaa irraas haleellaan irra gaha.
Baatii darbe miseensonni Bokoo Haaraam naannoo Kibba-Baha Nijeer Diffaatti namoota 27 ajjeesaniiru.
Haleellaan amma Tillaabeeriitti qaqqabe yeroo Niijeer filannoo biyyaalessaa gaggeessaa jirtutti dha. Pireezidant Mahaammaduu Issoofuunis marroo lamaaf waggaa shan erga bulchaniin booda bu’uuf jiru.
Qondaaloti filannoo akka jedhanitti bu’aa filannoo yeroof baheen miseensi paartii biyya hogganuu Mohaammad Baazoom akka dursaa jiran himaniiru.
Guraandhala 21 immoo marsaa lammataaf sagaleen kennama.













